Hanna Feesbuukii Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa

Hegereen dhaabbata guddaa Addunyaa #Feesbuukii gaaffii keessa galaa waan jiru fakkaata.


Dhaabbata Feesbuukii hooggantootni idil-addunyaafi dhaabbilee qorannoo Tekinoolojii gaggeessan biyyoota gara garaa irraa dhaabbata Feesbuukii irratti fuulleffachuun #qorannoo heddu gaggeessaa jiru,
 
#Yakka dhaabbatichi osoo beekuufi hin beekin raawwachaa ture akkasumas miidhaa qaqqabeefikkf saaxilaa jiru.
Torbaanitti, ji’atti yakkaafi miidhaa dhaabbatichi qaqqabsiise miidiyaaleen addunyaa gurguddaan osoo hin hafin gabaasaa jiru.
 
Dhaabbatichi dhaabbilee gurguddoo Idil-Addunyaa jiran keessaa kan yeroo gabaabaafi salphatti milkaa’ina olaanaa agarsiiseefi qabeenyaanis sadarkaa Idil-Addunyaatti dhaabbilee gurguddoo fuuldura jiran keessa seenuun isaa ni beekkama.
 
Erga rakkoo #Filannoo USA bara darbeetiin walqabatee odeeffannoo dhuunfaa fayyadamtootaa dabarsee kenneera jedhamee Adabbiin Bil.41$ ol irratti gatamee kaasee xiyyeeffannoon irratti godhamee hooggantootni siyaasa gurguddoon biyyoota Idil-Addnuyaa heddu qeeqa gurguddaa kaasuu irra jiru, kanumaan walqabatee, Yeroo darbe
akkasumas odeeffannoon namoota dhuunfaa eeggumsa jabaa akka hin qabneefi hanna adda addaatiif saaxilamaa jiraachutu irra deddeebiidhaan Miiidiyaalee gurguddoo Idil-Addunyaatiin tamsa’aa jira, Ammammoo Dhaabbilee Qorannoo Saayinsiifi Teekinoolojii heddu dhaabbaticharratti xiyyeeffannoodhaan qorannoo adda addaa taasisaa jiru, kunimmoo biyyoota muraasa osoo hin taane akkuma Idill-Addunyaatti Biyyoota Saayinsiifi Tekinoolojiin badhaadhan hundarraa fakkaata.
Haalli kun dhaabbaticha saffisa guddina amma imalaa jiruunii gufachiisuu qofa osoo hin taane hegereedhaabbatichaa kufaatii hamaaf saaxiluu danda’a.

Gulaalaan oroict.com

 

Author

abdiisaa

Comment (1)

  1. Ifargan Gudeta
    April 6, 2019

    Hey, hey, waan akkasii yeroo dhaabbata facebook irratti dalagan obsuu hin danda’u. hhh jaalalan facebook dhaaf qabu irraa ka’eetani…

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *