Hanna Interneetaa Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa Tajaajila Telekoomii

oroict.com | Ethiotelecom Guddina Tekinoolojii Addunyaa waliin biyya keenna tarkaanfachiisuu cinatti dhiisee gaaga’amaaf ummata keenna saaxiluu itti fufeera.

Dambii ITU cabsuudhaan Sarbama Mirga Qunnamtii Hawaasaa Dhaabbatni Ethiotelecom irra deddeebiidhaan raawwachaa jiru: – #Obsaan Dubbisaa – #Share godhaa
Dhaabbatni Dhiyeessii Tajaajila Telekoomii kamuu Galmi hundeeffamuuf:
– Maamiltootaaf Riqicha walqunnamtii ykn karaa hawaasni ittiin walqunnamuun diriirsuudha ijoon.
Karaaleen Maamiltootni ittiin qunnamaniin ammoo add dureen Bilbila(Harkaa fi waajjiraa) fi Interneeta[Dialup, GSM, 3G, 4G, Broadband, Wireless].
Dhaabbatichi dhiyeessii tajaajiloota Telekoomii kanneen yeroo diriirsu akkuma humnaa fi dandeettii isaatiin garaagarummaa yoo qabaataniiyyuu yeroo adda addaatti daangaa ykn biyya keessatti hojjachuuf hayyama qaban keessatti yeroo gara yerootti gahiinsa(coverage) isaanii babaldhifachaa Maamiloota isaaniitiif tajaajila dhiyeessu.
Dhaabbatni Telekoomii kamuu dhiyeessii Tajaajila isaa keessatti ammoo ijoowwan Sadarkaa Idil-Addunyaatti kaawaman fudhatee hojiirra oolchuuf waadaa seenee kan hojjatu yommuu tahu ijoowwan dhaabbileen Telekoomii adda durummaan irratti hojjachuu qaban keessaa muraasni:
– Dhiyeessii Tajaajila Qulqullina qabeessaa fi quubsaa tahe dhiyeessuu
– Gabaa Addunyaa kan giddugaleeffachuun dorgomaa tahuu
– Tajaajila Gahumsa qabu(accesseble) kennuu
– Fedhii fi Faayidaa Maamiltootasaa irratti hundaayuu
– Maamiltootaa isaatiif Mateenya, hayyisaa fi iittisa olaanaa gochuu fi kkf.
Haaluma kanaan dhaabbatni Telecomiin biyya keenyaas(Ethiotelecom) Dambii tumaa seeraa ‘Telecommunication Proclamation No. 49/1996 and 281/2002 (amendment) and Regulation No 47/1996.’ jalatti tarreeffameen waadaa seenee hojii kan eegale tahus yeroo gara yerootti gocha seer-alummaa ummata keenya irratti raawwataa ture ammas raawwachaa jira.
Dhaabbatni dhiyeessii telecom(Ethiotelecom) akkuma waliigalaattuu ijoowwan asii olitti tarreeffaman keessatti madaala keessa akka hin seenne badii fi rakkoolee adda addaa maamiltootasaa(Ummata biyya keennaa) irraan gahaa ture hunduu qabatamaan kan beeknuudha.
Gochootni seer-alummaa Dhaabbatni kun yeroo gara yerootti ummata keenyarratti raawwataa turee fi jiru muraasni:
Taarifa humnaa olii fi hanna yeroo adda adaatti maamiltootarratti raawwatu.
Taarifa Dhaabilee Telekoomii Muddee 2019 Sadarkaa Idil-Addunyaatti baheen Dhaabbata Taarifa mi’aa/qaalii Addunyaa 3ffaa tahuudhaan ramaddii argachuu isaa asiin dura gabaasa BBC isiniif maxxansinee turre.
Hub: Akka Seera telekoomii Addunyaatti Taarifni tajaajila telecoomii Lammii biyyatti tokkootiif, Galii ji’aa irraa Dhibbeentaa 2(2%) darbuu hin qabu jedha. Garuu #Ethiotelecom lammii biyya keenyaa irraa giddugaleessaan galii ji’aa lammiilee irraa hanga dhibbeentaa 20(20% of individual monthly income) kafalchiisaa akka ture qorannoon Idil-Addunyaa sun ibsee ture. Kanaafuu Saamicha olaanaatu lammiillee irratti gaggeeffamaa jiraachuu gabaasa kanarraa mirkaneeffachuun salphaadha.
Maal san qofaree; Waggaa lama dura ifaan ifatti Maamiltootni kaardii yeroo guuttatan sa’aatii barbaadanitti hanga barbaadan kutachaa turan, yeroo itti qarshii 25, 50, 100 guuttannee osoo takka hin fayyadamin keessaa dhabnutu ture. 994tti bilbilee maamilli yeroo gaafatu, ‘ #Rakkoo System dha.’ jedhamee jecha sadiin deebiin kennama ture. Haala kanaan yeroo dheeraaf ummanni saamamaa ture hindi keenya ni beeyna.
Hub: Ummanni keenya Mallaqni jalaa baduuyyuu kan beeku muraasa, innuyyuu mallaqni hedduun yeroo jalaa hatamu malee yeroo baay’ee qarshii 1 fa’a yeroo hatamu hin beekan. Fkn: Osoo guyyatti Qarshii 1 Maamiltoota bilbila harkaa fi Bilbila haadaa fayyadaman Mil.20irraa kutan tahee guyyatti Miliyoona 20 akka nama lafaa argateeti jechuudha. Irra deddeebiidhaanis tooftaa kana fayyadamaniiru.
Osoma haalli akkasii itti-fufee jiru Tooftaalee biroo kan ummata ittiin saamuun danda’amu bocan.
Tooftaalee kanneen keessaa muraasni:
a) Tooftaa tajaajila Lakkoofsa Gabaabaa(Short code services)
Tooftaan tajaajila Lakkoofsa Gabaabaa(Short code services) kunneen Gosa Ergaa gabaabaa (SMS) fi Bilbila Sagaleetiinis kan jiru yoo tahu, isaan lachuu karaa lamaan tajaajila kennu. Biyya keenyatti karaan lachuu Ummata keenya Saamichaaf kan saaxileedha. Tajaajilli lakkoofsa Gabaabaa kun dhaabbata adda addaa keessatti taarifa adda addaa qaba. Qarshii 1, 2, 3, 4, 5, 7, 8, 10….fi kan kana fakkaatan kutata. Lakkoofsi gabaabaan Daqiiqaa tokkotti qarshii 8 kutatu yoo tilmaamne tajaajila akkamii fayyadamaaf kennuuf jedhaa ofgaafadhaa mee…. Amanuufuu nama rakkisa.
Gosooti Tajaajila Lakkoofsa Gabaabaa lamaan kunneen:
MO – Mobile Originating:Mobile Originating jechuun Maamilli ykn Fayyadamaan yeroo fedhiisaatiin ergaa gabaabaas ta’e bilbila bilbile Mallaqa kan kutatuudha.
MT- Mobile Terminating:Mobile Terminating jechuun Dhaabbatni Lakkoofsa Gabaabaa baafate santu sa’aatii fi guyyaa barbaadaetti yoo fedhe guyyaa tokkottillee si’a heddu Maamilatti ykn Fayyadamaatti ergaa gabaabaas ta’e bilbila bilbile Mallaqa kan kutatuudha. Kun tooftaa ittiin ofirraa dhaabanillee walxaxaafii inumaayyuu ofirraa dhaabuufillee rakkisaa tahuu isaatiin ummata keenya saamichaaf saaxilee, ammas saaxilaa jira.
Hub: Ummani Baadiyaa hubannoo gahaa hin qabne meeqatu akkasitti saamamaa akka turee fi ammas saamamaa jiraachuu tilmaamaa….
b) Sagalee Waamicha Sirba Artistootaa irra godhamu(CRBT)
Sagaleen Waamicha Sirba Artistootaa irra godhamu(CRBT) – yeroo namni tokko nama biraatiif bilbilu, nama isiniif bilbilu hanga isin bilbila kaaftaniif sirba Jaalattan akka affeeru gochuu yoo tahu, galmaayuuf qarshii 5, Sirba barbaaddan tokko irra kaayachuuf qarshii 5 fi ji’a ji’aanillee qarshii 5 kan kutatuudha. Galii kana keessaa Artistii abbaa sirbichaatiif dhibbeentaa 15 qofatu waadaa galamaaf, hanga adhaatti Artistii kafalameef hin argine ani. Tooftaan kunis dheeroo dheeraaf Ummata keenya saamuuf itti fayyadamaniiru.
Wanti garaa nama nyaatu ammoo; Artistoota keenya walakkaa sirbi isaanii kan ABO/ONEG jedhanii, warra muraasa irraa fayyadamtu jedhanii 15% argattu jedhanii irraa fuudhanii sirbasaanii gurgurachaa turaniif kafaltiin waadaa galameef kafalameef hin jiru.
– Tokkicha biyya dhaale tahuudhaan Fedhii Ummataatiin alatti waan fedhii ofiisaanii raawwachuu, keessaahuu Siyaasa Dhaaba biyya Bulchuu fayyaduuf adda-durummaan kan dhimma itti bahamuudha.
Dhaabbatni kophaalessa(Monopoly) biyya keenyaa #Ethiotelecom, guutummaa ofumaa tajaajila telekoomii hunda akka dhiyeessu carraan waan argateef qulqullina dhiyeessii tajaajilaatiif, gahiinsa tajaajilichaatiif, Taarifa dhiyeessii tajaajilichaa, dantaa fi fedhii maamiltootaatiif, akkasumas dhaabbata tajaajila Hawaasaatiif dhimma kan hin qabne, itti-gaafatamummaa hin fudhanne tahee hardha gaheera.
Hojiilee adda addaa yeroo gara yerootti karaa dhaabbata kanaatiin ummata irra gahu tarreessanii fixuun nama rakkisa.
Keessattuu, Qaama biyya bulchuuf oolmaa ooluuf hojiileen ifattis tahee icciitiin hojjataman, Manichi Mootummoota biyya kanaa dhufaaf darbaa teessoo jalatti qabuu kaayyoo adda durummaa godhatee kan hundeeffameedha nama jechisiisa.
Isaan keessaa fakkeenyi Muraasni:
i) Odeeffannoon nama dhuunfaas tahee dhaabbileetiif eegumsi gahaan kan hin godhamne waan taheef icciitii dhuunfaas dhaabbilees balaarra buusu haala salphaan kan baafamuu fi baafamaa tureedha. kanaan kan miidhames manni haa lakkaawu….
ii) Mirga Sab-daneessummaa sarbuu – Dhaabbaticha keessatti caasaan ijaarsa hojjattootaa durumarraa kaasee garee muraasaa fi dandaa isaanii giddugaleeffate irraa kan ijaarameedha. Waggaaa 3 dura Garee dantaa adda addaa qabu 2tu ture. Tokko Gareen Hooggansa olaanoo(saba Tigree) yoo tahu gareen kun baay’inaan xiqqoo waan tahaniif Hoogganaa/iddoo faayidaa argatuuftoo’atutti kan ramadamuudha, fi Garee hedduumina qabaatee aangoollee haadhabu malee hooggansa olaanoo keessaallee damee qabaatee raawwii(operation) irra kan turan, Garee Sabaan Amaara tahaniidha. Gareen duraa sun sirna jige waliin jigee, gareen kuun olbahe Aangoo qabate.
Gareen kun akkuma amala isaanii dantaa fi fedhii akkuma aabjuu hundasaanii keessa jiru galmaan gahuuf halkanii guyyaa hojjachaa kan jiraniidha. Isaan keessaa akka fakeenyatti yoo kaafne:
– Ramaddiin hojjattootaa sablammiilee biyyatti keessaa giddugaleessa kan hin godhatiniifi inumayyuu damee dhaabbatichaa tokko tokko keessatti hojjattoonumti sabummaa ofiillee himachuuf hanga sodaa keessa seenutti jiraachuu maddeen keenya nuuf himaniiru.
– Ergaa Ayyaanota adda addaa yeroo yerootti Mootummaan karaa dhaabbata kanaan Ergaa gabaabaadhaan ergu akkamitti barreeffamee ergamuu akka eegale waan hundumri keessanuu argaa jirtu. komiin hedduu waa’ee kanarratti marsaalee hawaasaa irra deemaa waan tureef yeroo koo asirratti hin balleessu.
– Afaan Hojii-dhaabbatichaa duraan turan laaffisuu fi Dirqamaan AFAAN AMAARAA Fayyadmtootatti fe’uu: Ergaan Hubannoo Koronaatiif jedhamee yeroo Maamiltootni waliif bilbilan Dirqamaan bilbila Fayyadamtootaarratti fe’ame Mirga heerri biyyatti Afaan dhalootaatiin odeeffannoo barbaachisaa argadhaa jedhu kan sarbe, olaantummaa Afaan tokkoo deebisuuf karoora yaadamee fi Fedhii Fayyadamaa malee Dirqisiisanii bilbilarratti kan fe’ameedha. Kunoo ammas Ergaa Muummicha Ministeeraas Haaluma walfakkaatuun hojii Mirga sabootaa dhiibanii olaantummaa Afaan Amaaraa deebisuuf jalqabame itti fufsiisuuf imala jalqabeedha.
Kana qofaaree, adda ciccituu tajaajilootaa, qaala’iinsa taarifa adda ciccituu, asumaanuu – Tajaajila Telekoomii dhaabbatni #Ethiotelecom dhiyeessu tokko kan akka interneetaa ji’aan kafalamu fa’a baafattanii osoo fayyadamaa jirtan tasa rakkoon mudatee yoo adda cite fkn Jalqaba ji’aatti guyyoota 10 qofa fayyadamtanii haadni(cable) osoo citee osoo hin fayyadamin jiini itti-aanu dhufee, Kafaltiin isaanii kanuma akka yeroo ji’a guutuu fayyadamtanii hunduma isin kafalchiisu. Yoom kana qofa, rakkoolee dhaabbatni kun biyya keenyarraan gahe laakaayaa osoo bulleellee hin fixnu…
Walumaagalatti; Dhaabbatni tajaajiloota Telekoomii maamiltoota/akka biyya keeyyatti ummataaf dhiyeessu tokko dhiyeessii Tajaajiloota dhiyeessanii keessatti Tajaajila Qulqullinnisaa mirkanaaye, baasii humna fayyadamtootaa giddugaleeffate, Icciitega/mateenya/hayyisa/nageenya fayyadamtootaa keessatti mirkanaaye, fedhii fi dantaa fayyadamtootaa giddugaleeffachuun komiin fayyadamtootaa keessatti dhagahamu, akkasumas gidduseenummaa qaama sadaffaa kamiinuu irra bilisa ta’e fi gahiinsa gahaa waliin dhiyeessuu akka qabuudha kan eegamu.
Haatahuu malee, #Hanqinoota muraasa Asiin olitti tarreeffaman dabalatee kanneen hin tarreeffamin hedduu waliin #Ethitelecom akkamiti dhaabbilee dhiyeessii tajaajila Telekoomii dhiyeessan waliin walmadaalaree?
#Ethiotelecom dambii ‘Telecommunication Proclamation No. 49/1996 and 281/2002 (amendment) and Regulation No 47/1996.’ jalatti tarreeffameen waadaa seenee eessa geesseree? Akkamitti Damee Telekoomii Idil-Addunyaa jalatti ramadna? Isinumaaf dhiisa. Kanaanis Dhaabbatichi kaayyoo ijoo hundeeffameef cinaatti dhiisuu isaa hubanna.
Dhaabbatichi Kophaalessummaan biyya dhuunfachuurraa kan ka’e Tajaajiloota Telekoomii hunduma kophaatti ofii kan dhiyeessu yommuu tahu, akka seera ITUtti, Fayyadamaan tokko tajaajila barbaade gidduu seenumas qaama sadafaa malee fayyadamuu qaba. Kana jechuun Fayyadamaan tokko yakkamaa ykn biyyatti yakka hojjachaa waan jiruuf ragaalee sagalee isaa sakatta’uu barbaadna jedhee ajajni mana murtii irraa yoo dhufe malee yeroma fedhanitti abbaa fedhan gidduu seenanii dhageeffachuun hin danda’amu, Ethiotelecom garuu qaamota nageenya biyyattii eegsifna jedhan waliin hojii kanaan busy tahuun isaanii hin oolle, dhageeffachuu irraa hanga faana dhahuu. Kunis sarbamiinsa mirga namootaa biyya kanarra gahu deeggaruuf shoora olaanaa bahuu isaa tilmaamuun salphaadha mitiiree. Bilbila yeroo Fayyadamtootni waliif bilbilan, Muka dhiyeessii cimdaa naannichaa(local tower) rukutee nama bilbilichi barbaadutti darbuu qaba, Namni bilbilameef yoo fageenyarra jiraate Muka-dhiyeessii lammaffaatti darbuu danda’a, fkn suuraa kanaatiin:
kanaan achi kallattiin lakkoofsa barbaadame bira seenuu qaba, kun dambii ittiin fayyadama telekoomii Addunyaati, #ethiotelecom garuu gidduu seenuudhaan waan fedhe hojjata, hanga LIVE haasa dhageeffachuu, Sirba itti fe’uu, Dhaamsa Muummicha ministeeraa Fedhii Fayyadamaa malee dirqiin dhageeffachiisuu, Tajaajila yeroo fedhetti addaan kutuu fi kkf muraasni wantoota dhaabbaticha Gahumsa Ogummaa dhaabbateef raawwachuuf dandeettii akka hin qabne agarsiisan muraasa.
Dhaabbatni tajaajiloota Telekoomii dhiyeessu kan Qulqullinnisaa mirkanaaye, baasiin fayyadamtootaa giddugaleeffate, Icciitenya/mateenya/hayyisa/nageenya fayyadamtootaa mirkaneessu, fedhii fi dantaa fayyadamtootaa giddugaleeffachuun komiin fayyadamtootaa keessatti dhagahamu, akkasumas gidduseenummaa qaama sadaffaa kamiinuu irra bilisa ta’e fi gahiinsa babaldhisuu dhaaf hojii idileesaatti fuulleffachuu dhiisee hojii dabalataa lammiilee irratti gaaga’ama qaqqabsiisan, fedhii fi dantaa muraasaa irratti hundaayee fi mirga heera biyyatti irratti bahe cabsuun fayyadamummaa sabootaaf sablammootaa danquu, akkasumas mirgoota dhuunfaa, mirgoota Amantii fi kkf sarbaa jira

HORAA BULAA DEEBANAA
oroict.com Technologies

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *