Afaan Oromoo Barnoota Adda Addaa Daldala Toorarraa Kalaqa | Innovation Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa | Social Medias News Odeeffannoollee Adda Addaa Tajaajila Telekoomii

Dhaabbileen Dhiyeessii Tajaajiloota Telekoomii Idil-Addunyaa Gurguddoon Itoophiyatti Hojii Eegaluuf

Itoophiyaatti, Seektarri Telekoomii Olaantummaa Mootummaatiin Dhaabbatni tokkochi Ethiotelecom dhuunfachuudhaan rakkoolee adda addaafi kisaaraa siyaas-diinagdee biyya keenyaatiin shoora olaanaa kan taphate akka ture irra deddeebiidhaan oroict.com qeeqa adda addaa barreessaa turuun keenya ni yaadatama.  Rakkoon kun rakkoo dhuunfaa qofa osoo hin taane rakkoo akka biyyatti kan ilaalamu tahuu hubatamee Mootummaanis Furmaanni kan dhufu yoo Dhaabbatni Telekoom gara Dhaabbilee dhuunfatti darbe akka tahe amanuudhaan adeemsi jalqabame. 

Waggootan sadan darbanitti Mootummaan Dhaabbilee gurguddoo akka Ethiotelecom, Humna Ibsaa, Buufata Xayyaaraa fa’a kanneen Mootummaan guutumaan guututti dhuunfatee too’achaa waggoottan dheeraaf ture dabarsee dhaabbilee dhuunfaatiif kennuuf kutannoo qabaachuu ibsaa tureera. Isaan keessaa Dhaabbatni Telekoom gara Dhaabbilee dhuunfatti akka darbu murtaayee turuu MM.Abiy Ahmed Paarlaamaaf ibsuun ni yaadamata.

Adeemsi sun Gorsaa seektarichaa qacaruu irraa kaasee Dhaabbata Olaantummaan Seektaricha hoogganu hundeessuu kan gahee ture. Haaluma kanaan Dhaabbatni Aangoo seeraan daangeffame olaanaa qabuu fi seektaricha akka too’atuuf Abbaan Taayitaa Qunnamtii Itoophiyaa(Ethiopian Communications Authority (ECA)) hundeeffamee hojii jalqabeera.

Kana malees caalbaasiin Dhaabbata Telekoomii gara Dhaabbilee dhuunfatti dabarsuu bahee dhaabbilee Dhiyeessii Tajaajiloota Telekoomii Sadarkaa Idil-Addunyatti beekkaman kan hirmaachise raawwatamuu abbaan Taayitaa kun beeksiseera. Dhaabbileen Caalbaasii irratti hirmaatanis Etisalat, Kandu Global Telecommunications, Liquid Telecom, MTN, Orange, Safaricom, Saudi Telecom Company, Snail Mobile, Telecom liberalization, telecom licenses, Telkom SA, Vodafone

Ministeera Faayinaansitti Gorsaan Olaanaan Dhimma Seektara Telekoomii obbo Biruuki Taayyee, ” Adeemsi Seektara Telekoomii Dhaabilee dhuunfaatti dabarsuu yeroo gabaabaa keessatti ni raawwata” jedhanii turan. Akka Obbo Taayyeen ibsanitti Hayyamni, Dhaabbilee Telekoomii lamaa hanga Sadaasa(April) 5, 2021 ni raawwata jedhan.

Akka odeessaleen adda addaa agarsiisutti, Qoodamni gabaa Telekoomii biyya Itoophiyaa kun Ethiotelecom dhibbeentaa 55 kan qabatu yommuu tahu, Dhaabbileen hayyamni akka kennamuuf murtaaye ammoo dhibbeentaa 45 qabata jedhameera.

kanumaan walqabatee, Gabaasni Baankii Addunyaa ji’a darbe baase kan agarsiisu, Ethiotelecom waggaa dheeraaf Gabaa Telekoomii biyyatti kophatti dhuunfatee kan ture waan taheef, Gabaa Telekoomii gara dhaabbata Dhuunfatti dabarsuuf godhamaa jiran irratti Mootummaan Qoodamiinsa seera qabeessa dhaabbilee haaraadhaaf akka taasisu akeekkachiisee turuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan yeroo ammaa akka odeessaaleen tokko tokko agarsiisaa jiranitti

 

Telekoomiin Guddichi Afrikaa Kibbaa – MTN, Orange and MTN launch pan-African mobile money

 

 

 

 

 

Ethiopia attracts 12 major telecom operators for two licenses

 

Telekoomii Guddicha Biyya Biriiteen – Vodafone

 

 

 

 

fi Telekoomii Guddicha Biyya Faransaayi – Orange jedhamuuf hayyamni kennamu gara xumuraa irra gahuu bira darbee Dhaabbileen akka MTN, Vodafone fa’a Waajjira banachuu, Tajaajiloota barbaachisoo akka humna Ibsaa diriirfachuu eegaluu maddeen qabatamaarraa oroict.com Solutions Mirkaneeffateera.

Kana malees, Orange, Itoophiyaa keessatti durseeyyuu hojiilee tokko tokko eegaluu gabaasni Afrikaa News ni agarsiisa. Kanaanis Orange, Itoophiyatti Giddugala Digitaalawaa kan tahe Hubannoo Dijitaalaaa fi Kalaqa adda addaa kan ofkeessaa qabus jedhameera

 

 

 

 

 

 

Naga Wajjiin | Kind Regards;
oroict.com Solutions
Cell: +251903439943

Web: www.oroict.com – ICT Consultancy
www.afan-oromoo.com – Afaan Oromoo
www.hojii.net   – Employment Company

       : www.africadigitalmarket.com   – Digital Marketing
       : store.africandigitalmarket.com   – ADM Store
https://fayyaa.afaan-oromoo.com – Health Advice
       : www.mwhomeschool.com   – Online Learning Management System
       : www.mwhomeschool.com/oroictAcademy   – oroict.com Academy

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *