Barnoota Adda Addaa Hanna | Hacking Hanna Interneetaa Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa Marsaalee Hawaasaa | Social Medias Odeeffannoo Daldalaa Odeeffannoollee Adda Addaa Qafoo Moobayilaa Tajaajila Telekoomii

Gabaasni BBC Afaan Oromoo dhimma Gatii interneeta dhaabbatni Itiyoo-telekoom kennu irratti qindeesse Bu’uura kan hin qabneedha.

  • Gabaasni BBC Afaan Oromoo Baasii Interneetaarratti qopheesse Bu’uura hin qabu
  • Dhaabbileen China karaa Itiyoo-Telekoom Ummata Saamaa jiru
  • Qafoowwan China Mosajii Hannaa itti-fe’ame kan hanna icciitii-dhuunfaafi basaasummaaf oolu 200,000 ol Afrikatti argame

Dhaabbtni Itiyoo-telecom waggaa lama dura fooyya’iinsa gatii tajaajiloota telekoomii yeroo lama taasisee kan ture yommuu tahu isa dura sadarkaa Idil-Addunyaatti dhaabbata tajaajiloota telekoomii gatii qaaliin dhiyeessu 3ffaa tahuu qorannoo mirkaneesseen miidiyaaleen Idil-Addunyaa BBC dabalatee gabaasaa turaniiru.

haatahuu malee, Fooyya’iinsa gatii tajaajilaa taasisee as hangam tokko fooyyeen jiraachuu qofa bira darbee keessattuu fayyadamtootni interneeta Mobile dhibbeentaa walakkaa oliin guddachuu odeeffannoooleen keessoo dhaabbatichaatii bahan ni mirkaneessu.
Garuu ammoo fooyya’iinsa taasifameen tajaajilli yeroo ammaa dhaabbatichi ummataaf kennaa jiru kan gatii gadi aanaadha jechisiisuu jennee yoo ilaalle hedduu dhugaa irraa irraa kan fagaateedha.

Mee ragaalee muraasa waliin haa ilaallu:
1ffaa – Akka ragaan dhaabbata waggaa waggaan Qorannoo interneetaa gaggeessu statista.com jedhamu agarsiisutti, Dhaabbatni Itiyoo-Telekoom Interneeta giddugaleessaan 1GB Doolara Ameerikaa 2.44tti gurgurata, kun gatii Birri Itoophiyaatiin Qarshii 134 ol. Haaluma kanaan namni tokko ji’atti Daataa GB 10 Fayyadame Qarshii 1340, Namni Gb 20 fayyadame Qarshii 2680 baasa jechuudha.  Fkn: Gareen oroict.com solutions ji’atti yoo xiqqaate Deetaa Interneetaa GB 100 ol fayyadamna, kuni baasii meeqa akka barbaachisu tilmaamaakaa?
Gatii kanaaniyyuu yoo ilaalle, Itoophiyaan Biyyoota Afrikaa keessaa 21ffaa irra jirti.

 

As biratti dhugaan hubatamuu qabu, Kuufamni ykn Interneetii Qunnamtii-Haadaa(Wired/Broadband) fi Interneetiin Qunnamtii Haad-maleessaa(Wireless) gatiinsaa caalatti kan hirdhatu ta’us yoo hubannoo gahaa qabaannee kuufamaan(Package) dhaan fayyadamne qofaadha.
Haala kanaan kanneen fayyadaman ammoo namoota dhuunfaa muraasa magaalaa gurguuddaa keessa jiran ykn dhaabbilee adda addaati malee sadarkaa hawaasatti ykn namoota dhuunfaatti gadi bu’ee baldhinaan tajaajila kennee ummatni itti fayyadamee baasiisaa qusateera jechuuf tasuma nama hin uggisiisu.

 

2ffaan – Qafoowwan Ammayyawoo fakkaatan kanneen Oomisha Dhaabbilee china heddu kallattiinis ykn Alkallattiidhaan interneeta fayyadamanii tooftaa ittiin ummata keenya hatan adda addaa (different fraud strategies) ofkeessaa kanneen qabanitu gabaa Itoophiyaa keessa guute.
Kana jechuun, Qafoon itoophiyaa keessatti Oomishaman hunda jechuun hanga nama dandeessisutti kan dhaabbilee chinati. Dabalataanis Dhaabbileen Gahiinsa Cimdaa(Network Coverage) dhaabbata Itiyoo-Telekoom diriirsanis kanneen Chinati. Fkn: ZTE, Huawei fa’a.
Kanumaan walqabatee, Qafoowwan Itoophiyaa keessatti oomishamani dursee Qunnamtii-Cimdaa(Network Connection) Itiyoo telekoomii itti fe’anii gabaaf akka dhiyeessan haaldureen mijateera.
Haalli kun ammoo, Dhaabbileen China lamaan(kan Qafoo Oomishuu fi kan Cimdaa diriirsu) harka lafa jalaatiin odeeffannoo waliif dabarsuudhaan tooftaalee adda addaa fayyadamanii karaa intarneetaatiin Mallaqa Ummatarraa akkaataa hataniin haalli mijeffamee akka bahu godhama.

 

Isaan keessaa fakeenyotni gurguddaan:
– Yeroo Namni qafoo bitate intereeta fayyadamu duubbee(background) dhaan osoo abbaan hin beekin mallaqa guddaa akka fixu gochuudha.
– Fkn qabatamaa inni biraa, Qafoo Tecno irratti App tokko fe’anii waliin gurguratu. Abbaan qafoo bitate akka tasaa App sanatti yoo bu’e osoo waan takka hin agarsiisin ykn abbaa hin hayyamsiisin qarshii 5 kutee gara dhaabbaticha Tecno erga.

komiin walfakkaataan yeroo adda addaatti dhaabbata itiyoo-telekoomiif kan dhiyaatu yommuu tahu, dhaabbatni furmaata qabatamaa fayyadamtootaa yoo kaayu hin muldhatu, yeroo adda addaatti jecha-isaaniitiin #Fraud jechuudhaan ibsa baasuu bira kan darbe. kun sababni taheef Qaamni/Gareen harka lafa-jalaatiin ethiotelecom keessaa dhaabbilee china waliin fayyadamu waan jiru fakkaata.

 

Odeessaalee Walfakkaatoo:

 

Kana qofaaree, Akka gabaasni BBC Afaan Ingiliiz Sadaasa, 2020 baase agarsiisutti, Qafoowwan Chinaa Mosajii Hannaa keessa kaayanii Afrikatti gurgurachaa jiraachuu “Chinese phones with built-in malware sold in Africa ” addeesse.

Mosajiin kun hayyama Abbaa qafichaa tokko malee ofumaa galmee fayyadamaa mosajichaa jalatti kan galmeessisuu fi kafaltii miseensummaa yeroo yerotti kutatu qofa osoo hin taane, Icciitiiwwan akka odeeffannoo dhuunfaa, akkasumas tajaajiloota qafichaan fayyadamnu kan akka haasaa add aaddaa funaanee dhaabbatichaaf kan ergu akka tahe addeessa gabaasichi.
Qafoon bifa kanaan Afrikaa biyyoota adda addaatti raabsame Qafoo Tecno 53,000 ol Itoophiyaa, Kaameruun, Gibxii, Gaanaa fi Afrikaa Kibbaa keessatti gurguramuu fi walumatti Qafoowwan 200,000 olirratti moosajichi argamuu Dhaabbata UpStream kan qoranno kana gaggeesse wabeeffachuun gabaasni BBC addeesseera.

Tecno W2
Mosajjii Hanna Qafoo China/Triada Malware/BBC NEws

Mosajjiin hannaa kun Tiriyaadaa(Triada Malware) kan jedhamu yommuu tahu Bilbila gosa Andirooyidii irratti fe’amee Biyyoota Frikaa keessatti raabsamuutu himame. Moosajichi Tiriyaadaa kun jalqabuma qafoo irratti fe;amee gurguraaf gabaaf dhiyaachuu hoogganaan dhaabbata Qorannicha gaggeesse Upstream himaniiru.

Akka dhaabbata Qorannoo IDCtti, raabsaan Oomishaalee Mobile Dhaabbilee chinaa Afrikaa keessatti gurgurtaa-gabaa olaanaa kan qabate tahuu ni mirkaneessa. Akka dhaabbatichi qorannoo BBCtti himetti namootni Moosajii Hannaa(triada Malware) saaxilaman dhaabbata Tecnotti garee deeggarsa gurgurtaa boodaa qunnamuu qabu jedhameera.

 

Gabaasni kun dhugaa tahuu mirkaneeffachuuf, yeroo muraasa qofa Tajaajila Interneeta biyya Itoophiyaa fayyadamuun gahaadha. Dhugaa kana Namootni Itoophiyaa keessatti kaardii guuttatatanii Interneeta fayyadaman hundi ragaa bahu.

 

Maal Kana qofaaree, Saamichi dhaabbata Itiyoo-telekoomii fi Dhaabbilee karaa Itiyoo-telekoomii dhaan Ummata qunnaman hedduun raawatamu tokko tokkoon tarreessufu nama rakkisa. Keessaa ijoon kanneen akka Tajaajila Lakkoofsa-Gabaabaa(Short-Codes) kan yeroma ofii fedhetti Ergaa gabaabaa ummatatti ergee mallaqa kutatu. Kan yoo ofirraa dhaabuuf gaafanne hin dhaabbatne. Kan osoo nuti fedhii keenyaan hin galmaayin lakkoofsa keenya Kuusdeetaa(Database) dhaabbatichaa keessaa maamiltoota dhaabbaticha mil.50 ol hunduma fudhatee Ergaa gabaabaa itti-erguudhaan mallaqa kutatu meeqaaf meeqa.

 

Gama biraatiin ammoo wanti yeroo kamuu irraanfatamuu hin qabne, Galiin Lammiileen biyyattii argattu giddugalaan hangam akka tahe yaadachuun dirqama. Interneeta baay’inaan kan fayyadamu, dargaggoota waan tahaniif Galiin dargaggootaa giddugalaan meeqa akka tahe ofgaafachuu feesisa, inumaayyuu dargaggootni Miliyoona hedduu kanneen hojii hin qabneefi biyyattiin hoji-dhabdummaadhaan sadarkaa fuulduraarra jiraachuu irraanfachuu hin qabnu. Kanumaaf oroict.com Solutions bara darbe rakkoo koronaan biyyattii keessatti fide fi sadarkaa hojidhabduummaa dargaggoota biyyattii ilaalcha keessa galchuudhaan #Taarifiin(Gatiin) Interneetaa caalmatti akka hirdhatu dhaabbatia Itiyoo-Telekoomiitiif xalayaa barreessinee turuun ni yaadatama.

 

 

Walumaagalatti, Rakkoolee muraasaa asiin olitti tarreessineefi kanneen biroo dabalatee yoo madaalle, tajaajilli #Itiyoo-Telekoomii gatii gadi-aanaa dha wanti nama jechisiisu akka hin jirreefi bu’uura kan hin qabneedha jennee amanna akka garee oroict.com Solutions tti.
Tilmaamni BBC Afaan Oromoo gabaasa isaatiin gatiin tajaajila interneeta dhaabbata Itiyoo-telekoom gadi aanaadha jechuun baases kan bu’uura hin qabne jennee amanna.

 

Horaa Bulaa Deebanaa
oroict.com Solutions


Odeeffannoo Tekinoolojiin walqabate yeroo yerotti argachuuf:

oroict.com Solutions
****
Telegram : https://t.me/oroict
Facebook: https://www.facebook.com/oroictsolutions
Website: https://oroict.com/
Twitter: https://twitter.com/oroict
YouTube: https://www.youtube.com/c/afaanonline
Instagram: https://instagram.com/oroict_com
Email: oroict.com@gmail.com or info@oroict.com

 

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *