Feesbuukii Hanna Feesbuukii Hanna Interneetaa Hanna Interneetaa Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa Tajaajila Telekoomii

Biyyoonni addunyaa qabiyyeewwan miidhaa geessisan ittisna jechuudhaan mirga yaada ofii ibsachuu lammilee sarbuu hin qaban.

Hundeessaa fi hoogganaan Dhaabbata Feesbuukii mark Zuckerberg qabiyyeewwan miidhaa geessisan to’annoon gahee dhaabbata isaa qofa waan hintaaneef seeraa cimaan dabalataa jiraachu qaba jedhan.

Dhaabbatasaanii Feesbuukii dabalatee dhaabbileen miidiyaa hawaasummaa garuu mirga yaada ofii walabaan ibsachuu lammiilee irratti murteessuu hin qabn jedhan.

Hata’u malee biyyoonni addunyaa qabiyyeewwan miidhaa geessisan ittisna jechuun mirga yaada ofii ibsachuu lammilee sarbuu hin qaban jedhan, akka fakkeenyaatti Chaayinaa eeruun.

Hoogganaa gameessi kun kana kan dubbatan yaa’ii nageenyaa Jarmanii magaalaa Muunik keessatti taa’amerratti.

Odeeffannoo sobaa fi jibbiinsa qaban akka hin tamsaasneef dhaabbilee miidiyaa hawaasummaa dhiibbaan irratti uumamu keessaa feesbuukiin tokko.

Keessattuu feesbuukiin qabiyyeewwan siyaasaa tamsaasuun burjaajii uumuusaatiin komatama.

Asxaa Feesbuukii
Image copyright: REUTERS

Dhaabbatichi bara 2018 imaammata qabiyyeewwan siyaasaa ittiin to’atu Ameerikaa keessatti baasee, bara itti aanummoo adunyaa maratti hojiirraa oolcheera.

Akka seera haara feesbuukiitti beeksisni waa’ee siyaasaa kamiyyuu wayita feesbuukiitti ba’u enyu akka itti kaffale ni beekama.

Hawaasi feesbuukii fayyadamu hunid qaama kaffalee qabiyyee siyaasaa beeksise sana barbaadee akka arguuf iyyama seerri haaraan kun.

Torbee kana garuu qaama qabiyyee siyaasaaf ispoonsara ta’e hin saaxilu jechuun feesbuukiin ibseera.

Qabiyyeewwan namoota siyaasaatiin maxxanfamanis hin sakatta’aman jedhe feesbuukiin, kunis walabummaan yaada ofii ibsachuu akka hin sarbineef jedha.

Kanaafuu qabiyyeewwan miidhaa geessisan irratti biyyoonni seera ittiin to’atan baafachuu qabu malee dhaabileen miidiyaa hawaasummaa lammiileen akka yaada bilisaan hin ibsanne gochuu hin qaban jedhu Hoogganaan Feesbuukii Maark Zuckerberg.

”Biyyoonni seera ittiin qabiyyee miidiyaa hawaasummaa to’atan hin baafatan taanaan, nuti waan nurraa eegamu ni hojjenna. Feesbuukiin qabiyyee to’achuurratti harkifataadha jedhama. Garuu dhimmi ijoon tarkaanfiin feesbuukii sirrii fi sirrii ta’uu dhabuu osoo hin taane mirgi lammiilee maali, lammiileen walabummaa akkamii barbaadu kan jedhuudha.

 

Maddi odeeffannoo kanaa: BBC Afaan Oromooti.

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *