Feesbuukii Hanna | Hacking Hanna Feesbuukii Hanna Interneetaa Hanna Interneetaa Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa Marsaalee Hawaasaa | Social Medias Odeeffannoollee Adda Addaa

Dhaabbata Feesbuukii jalaa deetaa namoota dhuunfaa Mil. 533 caalan jalaa Deetaan Namoota Dhuunfaa miliqfamee bahe

Kubbaaniyaalee fi Dhaabileen Mootummaa guyyuu hanna toora-interneetaatiif hatamaa jiru, odeeffannoon namoota dhuunfaas saaxilamaa jira
– Hattootni interneetaa deetaawwan hataman bituu fi gurguruu hojii taasifataniiru.

Waggoota kudhan darbanitti, Hanni toora-interneetaan gaggeeffame galmeewwan Bil.4 ol tahanitti tilmaamau hatamuu ykn itti-yaadamee milikfamuu, qaama biraatiif dabarfamuu dhaabbatni “Privacy Rights Clearinghouse ” daataa funaane wabeeffatee gabaaseera.
Akka gabaasa kanaatti, Hanni kun yeroo 7000 ol kkan raawwatame tahuu, Hanni-olaanaan(Mega-breaches) kan deetaa namoota Miliyoona dhibbaa ol irratti raawwatameera akka fakkeenyatti dhiyaateera.

Amma ammoo, hattootni-interneetaa(hackers) Dhaabbata Feesbuukii jalaa deetaa namoota dhuunfaa kanneen hedduuminni Mil. 533 caalan jalaa odeeffannoo dhuunfaa bilisaan miliksanii baasanii maxxansaniiru. Akka Gabaasa Insidertti, Deetaaleen dhuunfaa kanneen akka: Maqaa, Lakkoofsa Bilbilaa, Teessoo-Ergaa(Email), Lakk.Eenyummeessaa(Account ID), Ibsa Eenyummaa(Bios.) fa’atu hatamee bahee toora-interneetaarratti bilisaan tamsa’e jedhameera.

Yakkamtootni saayibarii(Cybercriminals) deetaawwan dhuunfaa hataman ykn milikfaman akka ga’umsa olaanaa ka’umsa duula hanna fakkaatanii balleessuu(scams) tti lakkaawatu. Deetaaleen hataman yeroo hundumaa Yakkamtoota saayibarii(Cybercriminals) kanaan toora-interneetaarra kan naanneffamuu fi hanna fakkaatanii raawwachuu(Fraud)dhaan kan oolu ykn olkuufamee taa’a.

Deetaan dhuunfaa keessan hanna kanaaf saaxilameera moo hin saaxilamne kan jedhu beekuu fi akkaataa gara fuulduraaf ofeeggannoo barbaachisu taasiftaniin kan asiin gadii kana: 

Deetaan dhuunfaa keessan hanna kanaaf saaxilameera moo hin saaxilamne kan jedhu beekuu tooftaan gargaaru inni duraa:
>> Mi’oota Bilisaan tajaajila kana kennuuf qophaahan gargaaramuu (using free online tools)

Dhaabbilee akkasii tajaajila bilisaan kennan kana yeroo fayyadamnu, dursa Dhaabbileen kuniyyuu dhaabbilee sirrii tahuu mirkaneeffachuu. Dhaabbileen kunneen Mirga-seeraan eegame kan odeeffannoo sirrii deetaan namootaa akka hatame kennuu qaba waan taheef, garuu yeroo baay’ee ifatti ibsa ummataa kennaniitu, gaaffilee dhuunfaan gaafatamu itti dhiisu.

Akkasumas, Qorattootni Nageenya Interneetaa, galmeewwan deetaalee duraan hatamanitti xiyyeeffachuun waan baasaniif deetaawwan akkasii fayyadamnee deetaan dhuunfaa keenya kanneen saaxilaman keessaa moo miti waan jedhu mirkaneeffachuu dandeenna. 

Giddugala akkasii keessaa tokko HaveIBeenPwned.com, Kuusdeetaa xiinxalaa nageenyaa Troy Hunt qurcame.  Marsariitiin kun yeroo fayyadamaan Teessoo-Ergaa(Email address) fi ragaa-qaxxaamuraa(Cross-references) kan eenyummeessaalee Bil.10 ol kanneen yeroo adda addaatti hannaaf saaxilaman keessaa keenya “pwned,” or “compromised” akka tahe barbaaduuf gargaaru yoo galche.

Yeroo tokko tokko, Jechi-darbii(Password) keenyas hanna akkasiitiif saaxilamuu danda’a. Marsariitiin Hunt kun dabalataanis barbaacha Jecha-darbii(password search) kan fayyadamtoota jalaa jechi-darbi(password) hatamuu adda baasuuf ykn yoo Jechi-darbii harka hattoota interneetaa(hackers) harka seenuu adda baasuuf gargaara.

Hanna kanaan ykn hanna walfakkaatuuf deetaan dhuunfaa ykn dhaabbata keessanii saaxilamuu yoo hubatte, tartiibota armaan gadii hordofuudhaan deetaa keessan ykn kan dhaabbata keessanii baraaruu dandeessu.  Deetaan dhuunfaa keessan hanna kana ykn walfakkaataaf saaxilamuu yoo beekte, amma hatattamatti eenyummaa(identity) kee baraaruu qabda. 
Kanaanis, tarkaanfiin hatattamaa nuti fudhannu miidhaa adda addaa deetaan hatame geessisuu danda’u irratti kan hundaayu tahus,
Fkn: Yoo ‘Lakk.Nageenya hawaasummaa ykn konkolaachisummaa(social security number or drivers’ license number) hatame,
Qaama dhimmi ilaalu(mootummaaf) ‘file a report’ gochuu feesisa.

Garuu, yeroo baay’ee hanni-interneetaa kan irratti xiyyeeffatu, odeeffanolee salphatti saaxilaman kanneen akka T.E(Email), J.D(Password) fa’a.
Odeeffannoon keessan Hanna kanaan yeroo saaxilamu ammoo, tarkaanfiin hatattamaa isin fudhachuu qabdan:

  •  J.D(Password) keessan kan T.E(Email) sanaa jijjiiruu.
  • Tartiiba Mirkaneessa 2ffaa(2nd Authentication factor) ykn Mirkaneessa Hedduumataa( multifactor authentication) fayyadamuu

J.D(Password) keessan yeroo jijjiirattan Ulaagaalee jechi darbii(password) kan guutu tahuu qaba.
Ulaagaaleen J.D(Password) tokko guutuu qabu:
– hedduuminni 6 fi isaa ol akka ta’u gorfama
– Qubee Guddaa fi xixiqqaas kan ofkeessaa qabu
– Lakkoofsa kan ofkeessaa qabu
– Mallattoolee Adda addaa kanneen akka !@#$%^&*() fa’a itti makuu dhaan Jecha-darbii(password) jabaa uummachuu
#Kana malees J.D(Password) keessan yoo baay’ate ji’oota 3 keessatti yeroo tokko jijjiiruu qabdu.

Gama biraatiin Hanna kanaan ykn hanna walfakkaatuuf deetaan dhuunfaa keessan odeeffannoon Kaardii Kafaltii(Payment Cards) keessan
yoo hatame ammoo, Hatattamatti tarkaanfiiwwan 5nan asiin gadii fudhachuu qabdu:

  1. Call your credit card issuer – Yeroma sana Dhaabbaticha kaardii sana irraa fudattaniiif bilbilaa beeksisaa
  2. Get prepped with information – Gaaffii dhaabbatichi kaardii irraa baafattan isin gaafatu deebisuuf ofqopheessaa.
  3. Odeeffannooleen dhaabbatichi gaafatu muraasni (your name, address and Social Security number.)
  4.  Follow up and keep records – Duuka bu’uudhaan hordoffii taasisaa
  5. Check your credit card statement – Odeeffannoo Baasiif Galii keessanii duuka bu’aa
  6. Gahiinsa Inshuraansii keessanii duuka-dhahaa(Check your insurance coverage)

Walumagalatti, Yeroo hunduma dhimma duguuggaa hanna-interneetaa(suspicious activity) yeroo ammaa yaaddoo Idil-addunyaa tahe kana itti-dhiyeenyaan hubachuu fi hordofuu, Eenyummeessaalee keenya hundaaf of-eeggannoo taasisuu. Yeroo hanna walfakkaatoof shakkiin isin seente, J.D(Passord) eenyummeessaa(account) keessanii haaromsadhaa.
Yoo sanaa oltahe ammoo too’ataa ykn dhaabbaticha irraa deeggarsa argadhaa

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *