Barnoota Adda Addaa Barnoota Moobaayilaa Hanna | Hacking Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Odeeffannoollee Adda Addaa Tajaajila Telekoomii

Dhaabbatni Jaarraa Lamaa ol rafaa ture kun akka lubbuun keessaa hin baane wixxifachaa jira

Dhaabbatni #Ethiotelecom Jaarraa 2 ol rafaa ture, Tajaajila Qulqullina hin qabneefi Maamiltoota saamuun kan beekamu Reefuu hirribaa dammaqee akka lubbuun keessaa hin baane wixxifachaa jira.

Ethiotelecom tajaajila haaraa #telebirr jedhamu kan Qarshii kuufachuu, daddabarsuu, Kafaluuf, Mallaqa fudhachuuf oolu jalqabuusaa beeksiseera

Dhaabbatni Tokkichi Tajaajila Telekoomii Biyya keenyatti Ummata Mil.110 oliif Dhiyeessu(Monopoly Telecom Service Provider in Ethiopia) tajaajiloota Interneeta Haadaa fi Haadmaleessa, Interneeta Bilbilaa, Bilbila Sagalee, Lakkoofsa gabaabaa(Short Codes) fikkf Ummata Walakkaa Hawaasa biyyattii dhiyaatuuf kennaa akka ture kan yaadatamuudha.

Garuu akkuma hundi keenya beeknu, Qulqullinni Dhiyeessii tajaajiloota gubbatti eerre dabalatee kanneen biroo hedduun Qulqullina Gadi-aanaa ulaagaa Telekoomii Idil-Addunyaa kan hin Guunne akka tahe yeroo adda addaatti Gareen keenya Ummatya hubachiisuuf ragaalee qabatamaa irratti hundaayee qeeqa dhiyeessaa turree jirra. Dhaabbatichi kophaa biyya dhuunfachuu(Monopoly) tahuusaatiin Ummatni filannoo kan hin qabne waan tureef tajaajiloota ummataaf dhiyeessu hedduu akka madda saamichaatti dhimma itti-bahuun ummata saamaa akka ture namni guyyaa tokko qofa tajaajila dhaabbatichaa fayyadame cufti ragaa bahu.

Haatahuu malee, yeroo ammaa Mootummaan tarkaanfii fudhateen Seektaricha kana Dhaabbilee dhuunfaatiif dabarsuuf hojitti seenee waggoota lamaan darban hojii hojjatameen seektaricharratti Dhaabbileen Dhiyeessii Tajaajiloota Telekoomii Idil-Addunyaa akka hirmaatan Caalbaasiidhaan waldorgomsiisaa turuu gabaafnee turre. Amma caalbaasichi gara xumuraarra kan gaheefi inumaayyuu akka odeessaaleen keessaa agarsiisanitti dhaabbileen Dhiyeessii Tajaajiloota Telekoomii Idil-Addunyaa kanneen akka Vodafone fi MTN caalbaasicha injifatanii Waajjirasaanii dabalatee haalduree barbaachisoo Itoophiyaa keessatti diriirfachuu eegaluu himamaa jira.

Kanaaf fakkaata, Dhaabbatni Dhiyeessii Tajaajiloota Telekoomii biyyattii kophatti dhuunfatee jaarraa lamaa ol rafaa ture #Ethiotelecom kun reefuu kan hirribaa dammaqe fakkaatu. 
4G Magaalaa Finfinnee keessatti qofa tajaajilaa(Kana jechuun Facebook irratti video akka feenetti taphachiisuudhaaf interneetiin humna qabu) Finfinnee keessa qofa ture. Adaamaa fi Naannoo san, Bardari fi Naannoo San, Naannoo Kibbaa Hawaasattis akkasuma kan eegale Torbaan darbeedha.

Ammas kunoo tajaajila haaraa #telebirr jedhamu beeksiseera.Dhaabbatichi akka jedhutti tajaajilli haaraa kun Maamilootni isaa namootni fedhiidhaan maamila ta’e karaa #telebirr Qarshii irratti kuufachuu, daddabarsuu, Yeroo Qilleensaafi Mi’oota Bitachuuf, Biyya alaarraa Mallaqa fudhachuuf tajaajilu akka tahe ibsameera.

 

 

 

Dhaabbatni Jaarraa Lamaa ol rafaa ture kun akka lubbuun keessaa hin baane wixxifachaa jira. Akkuma gubbatti eerre, dhaabbileen Dhiyeessii Tajaajiloota Telekoomii Idil-Addunyaa kanneen biyyoota guddatan keessatti tajaajiloota Qulqullina qabu gatii gadi bu’aadhaan dhiyeessuun muuxaannoofi gahumsa qaban biyya seenanii tajaajila kennuu yoo eegalan, Ummatni Filannoo duraan ummatatti cufamee dhaabbata tokkicha kana qofa irraa tajaajila qulqullinna hin qabne sunuu kan guyyaa guyyatti ummata saamichaan boochisaa ture waan taheef ummatni gadi lakkisee gara dhaabbilee haaratti irraa godaanuun walnama hin gaafachiisu.

Dhaabbatichi Sodaa kana wixxifachutti jira, Tajaajiloota adda addaa babaldhisuu fi Gatii gadi aanaan tajaajila qulqullina gahaa qabu dhiyeessuu yoo hin dandeenye, tajaajila saamicha ykn hannarraa bilisa tahe dhiyeessuu yoo hin dandeenye Maamilootni akka irraa godaanan ifa waan taheef dhaabbatichi kisaaraa keessa seenuudhaan hanga diigamutti ykn harka mootummaa eeggachutti gadi kufuu danda’a.

 

Mootummaanis Kanuma waan sodaa qabuuf ammaaf dhaabbatichi gahee hirmaannaa(Share) tajaajila Telekoomii biyyattii dhibbeentaa 55 dursee daangessee kan hambiseef.

Odeeffannoo baldhina waa’ee kanaan walqabate Dhaabbileen calbaasii moo’atan yeroo mirkanaayan baldhinaan kan itti deebinu taha.

#Galatoomaa
Odeeffannoo adda addaatiif #telegram keenya hordofaa
https://t.me/oroict_solutions

Author

abdiisaa

Comment (1)

  1. Chala Lalisa
    May 14, 2021

    Oroict you are doing well, go on! I want to learn What you are teaching, specially tecknology of internet. Please help me how to join your learning, teaching

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *