Afaan Oromo Translation Hiikkaa Telegiraamii Afaan Oromoo Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa Odeeffannoo Daldalaa Qafoo Moobayilaa Tajaajila Telekoomii

Telegiraamii Afaan Oromoo | Oduu Gammachiisa – Hiikkaan Telegiraamii Afaan Oromoo jalqabame.

************
Kun Ummata Oromoofi Jaalattoota Afaan Oromoo hundaaf oduu gaariidha. Afaan tokko Guddate kan jedhamu, ulaagaan inni jalqaba, Tekinoolojiiwwan adda addaa keessatti tajaajila kennuuf yemmuu carraa argatuudha. Keessaahuu Tekinoolojii Sadarkaa Idil-Addunyaa tajaajila kennan irratti yeroo hojii irraa ooluu, Afaan hojii Dhaabbilee idil-addunyaa kanneenii tahuu, Afaanota Gurguddaa Idil-addunyaatiin Oomishaaleefi tajaajiloota gurguddaa biyyoota guddatan keessatti argaman nutis afaan keenyaan salphatti akka argannuu gochuufi haala mijeessuuu, Guddinni Afaanii Gara sadarkaa Afaanota Gurguddoo Idil-Addunyaa keessatti akka ramadamuu fi faayidaalee dabatalaa hedduu kan qabuudha.

Kanumaan walqabateeti nutis Afaan keenya hanga danda’ametti Dhaabbilee gurguddaa idil-addunyaa keessahuu Marsaalee Hawaasaa kanneen akka Feesbuukii, Twitter, Telegram, Instagram, Google, Yuutuubiifi kkf tajaajiloota isaanii Afaan Oromootiin akka ummataaf kennaniif gama dandeenyu hundaan dhiibbaa gochaa turre, ammas itti jirra. Kanaanis, gaaffii Ilmaan Oromoo waltaanee dhaabbata Feesbuukiitiif dhiyeessineenis yeroo ammaa Feesbuukiin Hiikkaa Afaan Oromoo dhibbeentaa 92 irragahee tajaajila hwaasaatiifs torbee darberraa eegaluu ibsinee turre.

Haaluma kanaan, Yeroo ammaa immoo Telegram irrattis gaaffii dhiyeessineen Eenyummeessaan(Account) Hiikkaa Telegiraamii Afaan Oromoo nuuf banamee – Hiikkaa Jechoota Telegiraamii gara Jechoota Afaan Oromootti kan eegalle tahuu yeroo ibsinu Gammachuu Guddaadhaan.

Kanaafuu, Hundi keenya akkuma Feesbuukii irratti hiikaa turre sana,

kunoo Geessii(link):

https://translations.telegram.org/oromolanguage

kana yeroo bantan

2ffaa: Ammas Geessii(link)

https://translations.telegram.org/oromolanguage

yoo bantan Fuulli asii gadii kun isiniif dhufa

 

 

3ffaa: Seenuu (login) gochuu qabdu

 

 

>> NEXT jettanii mirkaneessitu, 

>> Lakkada(code) Telegram keessan irratti isniif dhufu itti galchitu

 

 

xumura irratti fuulli itti jechoota hiiknu bifa kanaan nuuf banama.

iit fufnee

bantanii telegraamii keessaniin seentanii, warri hin qabne ammoo bilbila keessaniin eenyummeessaa keessan banattanii hiikkaa eegaltu.
Akka Mariidhaaf tolu ammoo:Garee Telegiraamii (https://t.me/translation_oromolanguage )
kana join godhaa mari’achaa hojjanna koottaa.

Tartiibaafi Odeeffannoo guutuu suuraan deeggarame dhiyotti gareen oroict.com Marsariitii keenya www.afaan-oromoo.com irratti isinniif maxxansina.

Ergaa kana waliif daddabarsaa
Ulfaadhaa
Garee haala mijeessaa jiru: Afaan Oromo Online (www.afaan-oromoo.com)

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *