Afaan Oromoo Hanna | Hacking Hanna Interneetaa Hanna Koompitaraa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa Odeeffannoollee Adda Addaa Rakkoolee Qinqaanii

Hawaasni Saayibarii(Fayyadamtootni Interneetaa) biyya Itoophiyaa ofeeggannoo barbaachisaa akka godhu Waamichi Godhame

Biyya Itoophiyaarratti Aggaammiin Qinqaanii ‘Lola Piraamidii Gurraachaa’ jedhamu godhamaa jira jedhame.

 

#Gabaasa_INSA

Dhaabbatni Eegumsa Nageenya Odeeffannoo Interneetaa fi Cimdaa biyya Itoopyaa(INSA) jedhamu kaleessa ibsa baaseen akka jedhutti, Yeroo ammaa Aggaammiin(Cyber Attack) kan Qinqaanii haaraa ‘Black Pramid War – Lola Piraamidii Gurraachaa’ jedhamu Koompitaroota haaraa Kuma-37 tahan irratti xiyyeeffate yaalii adda addaa taasisaa kan tureefi amma bifa haaraadhaan Qinqaanicha kana gadi-lakkisuuf gareen ‘Cyber Hourse Group’ jedhamu hojjachaa jiraachuu beeksiseera.

Akka Gabaasa Dhaabbatichaatti, Gareen kun Koompitaroota Biyya keessaa 37,000 irratti Qinqaanii haaraa kana gadi lakkisuuf hojjachaa jiraachuu beeksiseera.

Dabalataanis, Gareen kun, Dhimma Marsaa-2ffaa bishaan Hidha Guddichaa guutuudhaan walqabatee, Marsariitiiwwan biyya keessaa heddurratti yaalii Sakatta’iinsa gaggeessaa turuu gabaasichi ni addeessa.

Haaluma kanaan Hawaasni Saayibarii(Fayyadamtootni Interneetaa) ofeeggannoo barbaachisaa akka godhu dhaabbatichi waamicha dabarseera.

Haatahuu malee, Gabaasa Dhaabbatichaa keessatti, Aggaammiin jedhamu kun biyyattii irratti miidhaan geessee ture ykn geessaa jiru kan jiruu ykn hin jirre tahuu, biyya kamirraa akka tahee fikkf dhaabbatichi hin eerre, Dabalataanis Of-eeggannoon hawaasni gochuu qabu maal akka tahee fi Dhaabbatichi ammoo ofiisaatiif shoora akkamii akka bahu/bahaa jiru gabaasichi waan eere hin qabu.

Kana malees, Aggaammii ‘Lola Piraamidii Gurraachaa’ jedhamee dhaabbatichi ibsa baase kana karaa miidiyaalee Idil-Addunyaas tahee Dhaabbilee Qorannoo Nageenya Odeeffannoo Interneetaatiin wanti mirkanaaye ykn jedhame kan hin jirree waan taheef madda odeeffannoo dabalataa akka hin argatin hawaasa keenyaaf ibsuu feena.

 

 

Russian hackers hit 150 firms in latest cyber attack: Microsoft - The Free  MediaWalumaagalatti; Yaaliin Aggaammiin Saayibarii Gosa Hanna Odeeffannoo yommuu tahu, Hattootni Ogummaa Gahaa qaban, iddoma jiran taahanii,  tooftaalee adda addaatiin Koompuutara Cabsanii seenuudhaan odeeffannoo dhaabbilee, Namootaa, Garee ykn Biyya tokkoo fudhachuuf yaalii taasisaniidha. 

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *