Daldala Toorarraa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa

Yaa’ii2020 Guddina Intarneeta Itoophiyaa Dhaabbata Interneeta Hawaasaa(Internet Society)

*************
Dhaabbatni Interneeta Hawaasaa(Internet Society) jedhamuun beekamu Yaa’ii2020 Guddina Interneeta Itoophiyaa gaggeessuuf akka tahe Dhaabbatichi ibsee jira.

Akka ibsa Dhaabbatichaatti:
“Itoophiyaan Biyya Baay’ina ummataatiin biyyoota Afrikaa keessaa lammaffaarratti argamtu taatee Ummata Mil.105 ol kan qabduudha. Haatahuu malee Qunnamtii Interneetaa gadaanaa(Low internet connectivity) kanta’eefii, Sunuu hawaasa biyyattii keessaa hedduuminaan ummata dhibbeentaa kudha shan(15%) hin geenye kan fayyadamaniidha.” jedheera ibsi dhaabbatichaa.

“Akkasumas, Kanneen Qunnamtii interneetaa argachaa jiraniiyyuu, Kafaltii fayyadama interneetaa gatii mi’aa(expensive) fi amansiisaa kan hin taane(unreliable) dha. Kunis Itoophiyaan Ikoonomii interneetaatiin akka ka miidhamteedha. Sababni Biyya kana rakkoo kanaaf saaxile Dhaabbata Telekoomunikeeshiinii biyyattii kan Sirna Abbaa-Irruummaa hordofee dorgomaa malee kophaatti biyya dhuunfateeedha.” jedha gabaasni dhaabbatichaa.

Dhaabbatni Interneeta Hawaasaa(Internet Society), Daraboo(partners) fi Qindeessitoota biyya keessaa waliin tahuudhaan Yaa’ii2020 Guddina Interneeta Itoophiyaa gaggeessuuf akka tahe Dhaabbatichi karaa marsariitii isaaniitiin ifoomseera. Yaa’iin kunis Bitootessa 3-5, bara 2020 akka tahe himameera.

Qaamni hirmaachuu barbaadu geessii(Link) kana cuqaasuudhaan galmaayuu danda’a

Registration

 

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *