Hanna Interneetaa Hanna Interneetaa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa

Komii Dhaabbanni imo Suuraa Jawar fa’a Fuulgocha(profile) irraa nujalaa haqaa jira jedhamaa tureef Dhaabbanni Deebii Kenne – waliif dabarsaa

Bulchiinsa #imo irraa deebii kenname:
****
Dheengaddarraa Dhaabbani #imo Suuraa Jawar Mohammed profile namoota #imo fayyadamaa jira irraa haqamaa jira. Kunis Fayyadamtoota #imoMessengerApp biratti komii guddaa kaaseera.
Gareen oroict.com illee Komii kana qabannee dhaabbaticha dubbifnee turre. Dhaabbaticha keessaa kutaalee adda addaa bira gahe ergaan keenya, fkn #TechnicalTeam#SecurityTeam#CustomerService#ComplaintTeam fkkf. Waan raawwatamaa turan bifa garagalchaatiin odeeffannoon nu qaqqabaa ture.

Isaan keessaa Gareen Teekinikaa Dhimmi humnsaaniitii olakka tahe sababa waliin nuuf deebisan,
Itti aanee kutaan TajaajilaHawaasaa(Customer Service) rakkoo uumame dhiifama Gaafatee, akka sirreeffamu Kutaa #Teknikaaf dabarsan, Kutaan Teekinikaa sa’aatii muraasaaf rakkoo furee ture, akkuma kaleessa egaa isaanii isiniif himne sana.
Haatahuu malee yeroo muraasa booda deebisanii haquu eegalan. #Sababa isaa kaleessa akka odeeffannoo hin qulqullaayinitti odeessi argachaa turre #imo system haaraa hojjachaa jira. System haaraa sana irratti Fayyadamaan(User) kamuu akkuma bilbila dhuunfaatiin account banatu, suuraan fayyadamanillee kanuma dhuunfaa isaanii tahuu qaba, ilaalcha jedhu qabatanii hojjachaa jiru.

Akka xalayaan garagalchaa asiin gaditti qabsiifne agarsiisutti, Dhugaan isaan himan kanuma kaleessa dhageenne san, Ammatti suuraa keenya tahuuf dhiisuu mirkaneessuu eegaluu baataniiyyuu #Suuraalee Namoota bebeekkamoo biyya keenyaa fi alaa kan namootni hedduuminnaan Fayyadamtootni Fuulgocha(profile) irra kaayyatanii jiran #haqaa jiraachuu dugaa bahani.

Akka odeessi dhaabbaticha keessaa bifa oduutiin himutti, #imo yeroo muraasa booda suuraa keenya malee kan nama biraa ittisuu akka danda’u, Technology akka #facerecognition eegaluu akka danda’u himama. Haatahuu malee, Suuraa nama barbaadnee #store irratti share gochuu, waliif erguu, gaareewwan irratti maxxansuun rakkoo akka hin qabne mirkaneeffanneera

Walumaagalatti, Komii Dhaabbanni imo Suuraa Jawar fa’a Fuulgocha(profile) irraa nujalaa haqaa jira jedhanii Fayyadamtootni komii dhiyeessaa jiraniif dhaabbanni deebii kenneen, Namni kamuu Suuraa ofiii malee, Suuraa nama biraa fuulasaarra kaayee nama biraa fakkaachuu akka hin qabne dhoogguudhaaf ammaaf Suuraalee namoota bebeekkamoo namootni baay’inaan fayyadaman jiran haquu eegaluu ibseera.

Tordoffii taasisaa turreef deebiin xumurarra Bulchiinschi nuuf kenne

Author

abdiisaa

Comment (1)

  1. Fita Mohammed
    May 30, 2020

    Weebsayitonnii afaan oromo Hedduu hin jiran maliif barumsa hin lannef webii kan dhunfa akka ummataniif

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *