Feesbuukii Instaagiraamii Leenjii fi Gorsa TQO Linkid Iinii Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa Qafoo Moobayilaa Tiwiitarii Yuutuubii

Uggura Marsaalee Hawaasaa Irra aanuudhaaf Tooftaalee kanneen haa fayyadamnu – Waliif dabarsaa

================================================
#Share godhuun Oromoo hunda qaqqabsiisaa…
Mootummaan gabroomfataan haaluma kamiinuu waan fedhasaa Uummata irratti dhoksaan raawwachuufis ta’e raawwatee eessayyuu hin deemu. Yoo Oromiyaa keessatti akkuma kana duraa application adda addaa akka hin hojjenne kan taasisan ta’eef maloota kana fayyadamaa.
____
Opera-mini gargaaramuudhaan Facebook qofa fayyadamna malee tajaajiloota kan biroo kanneen akka Whatsapp fi Viber nu dide warra jettaniif furmaata kanaa gadii kana fudhachuu dandeessu.
____
#Furmaata -1ffaa
1. Bilbila keenya irratti seensiftuu psiphon jedhamtu interneeta irraa buufanna
2. Application kana salphaatti Operamini ykn Uc browser dhaan buusuun ni danda’ama.
3. Application kana buusuuf hidha kana tuqaa www.apk4fun.com/int/11320/apk4fun/
4. Hidha kanaa olii tuquun yoo bantan download it now from APK4Fun kan jedhu filannoo isinii fida. Isa tuquun application sana buusuun danda’ama.
5. Application kana buuftanii install erga gootan booda filannoon lama isinii dhufa. Nuti tunnel all device kan jedhu tuquun Application kanatti fayyadamuu jalqabuu ni dandeenya jechuu dha.
6.Application kun yommuu hojii eegalu halluu samii fakkaatu (Blue) mallattoo qubee P jettu fiixee bilbila keenyaa irratti nu agarsiisa.
Grey P: connecting( mallattoon kun interneeta waliin wal qunnamee hojii jalqabuuf yaalaa akka jiru nu agarsiisa)
Red P: not connected (mallattoon diimaa kun hojii akka hin
jalqabne fi addaan cite ta’uu nu agarsiisa)
Blue P: connected(mallattoon halluu samii fakkaatu kun hojiirra jiraachuusaa nu agarsiisa)
7. Application kun toora interneetaa irratti wantoota cufan hundaa cabsee darbuun akka tajaajilamnu nu taasisa.Kanaafuu,mootummaan yoo cufes akka salphaatti fayyadamtu.
8. Application kana Play Store keessaas argachuu waan dandeenyuuf psiphon jennee barreessuun buusuu ykn download godhuu ni dandeenya.
______
#Furmaata -2ffaa
Application kanaa olitti ibsameen alatti HOLA kan jedhamu Application buufachuun wantoota biyya sana keessatti cufaman akka salphaatti banuun fayyadamuu dandeenya.
Salphaadhumatti akka armaan gadiitti raawwadhaa…
1. Play Store keessa seenuunHOLA jechuun erga barreessitan booda Search gochuun buusaa ykn download godhaa.
2. Application kana buufnee yommuu bannu Application nuti itti fayyadamnu fakkeenyaaf Whats Up,Viber,Facebook Tango, Lite,Imo,Skype,Telegram etc.. hundi isaanii MY Apps filannoo jedhu keessatti toora galanii dhufu.
3. Application hundumaa kan bilbila keenyarra jiran argachuuf MY Apps filannoo jedhutti aanee More kan jedhu tuquun arganna.
4.Fakkeenyaaf Whatsapp fayyadamuu barbadna yoo ta’e Whatsapp kan jedhu gaafa tuqnu Open Whatsapp kan jedhu filannoon nuu dhufa.Salphaatti Open kan jedhu tuquun application cufame banuun fayyadamna jechuu dha.
_____
#Furmaata -3
Itti dabalataan ** HOTSpot Sheild ** Application jedhamu bilbila keenya irratti fe’uun tajaajila guutuu interneetarraa argachuu ni dandeenya.
Application kana salphaatti fayyadamuuf
1. Play Store keessa dhaquun HOTSpot Sheild jechuun erga barreessineen booda barbaaduun buufachuu.
2. Application kana buufnee yommuu bannu Connect filannoo jedhu nuuf fida
3. Nuti Application cufaman banuun fayyadamuu yommuu barbaadnu HOTSpot Sheild kan jedhu banuun Connect kan jedhu tuquun Application cufaman mara cabsinee darbuun akka fayyadamnu nu taasisa jechuu dha.
4. Application hojii kan eegalu Connect filannoo jedhu cuqaasnee Connected yoo jedhee agarre qofa. Kunis fiixee bilbila keenyaa irratti halluu magariisa ykn kan samii fakkaatu nu agarsiisa.
Application sadan armaan oliitti ibsaman kana Kompiitara keenya irrattillee fe’uun kan fayyadamnu ta’uu beekuun barbaachisaa dha.
Akkasumas namoonni biyya alaa jiraattan kan application adda addaa akka isin hin fayyadamneef biyya sana keessaa kan cufame yoo ta’e maloota armaan olii keessaa kan barbaaddan filachuun itti fayyadamuu dandeessu.

Hubachiisa: kanneen armaan olii kana ammumaan qopheeffachuu qabdu.

Ulfaadhaa

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *