Piroojektii PEEGAASUS(Pegasus Project): Deetaan baay’een hatamee ture Miliqee bahe Qinqaanii Basaasummaa(Spyware) Garee Israa’eli NSO kan Kakaastota(Activists), Gaazexeessitootaa fi Aangawoota siyaasaa irratti xiyyeeffate saaxile. Piroojektiin dhaabbata Miti-Mootummaa Garee Israa’eli NSO kun kan dhimma bahameef mirga namummaa cabsuuf akka idil-addunyattti kan hojiirra ooleedha jedha gabaasni Amnesty International. Akka qorannoon godhame addeessutti, Lakkoofsota Bilbilaa 50,000 ol basaasummaaf saaxilamuu […]
Hogganaan Imaammata Nageenyaa Feesbuukii Naatinaa’el Gileecher ibsa miidiyaaleef kenneen, fuulawwanfi, Eenyummeessaawwan sobaa 176 Itoophiyaa irratti xiyyeeffachuun odeeffannoo maxxansan ugguramuu hime. Dhaabbatichi kan kana beeksise Gabaasa Amaloota Qindaa’aa waan jedhan hin fakkaanne [Coordinated Inauthentic Behavior] jechuun guyyaa Roobii baaseen. Qorannoo gaggeeffameen Eenyummeessaalee Feesbuukii 65, fuulota Feesbuukii 52 fi Gareewwan 27 fi Eenyummeessaa Inistaagiraamii 32 haqamaniiru. Fuulawwan, Eenyummeessaalee fi gareen […]
Biyya Itoophiyaarratti Aggaammiin Qinqaanii ‘Lola Piraamidii Gurraachaa’ jedhamu godhamaa jira jedhame. #Gabaasa_INSA – Dhaabbatni Eegumsa Nageenya Odeeffannoo Interneetaa fi Cimdaa biyya Itoopyaa(INSA) jedhamu kaleessa ibsa baaseen akka jedhutti, Yeroo ammaa Aggaammiin(Cyber Attack) kan Qinqaanii haaraa ‘Black Pramid War – Lola Piraamidii Gurraachaa’ jedhamu Koompitaroota haaraa Kuma-37 tahan irratti xiyyeeffate yaalii adda addaa taasisaa kan […]
Bara Odeeffannoo kanatti Odeeffannoo Miliksuun/hatuun Baay’ee Salphaadha #Hactivism(Hanna Kakaasaa) – Yeroon amma keessa jirru kun Jaarraa Odeeffannoo jedhamuun beekama. Yeroo Odeeffannoon saffisa akka Qilleensaatiin tatamsa’utti jiruudha. Kun Adeemsa biyyootni badhaadhan #Giloobaalizashiinii ykn Addunyaa Ganda tokkoo uumuu yommuu tahu, kana milkeessuufis Tekinoolojiiwwan adda addaa kanneen akka marsaalee hawaasaa, tatamsa’inna Odeeffannoo kanaaf shoora olaanaa taphachaa jiru. Haalli […]
Dhaabbatni #Ethiotelecom Jaarraa 2 ol rafaa ture, Tajaajila Qulqullina hin qabneefi Maamiltoota saamuun kan beekamu Reefuu hirribaa dammaqee akka lubbuun keessaa hin baane wixxifachaa jira. Ethiotelecom tajaajila haaraa #telebirr jedhamu kan Qarshii kuufachuu, daddabarsuu, Kafaluuf, Mallaqa fudhachuuf oolu jalqabuusaa beeksiseera Dhaabbatni Tokkichi Tajaajila Telekoomii Biyya keenyatti Ummata Mil.110 oliif Dhiyeessu(Monopoly Telecom Service Provider in Ethiopia) […]
Lallabaan wangeelaa beekamaan kun namoota gay ta’an nan fayyisa jechuun lallabaa ture, dhaabni teessoon isaa UK ta’e ‘openDemocracy’ jedhamu ammoo kun sirrii miti jechuun himannaa eegale. Qaamni himannaa TB Jooshuwaa irratti bane kun yoo xiqqaate viidiyoowwan torban kanneen bara 2016 fi 2020 gidduu YouTube nama wangeelaa kanarratti fe’aman erga sakatta’ee booda YouTube’tti iyyate. YouTube akkaawuntii nama wangeelaa […]
Dhaabbati Facebook fuulawwan Masrii taa’anii Itoophiyaa irratti xiyyeeffatan haquu isaa beeksise. Sababa fuulawwan kunneen haqaman yoo ibsuus imaammata dhaabbatichaa dhimma biyya alaa keessa seenuu dhabuu cabsuun akkasumas duula qindaa’aa dhugaa hin taane keessa qooda fudhachuun akka ta’e ibse. ”Eenyummeessaalee Fesbuukii 17, fuula 6 akkasumas Eenyummeessaalee Inistaagiraamii sadii Masriirraa Itoophiyaa, Sudaaniifi Turkii irratti xiyyeeffatan haqneerra” jedhe […]
Kubbaaniyaalee fi Dhaabileen Mootummaa guyyuu hanna toora-interneetaatiif hatamaa jiru, odeeffannoon namoota dhuunfaas saaxilamaa jira – Hattootni interneetaa deetaawwan hataman bituu fi gurguruu hojii taasifataniiru. Waggoota kudhan darbanitti, Hanni toora-interneetaan gaggeeffame galmeewwan Bil.4 ol tahanitti tilmaamau hatamuu ykn itti-yaadamee milikfamuu, qaama biraatiif dabarfamuu dhaabbatni “Privacy Rights Clearinghouse ” daataa funaane wabeeffatee gabaaseera. Akka gabaasa kanaatti, Hanni […]
Leenjiin kun Barnoota Tekinoolojii Adda addaa irrratti Namoota hubannoo qananiif caalatti akkaataa hojiisaanii irratti Tekinoolojii irraa fayyadamuu danda’an Gahumsa cimsuu dabalatee hanga Ogummaadhaan leenjii kennee waraqaa ogeessummaa laatuu dabalata. Kaayyoon Leenjii kanaa faayidaalee hedduuf ta’ullee garuu ijoowwan lamaaf xiyyeeffannoon kan kennameedha. Isaan keessaa muraasni: Dargaggoota keenyaaf keessattuu kanneen biyya keessaatiif hubannoo […]
Gabaasni BBC Afaan Oromoo Baasii Interneetaarratti qopheesse Bu’uura hin qabu Dhaabbileen China karaa Itiyoo-Telekoom Ummata Saamaa jiru Qafoowwan China Mosajii Hannaa itti-fe’ame kan hanna icciitii-dhuunfaafi basaasummaaf oolu 200,000 ol Afrikatti argame Dhaabbtni Itiyoo-telecom waggaa lama dura fooyya’iinsa gatii tajaajiloota telekoomii yeroo lama taasisee kan ture yommuu tahu isa dura sadarkaa Idil-Addunyaatti dhaabbata tajaajiloota telekoomii gatii […]
- 1
- 2