Hanna Interneetaa Hanna Koompitaraa Seerawaa Lakk. IMEI Qafoo Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa Qafoo Moobayilaa Tajaajila Telekoomii

Bilbila ykn Koompitara Argii too’achuu(Screen Monitoring), Fageenyarraa too’achuu(Remote Monitoring) fi Gahiinsa Fageenyarraa(Remote Access) – Basaasa Telekoomii qolachuu

 

1) Bilbila ykn Koompitara Fooddaadhaan too’achuu(Screen Monitoring) –
Bilbila ykn Koompitara Argiidhaan too’achuu(Screen Monitoring) inni jennu Bilbila ykn koompitara sana nama biraatu too’ata ykn hordofa osoo hin taane abbama qabeenyaatu Bilbilasaa ykn koompitarasaa Argii baldhina caala qabu irratti hojii hojjachuu fedhan, ykn deetaa ykn qabiyyee bilbila ykn koompitara isaanii sana keessa jiru haala salphaan hojjachuuf ykn too’achuuf ykn ilaaluuf akka isaaniif mijatu Argii(screen) baldhina qabu irraa to’achuuf tooftaa gargaaruudha.

Fakkeenya kanneen keessaa muraasni:
– Bilbila keenya Koompitara irraa too’achuu
– Bilbila keenya TVilee diriiroo(Smart TV) irraa too’achuu

Tooftaalee bilbila ykn koompitara ittiin walqunnamsiifnee too’achuuf nu gargaaran keessaa:
Smart View, Airplay, WI-FI, HDMI, Quick Connect, Netflix fi kkf dha.

2) Bilbila ykn Koompitara Fageenyarraa too’achuu(Remote Monitoring) – Kun Tooftaa ulaagaa murtaa’e qabu ta’ee raawwii hojiiwwan cimdaalee bu’uureffatan mi’oota fageenyarraa(remote devices) fayyadamuudhaan adeemsa, raawwiilee murtaayan, haalojii(status) barbaadamu fageenyarraa, Mana dhuunfaatii, Biyya biraarraa, Imalarraa fikkf taa’anii too’achuu, deeggaruu, yaada kennuu, Walgahii teessisuufi kkf raawwachuudha.

Dhugaa dubbachuuf too’annaan fageenyarraa(Remote accessing) ulfaataadha, inumaayyuu nama hubannoo teekinoolojii hin qabneef hedduu walxaxaafi kan jaataneessuuudha.
Haata’uu malee; Yeroo ammaa hedduu baramaa kan dhufe yoo tahu, namootni dhuunfaa, dhaabbileefi kkf cimdaa Manaa(Home Network), Cimdaa qe’ee(local network), fi yoo karaa adeeman namni dhuunfaa ykn gareen tokko rakkina tokko malee hojiisaa akka raawwatuuf kan mijaayeedha.

Fakkeenya kanneen keessaa muraasni:
– Hoogganaan waajira tokkoo Hojjataa isaa Eenyutu hojiirra jiraachuufi hafuu, Eenyu akka boqonnaa irra jiruufi boqonnaa fudhateeru salphatti too’achuufi horfofuuf
– Kaamera Gamoowwan gurguddaa irratti hidhaman, ykn Magaalaa keessatti haala sosochii tiraafiikaa too’achuuf dhaabaman waajjira tokko keessa taa’anii hordofuu, garagalcha argii(screenshot) tolchuu, barbaachisaa ta’ee argamaan hanga ajaja kennuu fa’a gaheewwan Too’annaa fageenyarraati.

3) Gahiinsa Fageenyarraa(Remote Access) Bilbila ykn Koompitara tokkoo – Kun ammoo Dandeettii qunnamtii cimdaa(network connection)tti dhimma bahuun Mi’oota fageenyarra(Remote devices) akka bilbila ykn koompitara nama biraa ta’e hayyama abbummaa malee dubbisuu, too’achuu, hanga beekkamtii abbaa malee waan barbaadan raawwachuuti.
Gahiin Fagoo(Remote Access) keessatti, Fayyadamaan tokko sirna(system) barbaade tokko osoo qaamaan argamuun hin barbaachisin seenee waan fedhe ykn barbaade itti raawwachuu kan danda’uudha.

Hub: Gahiin Fagoo(Remote Access) kan Raawwatamu karaa lamaan: Isaanis;
1) Karaa Dhaabbata Dhiyeessaa Tajaajila Telekoomii(Telecom services provider)
2) Qunnamtii Interneetaatiin(Internet connection)

1) Karaa Dhaabbata Dhiyeessaa Tajaajila Telekoomii(Telecom services provider) – Kana jechuun akka biyya keenyaatti #ETHIOTELECOM jechuudha. Kanaafuu Ethiotelecom yeroo barbaadetti, Bilbila/koompitara keenya waan barbaadee fi akka barbaadetti hordofuu hin danda’uuree?
Akkuma Idil-Addunyaatittuu dhaabbileen dhiyeessii tajaajiloota Telekoomii yeroo baay’ee Mootummaafis ta’ee dhaabbilee garagaraatiif akka BASAASAAtti tajaajilu. Kana jechuun Odeeffannoolee namoota dhuunfaa ykn fayyadamtoota ykn maamiloota isaanii kan yeroo yerootti keessummeessituu(server) isaanii irratti kuusan yeroo barbaadanitti qaama mootummaa, yeroo kaan ammoo dhaabbilee biyyoota biroottis faayidaadhaaf dabarsanii gurgurachuunillee ni muldhata.


Mee muudannoo biyya keenyaa keessaa keessaa fakkeenya muraasa isiniif kaafna:
Fkn1:- Akka Gabaafni dhaabbata Mormaa Mirga dhala Namaa(Human Right Watch) Bittotteessa 2014 bahe agarsiisutti, Namni isaa hin eeramin Paartii Mormituu Oromoo tahe tokko akka himetti” Gaafa tokko na hidhanii, waan hunda ani hojjadhu natti agarsiisan, Bilbiloota ani bilbilaa ture hunda natti agarsiisan, Bilbila ani obboleessa kiyya waliin haasa’e na dhageeffachiisan. Wanti na hidhaniif bilbilaan waa’ee siyaasaa haasofne. Bilbila yeroo jalqabaatiif qabadhe waan ta’eef bilisaan akka garaa kiyya haasa’uu danda’a natti fakkaatee ture.” Jedha namni kun odeeffannoo dhaabbatichaaf kenneen.

Gabaafni dhaabbatichaa akka ahgarsiisutti, Bara 2010 A.L.A irraa eegalee guddinni teekinoolojii Itoophiyaa kan biyyaa Afrikaa kanneen birootii gadi jiraatus garuu damee kanarratti xiyyeeffannaan hojjatamaa turuu eera gabaasni dhaabbata Mormaa Mirga dhala Namaa(Human Right Watch).
Guutummmaa gabaasichaa:
https://www.hrw.org/report/2014/03/25/they-know-everything-we-do/telecom-and-internet-surveillance-ethiopia

Fkn2:- Gabaafni guyyama walfakkaatu dhaabbata Mormaa Mirga dhala Namaa(Human Right Watch)n bahe biraammoo Biyyi Itoophiyaa Tekinoolojii biyya alaa fayyadamtee Mormitoota biyya keessaa fi alaa basaasaa jiraachuu eera.
Kana irrattis gabaafni fuula 100 ol akka irratti barraayeefi Mormitoota, Aktiivistoota, Gaazexeessitootaa fi fii faana dhayaa jiraachuu hima gabaafni dhaabbatichaa.
Guutummmaa gabaasichaa:
https://www.hrw.org/news/2014/03/25/ethiopia-telecom-surveillance-chills-rights

Haaluma kanaan Gabaafni adda addaa yeroo yerotti haala dhaabbanni dhiyeessii Telekoomii keenya itti ummata keenya basaasaa ture ibsu bahaa tureera, bahaas jira. Gama kanaan Biyyattiin Muuxannoo cimaafi Tekinoolojiiwwan ammayyaawoo Biyyoota adda addaarraa fidanii dhimma itti bahaa turuun niyaadamata, Waggaa lama duras Moosajii basaasaa kan Biyya Awurrooppaatii gatii guddaadhaan bitameen dhaabbaticha oomishe waliin tahuun koompitara Jawar basaasuuf yeroo yaalanitti Jawar gara dhaabbata Mormaa Mirga dhala Namaa(Human Right Watch) gabaasee qorachiiseen saaxilbaasuu ni yaadanna.

Haata’uu malee komii eeramaa jiru kana, namootni muraasni akka raawwiin kun osoo jijjiiramni kun hin dhufin jedhee qeequu mala. Eeyyen sun nutis hin morminu. Haata’uu malee Sirna kana keessa hafeeraa, jettanii yoo gaafattan, #Deebiin ifa; HIN HAFNE. Akkuma jirutti itti-fufuu baatus hojiin kun guyyaa guyyaadhaan akka itti fufee jiru odeeffannoo maddeen itti dhiyoo irraa qabnun mirkaneeffanneerra.

Fkn: Barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee Obsaa Abdiisaa fa’a kan qabaman hordoffii bilbilaatiin. Akkasumas Jldu, Ambo, Finfinneefi iddoolee adda addaatti hordoffii bilbilaatiin ijoolleen Oromoo qabamuun itti fufeera.
Inni biraammoo, Tekinoolojiiwwan gurguddaan waggaa tokko dura tajaajila kennaa ture sun wayii mudhuqeeree achuma jira, deebi’ee hojiitti seenuu maaltu daangessaree yeroo barbaadametti.

Waliigalatti; Dhaabbatni tajaajila Telekoomii kennu tokko, Nama ykn dhaabbata tokko basaasuudhaaf:
A) Tarree Garee barbaachisoo(Selected list) keessatti ramadamuu qaba qaamni barbaadamu sun
B) Haasaa bilbilaa namni sun bilbilaan taasise yeroo inni haasa’u kallattiin ykn erga inni haasa’e booda yeroo fedhanitti duuka bu’anii dhageeffachuu danda’u.
C) Barbaachisaa tahee akka too’annoo seeraa jala oolu barbaadnaanis iddoo namni sun jirutti, yoo boolla keessas jiraate hanga SIM Dhaabbata telekoomii sana hin gatinitti duuka dhatanii argachuuf salphaadha.

Yoo sodaa qabaanne, Furmaatni haasaa Sagalee goonu kamiifuu:
– Bilbila dhiifnee Marsaalee hawaasaa fkn facebook fayyadamuu
– Eenyummeessaa(account) marsaalee hawaasaa keenya Password cimaa fayyadamuu, yeroo yerootti jijjiiruu, barbaachisaa tahee argamnaan maqaa ofii jijjiiranii fayyadamuu, Hayyam-garlammeessaa(two-autentication) daan seensa eenyummeessaa keessanii qadaaduu

Rakkoolee Itti-Fayydama Interneetaatiin nu mudatuuf akkamitti ofeeguu akka qabnu baldhinaan Kutaa-2ffaa gahiinsa fagoo(remote access) keessatti itti deebina nu eeggadhaa.

Hanqinaa fi dogoggora yoo qabaanne oroict.com@gmail.com irratti nu qargattu.


HORAA BULAA DEEBANAA
Garee oroict.com

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *