Dhaabbatni #Ethiotelecom Jaarraa 2 ol rafaa ture, Tajaajila Qulqullina hin qabneefi Maamiltoota saamuun kan beekamu Reefuu hirribaa dammaqee akka lubbuun keessaa hin baane wixxifachaa jira. Ethiotelecom tajaajila haaraa #telebirr jedhamu kan Qarshii kuufachuu, daddabarsuu, Kafaluuf, Mallaqa fudhachuuf oolu jalqabuusaa beeksiseera Dhaabbatni Tokkichi Tajaajila Telekoomii Biyya keenyatti Ummata Mil.110 oliif Dhiyeessu(Monopoly Telecom Service Provider in Ethiopia) […]
Itoophiyaatti, Seektarri Telekoomii Olaantummaa Mootummaatiin Dhaabbatni tokkochi Ethiotelecom dhuunfachuudhaan rakkoolee adda addaafi kisaaraa siyaas-diinagdee biyya keenyaatiin shoora olaanaa kan taphate akka ture irra deddeebiidhaan oroict.com qeeqa adda addaa barreessaa turuun keenya ni yaadatama. Rakkoon kun rakkoo dhuunfaa qofa osoo hin taane rakkoo akka biyyatti kan ilaalamu tahuu hubatamee Mootummaanis Furmaanni kan dhufu yoo Dhaabbatni Telekoom […]
Gabaasni BBC Afaan Oromoo Baasii Interneetaarratti qopheesse Bu’uura hin qabu Dhaabbileen China karaa Itiyoo-Telekoom Ummata Saamaa jiru Qafoowwan China Mosajii Hannaa itti-fe’ame kan hanna icciitii-dhuunfaafi basaasummaaf oolu 200,000 ol Afrikatti argame Dhaabbtni Itiyoo-telecom waggaa lama dura fooyya’iinsa gatii tajaajiloota telekoomii yeroo lama taasisee kan ture yommuu tahu isa dura sadarkaa Idil-Addunyaatti dhaabbata tajaajiloota telekoomii gatii […]
Dhaabbatni tajaajiloota Telekoomii dhiyeessu kan Qulqullinnisaa mirkanaaye, baasiin fayyadamtootaa giddugaleeffate, Icciitenya/mateenya/hayyisa/nageenya fayyadamtootaa mirkaneessu, fedhii fi dantaa fayyadamtootaa giddugaleeffachuun komiin fayyadamtootaa keessatti dhagahamu, akkasumas gidduseenummaa qaama sadaffaa kamiinuu irra bilisa ta’e fi gahiinsa babaldhisuu dhaaf hojii idileesaatti fuulleffachuu dhiisee hojii dabalataa lammiilee irratti gaaga’ama qaqqabsiisan, fedhii fi dantaa muraasaa irratti hundaayee fi mirga heera biyyatti irratti bahe cabsuun fayyadamummaa sabootaaf sablammootaa danquu, akkasumas mirgoota dhuunfaa, mirgoota Amantii fi kkf sarbaa jira
Feesbuukiin qabiyyeewwan oduu sobaa fi jibbiinsaa akka to’atuuf dhiibbaan irratti godhamaa jira. Biyyoonni seera ittiin qabiyyee miidiyaa hawaasummaa to’atan hin baafatan taanaan, nuti waan nurraa eegamu ni hojjenna. Feesbuukiin qabiyyee to’achuurratti harkifataadha jedhama.
Kisaaraan yakka Saayibariitiin Afrikaa irra gahe bara 2017 Doolara Ameerikaa Bil. 3.5tti kan tilmaamu yoo tahu, Ka’umsa bara 2016 ammoo yoo xiqqaate Biyyootni Afrikaa Doolara Bil.2 ol dhabuutu himame.
Bilbila ykn Koompitara Argii too’achuu(Screen Monitoring), Fageenyarraa too’achuu(Remote Monitoring) fi Gahiinsa Fageenyarraa(Remote Access) yeroo arginu maqaalefi hojiinsaanii walitti dhiyaata, Garuu garaagarummaa guddaa qaba.
Yeroo ammaa immoo Telegram irrattis gaaffii dhiyeessineen Eenyummeessaan(Account) Hiikkaa Telegiraamii Afaan Oromoo nuuf banamee – Hiikkaa Jechoota Telegiraamii gara Jechoota Afaan Oromootti kan eegalle tahuu yeroo ibsinu Gammachuu Guddaadhaan.
Haasaa jibbiinsaa fi oduu sobaa tamsaasuun nama dhuunfaa yookiin garee irratti haleellaan akka raawwatamu yookin yaalamu taasise hidhaa cimaa hanga waggaa shanii gahuun adabama jedha wixineen labsii har’a irratti mari’atame.
Tooftaa karaa Ergaa Gabaabaa(SMS by short code)tiin #Ethiotelecom Ummata keenya saamuu ittuma fufee jira. Ofeeggannoo guchuu qaba hawaasni
- 1
- 2