Barnoota Suursagalee Daldala Toorarraa Hanna | Hacking Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa | Social Medias Odeeffannoollee Adda Addaa Yuutuubii

YouTube tajaajilaa Wangeelaa beekamaa Naayijeeriyaa TB Jooshuwaa uggure

Lallabaan wangeelaa beekamaan kun namoota gay ta’an nan fayyisa jechuun lallabaa ture, dhaabni teessoon isaa UK ta’e ‘openDemocracy’ jedhamu ammoo kun sirrii miti jechuun himannaa eegale.

Qaamni himannaa TB Jooshuwaa irratti bane kun yoo xiqqaate viidiyoowwan torban kanneen bara 2016 fi 2020 gidduu YouTube nama wangeelaa kanarratti fe’aman erga sakatta’ee booda YouTube’tti iyyate.

YouTube akkaawuntii nama wangeelaa TB Jooshuwaa erga cufee booda dubbi himaan jaarmiyaa kanaa yaada kennaniin, ”jaarmiyaan isaanii waa’ee fayyaa nama dhuunfaa fi haala saalaa dhala namaa irratti lallabuu waan hin eeyyamneef cufameera,” jedhan.

Feesbuukiinis viidiyoo mirga dhala namaa sarbuudha jedhee adda baase tokko haqeera.

Feesbuukiin akka jedhutti viidiyoon haqame kun wayita Aabba Jooshuwaan afuura seexanaan keessaa baasa jechuun dubartii tokko akka malee kabalu kan agarsiisuudha.

Lallabaan wangeelaa kun murtee YouTube dabarse irratti ol-iyyatee akka jiru hime.

Akkaawuntiin YouTube nama kanaa hordoftoota (subscribers) miiliyoona 1.8 qaba.

TB Jooshuwaa Afriikaa keessatti nama wangeelaa beekamaa fi dhiibbaa guddaa uumuudha, aanga’oonni siyaasaa gameeyyiin biyyoota Afriikaa garagaraa hordoftoota isaa keessaati.

Namoonni bebbeekamoon wangeela lallaban wayita miidiyaarraa ugguraman kan TB Jooshuwaa kun isa jalqabaa miti.

Bara 2004 lallabaan wangeelaa (raajiin) kamiyyuu osoo hin mirkanaa’in TV kamiinuu akka lallaba hin dabarfanne Komishiniin Biroodkastii Naayijeeriyaa dhorkaa kaa’ee ture.

Raajonni tokko tokko fakkeessitootaa fi taatoowwan qacaramanii kan hojjetan ta’uu himateera jaarmiyaan kun.

Dhaabbileen TV biyyattiis eeyyamni hojii isaanii irraa mulqamuu sodaachuun sagantaa paastarootaa dabarsuu dhaaban.

TB Jooshuwaa eenyu?

Naayijeeriyaa keessatti sirna kadhannaa fi lallabaa isa guddicha gaggeessuun kan beekamu TB Jooshuwaa mana sagadaa guddaa hundeessuun karaa miidiyaalee ergaa wangeelaa dabarsa.

Namoonni kumaatamaan lakkaa’aman sagantaa inni torbanitti yeroo tokko magaalaa guddoo Leegoos keessatti qopheessu hordofu.

TB Jooshuwaa

Lallabaan wangeelaa raajii ofiin jedhu kun bara 1990oota keessa gara dhumaa akkaan beekame.

Yeroo sana paastaroonni hedduun raajii hojjenna jechuun yeroo TV adda addaa irratti dubbatan ture.

TB Joshuwaa yeroo hedduu akka lallaboota warraa kaaniitti wayita sagantaa ”fayyinaatti” agarsiisa guddaafi nama hawwatu in agarsiisu jechuun namootni irratti qoosu turan.

Waldaan isaas dhibeewwan hunda irraa nama fayyisuu nan danda’a, raajii koo nan roobsa, jechuun isa dubbateen ija addunyaa keessa gale.

Keessattuu dhibee balaafamaa yeroo sanaa HIV/AIDS irraa nama fayyisuu akka danda’u wayita dubbatu addunyaan xiyyeeffannaa kenniteef.

Hordoftoota isaa bitratti ”raajii” jedhamuun kan beekamu Jooshuwaan, TV amantii kiristaanaa ittiin barsiisu, ”Emmanuel TV” jedhamu hundeessuun isarratti lallabuu eegale.

Kana malees biyyoota Afriikaa akkasumas biyyoota addunyaa kanneen US, UK fi Kibba Ameerikaa keessa naanna’uun wangeela lallaba.

Gabaasni kan BBC Afaan Oromooti

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *