Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa

Teeknooloojii Feesbuuk fuula namaa adda baasu irratti himatni baname


Himanni kun Feesbuuk beekamtii fayyadamtootaan ala odeeffannoo sassaabaa akka ture odeessa.

Teeknooloojiin kun ”tag suggestions” suuraan yoo maxxanffamu hiriyoota itti kaa’an kan dabalatu yoo ta’u, kunis seera kutaa Ilinooy kan cabsudha jedhameera.

Feesbuuk gama isaatiin dhimmichi faayidaa kan hin qabne ta’uu ibsuun, akka falmatu beeksiseera.

Gareen fayyadamtoota Feesbuuk Waxabajjii 7, 2011 irraa kaasee teeknoloojii fuula adda baasu kana fayyadamaa turaniif waraqaa ragaa kennuuf abbaan murtii Jeems Doonaatoo murteessanii jiru.

Himanni waliigalaa yoo milkaa’e, namni garee sana keessatti argamu hundi beenyaa argachuuf kan mirga argatu ta’a.

Murteen kun kan dabarfame erga hoji geggeessaan olaanaa FB Maarki Zakerbargi seeneetii Ameerikaadhaan gaaffiidhaan waxalameen booda osoo hin turini.

Teeknooloojiin fuula adda baasu maal godha?

Waxabajjii 2011’tti Feesbuuk ”tag suggestions” ifa taasise.

Kunis yeroo suuraan maxxanfamu hiriyaa ofii keessaa eenyu irratti akka mullatu taasisuu kan danda’udha.

Ajajni abbaa murtii Doonaatoo adeemsa teeknooloojicha booda jiru fi gulantaa afur qabu ifa taasiseera:

  • Jalqaba irratti sooftiweerichi fuula namoota suuraa sana irra jiranii beekuuf yaalii taasisa.
  • Hammaa fi kallatii tessumaan adda baasuun sadarkaa kennaaf
  • Achiis, fuula tokkoon tokkoo herreguun, Feesbuuk mallattoo kaa’aaf – safara herreegaa fuulaa suuraa sana irra jiruu kan bakka bu’u jechuudha
  • Mallattooleen kunneen kuusaa daataatti geeffamuun walfakkaattiidhaan walsimsiifama.
Fuulli ‘tag suggestions’ yeroo ammaa UK keessatti hojiirra hin oolu

 


Maddi: BBC

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *