Barnoota Adda Addaa Hanna | Hacking Hanna Interneetaa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Hawaasaa | Social Medias Odeeffannoollee Adda Addaa Rakkoolee Qinqaanii

Bilbilootni iPhone ilaallataalee(models) 11 fi 12 Kuma 50 ol tahe Basaasamaa turuun beekameera

Piroojektii PEEGAASUS(Pegasus Project):

Deetaan baay’een hatamee ture Miliqee bahe Qinqaanii Basaasummaa(Spyware) Garee Israa’eli NSO kan Kakaastota(Activists), Gaazexeessitootaa fi Aangawoota siyaasaa irratti xiyyeeffate saaxile.

Piroojektiin dhaabbata Miti-Mootummaa Garee Israa’eli NSO kun kan dhimma bahameef mirga namummaa cabsuuf akka idil-addunyattti kan hojiirra ooleedha jedha gabaasni Amnesty International.
Akka qorannoon godhame addeessutti, Lakkoofsota Bilbilaa 50,000 ol basaasummaaf saaxilamuu eereera. Kanneen Basaasummaaf saaxilaman keessaa Hooggantoota Kutaalee biyyootaa(heads of the states), Kakaastota(activists), fi Gaazexeessitoota, Maatii Jamal Khashoggi dabalatee.
Haaluma kanaan, Piroojektiin Peegaasus kun Gaazexeessitoota 80 ol Miidiyaalee adda addaa 17 keessa hojjatan biyyoota 10 irraa basaasummaa kan saaxile akka ture himame.

Dhimma Piroojektii kanaan walqabsiisanii Hoogganaan Olaanaan Dhaabbata Falmaa Mirga Namooma Amnesty International akka jedhanitti, ‘Projectiin basaasummaa kun qindaawaafi filannoo Mootummootni hedduun Gaazexeessitoota afaan qabachiisuuf, kakaastota basaasuufi cabsuuf bakkeewwan heddutti yaalii eegaleedha…” jedhaniiru.

Akka qorannoon kun addeessutti, Qinqaaniin Basaasummaa Peegaasus kun Bilbiloota irratti gadi-lakkifaman/fe’aman kanneen akka qaamni bbarbaade sun odeeffannoolee akka ergaa gabaabaa bilbiloota kanneen keessa jiru dubbisuu, T.E(Emails) sakatta’uu, Midea, Microphone, Came, calls fi Contacts keessa deemanii sakattahan kan karaa banuudha jedhameera.

Meeksikoo, Ruwaandaa, Morookoo, Sa’uudii – kunneen biyyoota gaazexeessitoonnii fi aktiivistoonni Basaasummaa Peegasusiif itti saaxilamaniidha. Biyyi kee tarree Pegasus Spyware kana keessa jirtii?


Akka gabaasichatti, “From the leaked data and their investigations, Forbidden Stories and its media partners identified potential NSO clients in 11 countries: Azerbaijan, Bahrain, Hungary, India, Kazakhstan, Mexico, Morocco, Rwanda, Saudi Arabia, Togo, and the United Arab Emirates (UAE).”

 

 

 

 

 

Qinqaaniin Basaasummaa Peegaasus kun aggaammii osoo waan takka hin cuqaasin karaa iMessage(through iMessage zero-click attacks) bilbiloota iPhone kumoota heddu dhoorkii tokko malee (successfully) yakka basaasuutiif saaxiluu gabaasni Amnesty ni agarsiisa. Bilbilootni kunneenis iphone Gosa ilaallata 11ffaa fi 12ffaa(iPhone 11 and iPhone 12 models) basaasummaaf kan saaxile jedhameera.

Gareen dhaabbata Miti-Mootummaa Israa’eli NSO dhaabbata dhuufnaa qabeenyummaansaa kan Novalpina Capital and Francisco Partners yoo tahe, Investerrotni heddu duubaan akka jiran Amnesty mirkaneessera. Manneen hidhaa UK fi US keessa jiranis hariiraa qabaachutu himame.

Ofeeggannoo barbaachisuuf wantoota suuraa asiin gadiirratti eeraman kana xiyyeeffannoo gochuu feesisa

Worried about cyber-attacks? Want to keep yourself as digitally secure as possible?

Here are 8 tips to help

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *