Hanna Feesbuukii Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa

Ragaaleen Feesbuukii Miiliyoonni 500 Fi Miiliyoonni 40n Sarvaarii Amaazoon Irratti Argamu


Ragaaleen Feesbuukii miiliyoona 500 fi miiliyoona 40 ta’an sarvaarii Amaazoon irratti akka argamu dhaabbanni Qorannoo Nageenyaa Appigariid jedhamu beeksiseera.

Ragaaleen kunneenis yaadota  namootaa, laaykoota namootaa, maqaalee fayyadamtootaa fi mallattoo addaa Feesbuukii kan of keessaa qabu ta’uu ibsameera.

Ragaaleen kunneenis kan walitti qabaman harka lama sadaffaa saanduqa ragaalee Feesbuukii irraa ta’uu ibsameera.

Imaammanni Feesbuukii ragaaleen fayyadamtootaa saanduqa odeeffannoo irraa akka walitti qabaman kan hin heeyyamne ta’us, Amaazoon ragicha akka kaasuuf hojjechaa jiraachuus beeksiseera.

Feesbuukiin ogeeyyii dirree kanaa waliin ta’uun ragaalee maammiltootaa sirna eeguu  dandeesisu diriirsuuf sochiirra jiraachuus ifa godheera.

Dhaabbatichi ragaalee yeroo amma kana sarvaarii Amaazoon irratti argaman kanneeniif eegumsi kamiiyyuu godhamaafii kan hin turre ta’uu ibseera.

Dhaabbileen qorannoo nageenyaa adda addaa, Amaazoon nageenya saanduqa odeeffannoo isaa mirkaneessuu akka qabu waamicha dhiyeessanis dhaabbatichi garuu tarkaanfii kamiiyyuu akka hin fudhanne beeksisaniiru.

Maddi-FBC

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *