Marsaalee Hawaasaa add addaa yeroo amma hedduun keenya fayyadamnu maxxansaalee adda addaa guyyatti itti-maxxansinu ykn barreessinuuf mataa mataattii daangeffama seerawaa(Upper limits of contents sharing) kan qaban yoo tahu, daangeffama kanaa ol maxxansinee yoo argamne, qabiyyee keenya dhoksuu irraa qabee hanga Eenyummeessaan(Account) keenya yeroo akka hojii-dhaabu(Temporary restriction), akkasumas adabbii sanaan hin dhaabbannu yoo tahe hanga guutumatti […]
Afaan tokko Guddina Tekinoolojiitiin cimee ramaddiilee Afaanota Gurguddaa Idil-Addunyaa keessa gaafa galu, Kana jechuun qabeenna(resource) barbaachisoo ta’an akka Afaanota guguddatan biroo waan guuttatuuf, #Ethiopia Ummanni keenya kaasitti keessatti hedduumatu mitii, Biyyoota Alaaa kanneen Namootni Afaan Oromoo dubbatan keessatti hedduumatanitti Afaan Hojii gochuun ni danda’ama
Dhaabbatni tajaajiloota Telekoomii dhiyeessu kan Qulqullinnisaa mirkanaaye, baasiin fayyadamtootaa giddugaleeffate, Icciitenya/mateenya/hayyisa/nageenya fayyadamtootaa mirkaneessu, fedhii fi dantaa fayyadamtootaa giddugaleeffachuun komiin fayyadamtootaa keessatti dhagahamu, akkasumas gidduseenummaa qaama sadaffaa kamiinuu irra bilisa ta’e fi gahiinsa babaldhisuu dhaaf hojii idileesaatti fuulleffachuu dhiisee hojii dabalataa lammiilee irratti gaaga’ama qaqqabsiisan, fedhii fi dantaa muraasaa irratti hundaayee fi mirga heera biyyatti irratti bahe cabsuun fayyadamummaa sabootaaf sablammootaa danquu, akkasumas mirgoota dhuunfaa, mirgoota Amantii fi kkf sarbaa jira
Komii Dhaabbanni imo Suuraa Jawar fa’a Fuulgocha(profile) irraa nujalaa haqaa jira jedhanii Fayyadamtootni komii dhiyeessaa jiraniif dhaabbanni deebii kenneen, Namni kamuu Suuraa ofiii malee, Suuraa nama biraa fuulasaarra kaayee nama biraa fakkaachuu akka hin qabne dhoogguudhaaf ammaaf Suuraalee namoota bebeekkamoo namootni baay’inaan fayyadaman jiran haquu eegaluu ibseera.
Itoophiyaatti Ummata Mil.105 ol keessaa Fayyadamtootni interneetaa dhibbeentaa 15 gadi yoo ta’u Qunnamtii Interneetaa gadaanaa(Low internet connectivity), Kafaltii baay’ee mi’aa/qaalii kanta’eefii, Kanaafis sababni Dhaabbata Telekoomunikeeshiinii biyyattii kan Sirna Abbaa-Irruummaa hordofee dorgomaa malee kophaatti biyya dhuunfateeedha..
Feesbuukiin qabiyyeewwan oduu sobaa fi jibbiinsaa akka to’atuuf dhiibbaan irratti godhamaa jira. Biyyoonni seera ittiin qabiyyee miidiyaa hawaasummaa to’atan hin baafatan taanaan, nuti waan nurraa eegamu ni hojjenna. Feesbuukiin qabiyyee to’achuurratti harkifataadha jedhama.
Labsiin haasaa Jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa ittisuu fi too’achuuf bahe falmii dheeraan booda sagalee caalmaan ragga’e.
Uggura Marsaalee Hawaasaa Irra aanuudhaaf Tooftaalee Barbaachisoo ta’an Furmaata 1 hanga 3 tarreeffamanii jiran duuka bu’aatii hordofaa. waliif dabarsaa
Maqaan Fuula-Feesbuukii(Page) keessan #Jecha 2 irraa moggaaftanii jirtu yoo ta’e, Hordoftoota 1500 ol yoo qabaate, Hordoftoota keessanitti bitaacha’a(confuse) godha jedhamee waan yaadamuuf, #Yeroo 1tti lamaan isaa akka jijjiirtan isiniif hin hayyamu
Ouu Simbirtuu! – Ergaaleen Keessoo(Messenger) dhaan daddarbaa jiran Hangowwoomsii(Fraudulent) Ayyaanaa fi Naga-gaaffii Bara Haaraa(New yera Greetings)tiif ergamaa jiran tooftaa/ dhara/badii qinqaanii(Malicious intent) dha.