Barnoota Adda Addaa Hanna | Hacking Hanna Interneetaa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa Marsaalee Hawaasaa | Social Medias Odeeffannoollee Adda Addaa

Hanna Odeeffannoo : Tekinoolojiiwwan ijaan hin muldhanne yeroo ammaa Odeeffannoo miliksuuf hojiirra oolaa jiran

Bara Odeeffannoo kanatti Odeeffannoo Miliksuun/hatuun Baay’ee Salphaadha

#Hactivism(Hanna Kakaasaa) – Yeroon amma keessa jirru kun Jaarraa Odeeffannoo jedhamuun beekama. Yeroo Odeeffannoon saffisa akka Qilleensaatiin tatamsa’utti jiruudha.
Kun Adeemsa biyyootni badhaadhan #Giloobaalizashiinii ykn Addunyaa Ganda tokkoo uumuu yommuu tahu, kana milkeessuufis Tekinoolojiiwwan adda addaa kanneen akka marsaalee hawaasaa, tatamsa’inna Odeeffannoo kanaaf shoora olaanaa taphachaa jiru.

Haalli kun, #HannaOdeeffannootiif haala mijaawaa kan uume waan taheef, Namootni Sadarkaa adda addaatti, haaluma isaaniif mijatuun Hanna Odeeffannoo raawwatu. Kunis Odeeffannoon icciitii kan namoota dhuunfaa/keessattuu Aangawoota adda addaa, Kan Garee, kan Dhaabbilee ykn kan biyyoota milikfamee bahuun baratamaa tahaa dhufeera.

#Odeeffannoon kan hatamuuf faayidaalee adda addaa Namoota dhuunfaatiif, Gareedhaaf, Sabaaf ykn Biyyaaf kan qabaatu yommuu tahu, isaan keessaa ijoon Mallaqa Gurguddaa itti gaafachuuf, Qaama ykn Garee Faallaatiif dabarsanii kennuudhaan garee kaan dadhabsiisuuf, Ummata/Fayyadamatti agarsiisuudhaan miidhaa irra-gahuuf malu hambisuufikkf…

Amazon.com: RDW We are Anonymous Sticker Premium Decal Die Cut Hacker Group Internet: Automotive

 

 

Haaluma kanaan #HannaKakaasaa – Hanni kun Namoota ykn Garee Siyaas-diinagdee irratti ummata ykn garee isaanii kakaasaniin kan raawwatu, namni hanna kana raawwatu #Hactivisti(Hatticha Kakaasaa) jennaan.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Hacktivism - Overview, Tactics and Intentions, How To Prevent

 

Namni kun Miseensa ykn Deegaraa Garee Hanna Kakaastotaa kan tahe waan taheef, waan hate ykn milikse sana Garee kanaaf dabarsee kan kennuudha. Garichis waan hatamee bira gahe sanaan Garee jalaa hatame doorsisuu, Mallaqa Guddaa gaafachuu, ykn Ummataaf ifoomsuudhaan faayidaa siyaas-diinagdee walirratti eegsifatu.

 

 

 

 

Karaaleen #Hanni kunneen ittiin raawwatuun keessaa muraasni:
-Hanna Interneetaa: iddoma fedhe taa’ee ogeessi ogummaa hannaa gahaa qabu(hackers) qaama/garee/dhaabbata/biyya hatuu barbaadan(target parties) jalaa odeeffannoo barbaadu hatuu/dhageeffachuu/waraabuu.

Tooftaa kanaa, yeroo ammaa Biyyi Ameerikaa, Haasaa/Marii/ Bilbilaa kanneen Hooggantoota Biyyoota Adda addaa akka hordoftu qorannoolee adda addaa mirkaneessee jira. Fkn: Bilbila iPhone Chancelor Jarman waggaa 10 oliif dhageeffachaa akka turan Hattichi beekkamaan lammii Ameerikaa baraba darbe gara Russia baqate(Snowden) icciitii baasee ture. Kana malees, Mootummaanis eroo fedhetti namoota dhuunfaa karaa bilbilasaatiin dhageeffachuu/faana-dhufuu fi kkf raawwachuu danda’a.

-Hanna Qaamaan – Qaamaan argamanii dhageeffachuu/waraabuu dhaan kan raawwatamu. Tooftaa kana keessatti too’annoo naannicharra jiru cimuu kan maluufi qaamni kamuu mi’oota odeeffannoo sana waraabanii daddabarsuuf tolan kan akka bilbila harkaafikkf ittifamuu malu,

Garuu #miootni Tekinoolojii baay’ee ammayyaawoo tahan kanneen sakatta’amiinsaanillee hin muldhanne, ykn qaama keessatti awwaalaman, ykn idduu Buubbuu fi Buqushaa kaawaman ykn Harma/rifeensa dubartootaa gidduu kaawwaman hammisaanii baay’ee xiqqaa tahan hedduutu jira waan taheef qaamni itti-yaadee odeeffannoolee adda addaa miliksee baasuuf ofqopheesse haalota kanneen fayyaduu danda’a.

Mioota Odeeffannoo waraabuuf oolan ammayyaawoo keessaa muraasni:

Smallest Hidden Recording Devices in 2021Best Digital Hidden Voice Recording Devices of 2021 Review | SpyCentreHow to Find Spy Devices in Your Home, Car, Cell Phone, or Computer - TurboFuture

 

Hanna walfakkaataan Miidhaawwan Akka Idil-Addunyaatti gahan baay’ee tahanis Muraasni, akka suuraa asiigadii kanarraa muldhatuu:

 

Odeeffannoo dabalataatiif #telegram keenya hordofaa

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *