Beeksisa Waldorgommii Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Qafoo Moobayilaa

Maamiltootni keenya Hattoota irraa ofeeggadhaa jedha – Ethiotelecom.

******************************************************************** Maamiltootni tokko tokko kaardii akuma guutataniin nujalaa fudhatamaa waan jiruuf itti fayyadamuu hin dandeenye jechuudhaan himata dhiyeeffatani irraa ka’uudhaan dhaabbatichi, himata dhiyaate mirkaneeffachuuf yaalii taasiseen, Namootni ykn gareen Hattootaa hanna irratti bobba’an tajaajila Ethio-gabataa(*999#) fakkeessuun dhaan karaa adda addaatiin akka ummanni itti fayyadamu godhuudhaan Maamiltoota keenyarratti gocha seeraan alaa raawwachaa jiraachuu irra geenyee jirra […]

Barnoota Moobaayilaa Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa

Dhaabbanni Itiyoo-Teelekoom tajaajilawwan kennuu garaa garaa irratti gatii hir’isuu beeksise.

Dhaabbatichi ibsa miidiyaalee biyya keessaaf kenneen, tajaajila intarneetii daataa moobaayilii irratti hir’isa gatii dhibbeentaa 43, kan intarneetii biroodbaandii irratti ammoo dhiibbantaa 54 taasiseera jedhe. Akkasumas tajaajila bilbila sagalee irratti hir’isa gatii dhibbeentaa 40 fi ergaa barreeffamaa gabaabaa irratti ammoo dhibbeentaa 43 taasisuu himeera. barameera. Haaluma kanaan tajaajilli bilbila sagalee duraan daqiiqaatti saantima 83 ture gara […]

Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Miidhaalee(Kisaaraa guyyatti $5-$9) Haasaa Keessoo(CHAT) Marsaalee Hawaasaatiin – Muuxannoo Qabatamaa wajjiin.

Feesbuukiin marsaalee qunnamtii hawaasaa keessaa isa beekkamaadha. Yeroo gabaabaa keessatti beekkamtii olaanaafi hordoftoota hedduu horate. Fayyadamtoota guyyaa guyyaan dabalaa deeman horatee jira, yeroo ammaa hordoftoota ka’aa(Active users) hanga biliyoona 2.19 horachuu odeeffannoon marsariitii dhaabbatichaa ni agarsiisa. Haalli kun dhaabbatichi dhaabbilee gurguddoo addunyaa keessaa toora duraarratti akka hiriiru taasisee jira.   Tajaajila dhaabbanni guddaan addunyaa kennu […]

Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

INTARNEETII IRRATTI OF-EEGGANNOOF BEEKKUMSA BARBAACHISU

Kutaa 2ffaa – SHARE – Ferhan Abdulselam Haakiingi (Hacking):  Sooftweerii ykn haardweerii kompiyuutara tokkoo jallisuudhaan kaayyoo kompiyuutarichi tolfameefiin ala kaayyoo biraa ittiin geggeessuu jechuudha. Kunis laafina siistama kompiyuutara tokkoo ykn neetworkiin tokko qabu (qaawa laafaa) adda baasuun laafina ykn dadhabina isaatti fayyadamanii keessa seenuu jechuudha. Haakiingi jechuun salphumatti hanna bifa virtual taheen adermsifamu jechuu dandeenya. […]

Marsaalee Ammee

Magaalaa Finfinneetiin ala, Mootummaan Tajaajila Interneetaa Kukkutuun maaliif?

Magaalaa Finfinneetiin ala, Mootummaan Tajaajila Interneetaa Kukkutuun maaliif? Torbaanota darban kan tajaajilli Interneetaa Magaalaa finfinneetiin ala adda citeera. Tajaajilli Interneeta Mobile Itoopiyaa keessatti gara lakkoofsa icciitii – ItiyooTelekoom dhaan ummataaf raabsama. Dargaggoonni karaa yoo cufan – Interneetiin ni cufama, Kakaastotni(Activits) yoo jabaatan ykn ciman – Interneetiin ni cufama, Barattootni yoo mufatan – Interneetiin ni cufama, […]