Feesbuukii Hanna | Hacking Instaagiraamii Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa Marsaalee Hawaasaa | Social Medias Odeeffannoollee Adda Addaa

Dhaabbatni #Feesbuukii fuulotaa fi Eenyummeessa biyya Gibxii Waa’ee Itoophiyaarratti xiyyeefatan Cufe:

Dhaabbati Facebook fuulawwan Masrii taa’anii Itoophiyaa irratti xiyyeeffatan haquu isaa beeksise.

Sababa fuulawwan kunneen haqaman yoo ibsuus imaammata dhaabbatichaa dhimma biyya alaa keessa seenuu dhabuu cabsuun akkasumas duula qindaa’aa dhugaa hin taane keessa qooda fudhachuun akka ta’e ibse.

”Eenyummeessaalee Fesbuukii 17, fuula 6 akkasumas Eenyummeessaalee Inistaagiraamii sadii Masriirraa Itoophiyaa, Sudaaniifi Turkii irratti xiyyeeffatan haqneerra” jedhe dhaabbati Facebook.

Dhaabbatichi kan kana beeksise Gabaasa Amaloota Qindaa’aa waan jedhan hin fakkaanne [Coordinated Inauthentic Behavior] jechuun baatii Bitootessa keessa irra gahe yeroo baasettidha.

Ergaawwan fuulawwan Masrii bu’uura godhatanii hordoftoota Itoophiyaa jiraniif dabarsaa turan keessaa tokko waa’ee ‘hidha Abbayyaa irratti qeeqa dhiheessan’ jiru jedheera dhaabbatichi.

Fuulotniniifi Eenyummeessaaleen kunneen beeksisaaf dolaara 525,000 [birrii Itoophiyaa miiliyoona 21] baasii gochuu isaanii hime.

Itoophiyaafi Masriin, Sudaan dabalatee dhimma hidha Abbayyaa Itoophiyaan ijaaraa jirtuun walqabatee muddama seenaniiru.

Mariin guyyootaan dura jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin Dimokiraatawaa Rippabilika Koongoo (DRC)tti gaggeeffatan ammallee osoo hin milkaa’iin hafeera.

Hariiroon Turkiin bulchiinsa Masrii amma aangoorra jiru waliin qabdu gaari miti.

Dhimma kana irratti gama qondaaltota Itoophiyaas ta’e Masrii wanti jedhame hin jiru.

 

Peejiiwwan cufaman keessaa tokko kana ta'u dhaabbatichi beeksiseera

MADDA SUURAA,FACEBOOK

Ibsa waa’ee suuraa,  Peejiiwwan cufaman keessaa tokko kana ta’uu dhaabbatichi beeksiseera

Facebook maal jedhe?

Dhaabbati guddichi miidiyaa hawaasummaa fayyadamtoota biiliyoonotaan qabu kuni duula qindaa’aa ajandaa hawaasaa jijjiiruuf Facebook fi kaan inni to’aturra taasifaman to’achuuf dalagaa jiraachuu beeksiseera.

Baatii Bitoteessa keessa fuulawwan irra gaheefi balleessuu isaa ibse keessaa kanneen hordoftoota biyya biraa jiraatan bu’uura godhatanii socho’aa turan jiru.

Baatii Bitootessaa keessa ‘duula dogongorsaa’ kanneen facaasaa jiran irran gahe jechuun networkiiwwan 14 biyyoota 11 keessa bu’uura godhatan balleessuu hime.

Biyya networkiin dhaabbata Facebook’n balleeffameefi hordoftoota biyya isaaniin ala jiran irratti xiyyeeffate keessaa tokkommoo Masriitti argama.

Peejiiwwan cufaman keessaa tokko kana ta'u dhaabbatichi beeksiseera

MADDA SUURAA,FACEBOOK

Fuula kanneen irratti maaltu barraa’e?

Namoonni netwoorkii duuba kana jiran akkaawuntii dhugaa, akkasumas soba ta’an walkeessa fayyadamuun maqaallee jijjiirrachuu ibse.

Peejiiwwan kunneen akka biyya hordoftoonni isaanii jiranitti jiran fakkeessuun socho’aa jiraachuullee beeksise.

Kunneen keessumaa ganna bara 2020 keessa haalaan socho’uu isaanii himame.

Afaan Amaaraa, Afaan Arabaafi Turkii fayyadamuun oduufi jijjiiramoota siyaasaa biyyoota hordoftoonni keenya jiru jedhan dabarsaa turani jedheera dhaabbatichi.

”Waa’ee mootummaa Masrii fi waa’ee hariiroo Sudaaniifi Israa’el waan gaarii ta’e akkasumas imaammata alaa Turkiifi hidha Abbayyaa Itoophiyaa irratti qeeqa dhiheessaa turani,” jedhe.

Namoonni fuula kanneen duuba jiran eenyummaa isaanii akkasumas qindoomina isaanii dhoksuu yaalaniis, qorannoon keenya dhaabbata maarketingii Masrii keessaa Bee Interactive jedhamu ta’uu bira genyeerra,” jedhe dhaabbatichi.

Fuulawwan haqaman kunneen walumaagala hordoftoota 300,000 ol kan qaban yoo ta’u qarshii kanfaluun of beeksisuu isaanillee ibse.

”Fesbuukii fi Instaagiraamii irratti beeksisaaf dolaaraa 525,000 baasii ta’eera,” jechuun kan kanfalames Paawundii Masriifi Doolaara Ameerikaan tahuu hime dhaabbatichi.

Facebook tarkaanfiiwwan akkasii wayita fudhatu kun yeroo jalqabaa miti: Amajjiidhuma baranaa keessa dhaabbatichi akkaawuntiiwwan, peejii, fi gareewwan sobaati jedha 2,000 ol haquusaa himee ture.

Kanneen keessaas gariin filannoo biyyootaarratti kan xiyyeefataniifi miidiyaa fakkaatanii kan dhiyaachaa turanidha jedheera .

Gabaasni kan BBC Afaan Oromooti (Jechoota Muraasa Fooyyeessineerra)

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *