Afaan Oromoo Barnoota Adda Addaa Daldala Toorarraa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa Marsaalee Hawaasaa | Social Medias Odeeffannoollee Adda Addaa Yuutuubii

Sababoota Ijoo Sirbootni/Suursagaleen tokko Ilaalcha(views) hedduuminnaan akka hin arganne godhaniifi Kallattii Furmaataa – Kutaa-2ffaa

Baroota Dheeraadhaaf Muuziqaa/Fiilmii/Diraamaafikkf irratti Mooraan Aartii Oromoo Komiiwwan adda addaa dhiyeessaa tureera. Komiin kunis Ummatni keenya Yuutuubii irraa hojii keenya hin ilaalu, Views keenya xiqqaa dha waan taheef hojii keenyarraa Galiin argannu baay’ee gadi bu’aafi kkf dhiyaachaa turaniiru.

Komii kanarraa kaanee yeroo dheeraaf Qorannoolee adda addaa gaggeessinee turre bu’uura gochachuun, #Hojiin Hubannoo cimsuu dirqama tahee waan argameef, bifa armaan gadiitiin isiniif dhiyeessineerra.

Rakkoon ijoon,

  •  Bakka(channel) hordoftoota hin qabnetti gadi lakkifamee miti,
  • Qulqullinni hojichaa gadi-bu’ees miti,
  • Namootni sirboota Afaan Oromoo ilaalan xiqqaachuus miti.
    Rakkoon ijoon #Qaamota(Garee/Chaanaalota/Namoota Gadi-lakkisan) bira jiraachuu Xiinxala adda addaa tooftaalee Adda addaatiin gooneen mirkaneessineerra.

Haaluma kanaan #Xiinxala keenya Qabxii 2ffaa ilaalla:
2ffaa)Hanqina Ibsa Agarsiiftuu Barbaachaa(Lack of Search Engine Oprimization(SEO)):
Ibsi Agarsiiftuu Barbaachaa(Search Engine Oprimization(SEO) – adeemsa maxxansa hojii keenyaa(Suursagalee(video) sanaa keessatti Ibsa Gahaa hojii sana ibsu fayyadamuu, Ibsicha keessatti jechoota Akeektuu(keywords) kanneen kallattiin ykn al-kallattiidhaan hojii sana ibsan sirnaan fayyadamuudhaan, barbaacha namootni iddoma jiranii taa’anii Muuziqaa/Suurgalee ilaaluuf gara Yuutuubii dhufanii yeroo barbaacha yuutuubiitiin jechoota akeektuu(keywords) galchuun barbaadan hojiin keenya gubbaarratti olbahee akka nama sanatti muldhatu kan shoora olaanaa taphatuudha.

Hanqina Ibsa Agarsiiftuu Barbaachaa(Lack of Search Engine Oprimization(SEO))
Kanaafuu, Ibsi Agarsiiftuu Barbaachaa(Search Engine Oprimization(SEO) kun Suursagalee(video) keenya namootni Yuutuubii irraan ykn Googledhaan ykn interneetarraa iyya’aa kamiinuu barbaacha taasisu irratti hojiin keenya(suursagaleen(video)) keenya akka fuulduratti muldhatuuf gahee olaanaa kan tahatu waan taheef hojiin keenya hedduuminnaan akka daawwatamu qabxii ijoo akka tahe hubachuu feesisa.

Ibsi Agarsiiftuu Barbaachaa(Search Engine Oprimization(SEO) inni yuutuubii qabiyyee heddu ofkeessaa qaba. Isaanis:

    • Iyyaatoowwan Matduree fi Ibsa keessaa(Tags in Title & Description),
    • Iyyaatoowwan Matduree keessaa(Tags in Title),
    • Iyyaatoowwan Ibsa keessaa(Tags in Description),
    • Baay’inna tuuta Qubeelee Iyyaatoo(Total tag characters),
    • Jechoota Matduree Ibsa keessaa(Title words in Desctiption) ofkeessaa qaba.

Haaluma kanaan, akkuma Suuraa irraa argitanitti;

    • Nahom Records(Sirba Diishtaa Giinaa): Ibsa Agarsiiftuu Barbaachaa(Search Engine Oprimization(SEO)) kana seeraa guutee Dhibbeentaa 100(100%) waan taheef Halluu keelloo dibameera jira(Lakk.2 suuricha irra jiru ilaalaa)
    •  Vision Entertainment(Sirba Gutu Abera) ammoo: Ibsa Agarsiiftuu Barbaachaa(Search Engine Oprimization(SEO)) kana seeraa kan hin guutnee fi akkuma suuraa irraa muldhatutti tokko tokkoodhaan eessatti akka hanqinna qabu ilaalaa, kanaanis Dhibbeentaa 45(45%) waan taheef Halluu Keelloo dibamee jira(Lakk.2 suuricha irra jiru ilaalaa)
    • Etika Tefari(Sirba Galma DHugaa) ammoo: Ibsa Agarsiiftuu Barbaachaa(Search Engine Oprimization(SEO)) kana seeraa kan hin guutnee fi akkuma suuraa irraa muldhatutti tokko tokkoodhaan eessatti akka hanqinna qabu ilaalaa, kanaanis Dhibbeentaa 35(35%) madaalameera waan taheef Halluu Keelloo dibamee jira(Lakk.2 suuricha irra jiru ilaalaa)

 

 

 

Walumaagalatti: Jechootni Eertuun/Akeektuu(Keywords) – Jechoota baay’ee murteessoo kan tahaniifi hojiin namni kamuu nuti hojjannee gadi-lakkifnu gosa gosaan kan itti suuqaman/jalatti ramadaman kan tahee fi hojii sana ramaddii walfakkaataa/walitti dhiyaatu jalatti ramaduu, Addunyaa tana guutuu irraa namootni adda addaa gosa hojii walfakkaatuu yeroo barbaadu(akka fakkeenya kanaatti, Namootni Afaan kamuu dubbatu, biyya kamuu jiru,… Yuutuubii irraa sirba yoo barbaadu haala salphaan sirbi kun dafee akka muldhatu kan taasisuudha.

Kanaafuu, Ibsi Agarsiiftuu Barbaachaa(Search Engine Oprimization(SEO) Yuutuubiiwwan lameen olii(vision fi Etika) seeraan guutamuu dhabuun sirboota isaan gadi lakkisan Iyyaatoon isaan fayyadaman sadarkaa gadi-aanaan sadarkeeffamu gochuu suuraa kanarraa Lakk.1 irraa ilaalaa, dabalataan ammoo Ibsi Agarsiiftuu Barbaachaa(Search Engine Oprimization(SEO) ulaagaa barbaachisu hanqachuurraa Dhibbeentaa 35 fi 45(35% fi 45%) qofa kan argate waan taheef shoora irraa eegamu(Dursee-agarsiisuu) dadhabuu irraa hojiileen(sirbootni babbareedaan kunneen hamma ilaallamuu qaban osoo hin ilaallamin hafuu isaanii ifatti argineerra.

Hammi kun akkamitti ilaallameree Namootni jedhan hin dhabaman; #Eeyyen, Muuziqaan Oromoo yeroo gabaabaa kanatti hamma kanneen ilaallamuuf carraa argatanii hin beekan, kanaafi kan yeroo adda addaatti Artistootni/Mooraa-Aartii Oromoo keessatti ‘Ummatni keenya Yuutuubiirraa hojii keenya hin ilaalu’ jedhanii komii kaasaa turaniif. Haatahuu malee, Sirbootni kunneen hanga tokko gaarii ilaallamaniiru. Kun kan taheef, Inni-duraa Hojiileen kunneen Qulqulliinaan akka qalbii namootaa hawwatanitti, Ergaalee babbareedoo fi bifa Ammayyaatiin Qulqullinaan hojjataman.

Kunimmoo Qalbii namoota hedduu akka harkisuuf gargaareera. Inni biraa ammoo Waldorgommii Ummanni keenya yeroo ammaa ummata ollaasaa(habashoota) waliin gochaa jiruun, waan ofii jajjabeeffachuuf xiqqeeffachuu irraayi, kunimmoo namootni akka walitti himan, akka waliif hiran, , iddoo itti-gadi-lakkifamerraa osoo hin buusin waliif qoodanii sirboota, aadaa, duushaaf-seenaa ofii akka muldhatuuf tattaafii godhaa jiran irraa kan ka’een waliif dabarsuudhaan, akkasumas maqaa sirbichaa ykn Artistii barbaacha Yuutuubiitti galchuudhaan barbaadanii dhageeffachuudhaan hanga kana kan ilaallame waan taheef, Hawaasa keenya ilaalacha waldorgommii keessa seenee bifa kanaan Artistoota, Aartii fi hojii ilmaan isaa jajjabeessaa jiruuf kabajaafi Galatatu mala.

Karaa-Faallaa kanaatiin ammoo Sirbi Nahom Records(Diishtaa Giinaa) kan ulaagaa Ibsi Agarsiiftuu Barbaachaa(Search Engine Oprimization(SEO) sirnaan guutame ammoo ji’a muraasa keessatti, hamma eegamuu ol-ilaallamuu isaa suuraa irraa argaa jirtu.
Kun ammoo sababa lamaaf carraa hanga ilaallamuu argachuun nama kamiifuu ifa.

Sababootni lamaan kunis tokko, Namoota akkuma warra keenyaa hojii isaanii dorgomaa taasisuuf barbaadanii, waliif hiranii, walitti himanii waliif beeksisaniin akka ilaallamu carraa argame yoo tahu, inni biraa ammoo carraa kan warra keenyaa dhabe sana Ibsa Agarsiiftuu Barbaachaa(Search Engine Oprimization(SEO) sirnaan guutame waan qabuuf, Namootni/Artistootni biyya kamuu jiran fkn: Sirba bareedaa torbee kanaa, Sirba bareedaa, Sirba haaraa, Sirba haalaan ilaalame… fikkf jedhanii Yuutuubii irra yoo barbaadan dursarratti waan dhufuuf carraa ilaallamuu olaanaa argachuudhaan Ji’oota sadi osoo hin guutin Miliyoonota kudhanii oliin ilaallamuuf carroomee jira.

Kanaafuu, Namootni keenya Hojii keenya Yuutuubii, gugilii, Feesbuukii, walumatti interneetarratti yeroo gadi-lakkiftan akkaataa Ummatni salphatti argachuu danda’uun keessattuu Jechoota Eertuu/Akeektuu(Keywords), Ibsa Agarsiiftuu Barbaachaa(Search Engine Oprimization(SEO) fikkf ilaalcha keessa galchuu dirqama akka tahe beekuu feesisa.

Barnoota keenya itti Aanuun, Qabxii 3ffaa(ijoo biraa) Suursagaleen keenya daawwattoota hedduu akka qabaatuuf shoora olaanaa qaban kan isiniif ibsinu taha, qabannee dhiyaanna.

#like, #share ykn #comment gochuun waliif dabarsaa, Namootni keenya hubannoo akka cimsatan deeggaraa

Odeeffannoolee Tekinoolojii adda addaatiif #telegram keenya t.me/oroict_solutions hordofaa

Author

abdiisaa

Comment (1)

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *