Dubbii jibbaansaa caljedhee kan tamsaase ykn facaase ykn barreesse Adabbii hanga waggaa 3 ykn irra deebiidhaan hanga Qarshii kuma 10 kan gahu akka adabsiisutu himame.
Dhaabbata Feesbuukii hooggantootni idil-addunyaafi dhaabbilee qorannoo Tekinoolojii gaggeessan biyyoota gara garaa irraa itti fuulleffatamaa jira
Ragaaleen Feesbuukii miiliyoona 500 fi miiliyoona 40 ta’an sarvaarii Amaazoon irratti akka argamu dhaabbanni Qorannoo Nageenyaa Appigariid jedhamu beeksiseera.
oroict.com|Qubee Technologies dhaabbata Tekinoolojii hojiiwwan Tekinoolojii adda addaa ummata keenyaaf dhiyeessuudha
Mark Zuckerberg hundeessaafi Hoogganaa Olaanaa Dhaabbata Feesbuukiiti.
Barruu dheeraa bifa armaan gadiitiin Markitu ‘Washington Post’ irratti maxxanse. kan hiike Abdisa Bencha Jarati
Qondaalli Ol-aantuu Opereeshinii Sheryl Sandberg akka jedhanitti “dhimma kana irratti caalmaan akka hojjetamuuf” waliif galameera. Haleellaa kallattiin dhukaasuun Kiraayisticharchiitti raawwatameen namoonni shantamni kan ajjeefaman yommuu ta’u, viidiyoon haleellaa kana agarsiisu osoo hin haqamiin si’a 4,000 daawwatamee ture. Kun osoo kanaan jiruu, Niiwuu Ziilaaldiin ammoo, seerawwan haasawa jibbinsaa irratti jiran “ga’aa miti” jedhaman keessa deebitee ilaaluuf […]
Himanni kun Feesbuuk beekamtii fayyadamtootaan ala odeeffannoo sassaabaa akka ture odeessa. Teeknooloojiin kun ”tag suggestions” suuraan yoo maxxanffamu hiriyoota itti kaa’an kan dabalatu yoo ta’u, kunis seera kutaa Ilinooy kan cabsudha jedhameera. Feesbuuk gama isaatiin dhimmichi faayidaa kan hin qabne ta’uu ibsuun, akka falmatu beeksiseera. Gareen fayyadamtoota Feesbuuk Waxabajjii 7, 2011 irraa kaasee teeknoloojii fuula […]
Dhaaabbanni midiyaa hawassaa kunis kana booda ergaawwan gareewwan shororkeessitootaa irraa dhufan adda baasuun dhorkuuf dandeeddiisaa cimsachuuf dhaadateera. Akkasumas fayyadamtoonni feesbuukii jechoota mufachiisoo ta’an yommuu barbaadan gara dhaabbata harbeessitoota ittisu irratti hojjataniitti akka ergu hima. Dhaabbanni kunis erga namtichi haalleellaa masjidawwan Niiw Ziilaand lama kallattiin tamsaaseen booda dhiibbaa jalatti kufe. Feesbuuk duraan qabiyyeewwan sabbonummaa warra adii […]
Odeeffannoo Sobaafi Jibbiinsaa tamsaasuun Itoophiyaa keessatti yaachisaa ta’aa dhufaa jira. ~ Waajjira Muummee Ministeeraa
Hattootni odeeffannoo koompitaraa bara darbe kana Sirna haaromsa Moosajjii koompitara ASUS sakaaluudhaan odeeffannoo fayyadamtoota koompitara ASUS Mil.1 ol ta’an irratti Moosajjii basaastuu(Malware) itti gadi lakkisuun beekkameera.