Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa

Feesbuukiin olaantummaa fi qoollifannaa warra adii dhorkuuf jedhame


Dhaaabbanni midiyaa hawassaa kunis kana booda ergaawwan gareewwan shororkeessitootaa irraa dhufan adda baasuun dhorkuuf dandeeddiisaa cimsachuuf dhaadateera.

Akkasumas fayyadamtoonni feesbuukii jechoota mufachiisoo ta’an yommuu barbaadan gara dhaabbata harbeessitoota ittisu irratti hojjataniitti akka ergu hima.

Dhaabbanni kunis erga namtichi haalleellaa masjidawwan Niiw Ziilaand lama kallattiin tamsaaseen booda dhiibbaa jalatti kufe.

Feesbuuk duraan qabiyyeewwan sabbonummaa warra adii kan akka sanyummaatti hin ilaallee ni hayyama ture.

Kanaanis fayyadamtootaaf akka bakka warri adiin qofti jiraatan ummachuuf waamicha taasisaniif hayyamaa ture.

Kubaaniyichis sabummaan wayita dhimmoota akka ‘American Prid fi Basque separatism” kanneen qaama eenyummaa ummataa murteessaa ta’een ilaalamu dhimma fudhatama qabuudha.

Garuu maxxansa biloogii gaafa Roobii baheetiin akka jedheetti, marii ji’oota sadiif miseensoota waldaalee siviilii fi akaadaamii” waliin gaggeeffameen booda sabummaan warra adii ‘haala hiikaa kennuun” kan ”olaantummaa warra adii fi dhaabbile gareewwan jibbaatiin” adda hin baafamu.

‘Waa’ee nama barreessu qofaa miti’

Halleellaa tibbana Niiw Ziilaandiitti gaggeeffameen, kubaaniyoonni midiyaalee hawaasaa akka ergaawwan gareewwan makraarstootaatiin maxxanfamu hundaaf itti gaafatamummaa akka fudhataniif hoggantoonni addunyaa gaafataniiru.

Ministirri mummee Niiw Ziilaaand Jaakindaa Ardern akka jettuutti midiyaan hawaasaa ‘waa’ee nama barreessu qofa osoo hin taane waa’ee nama maxxansuutii” waan ta’eef itti gaafatamummaa achi keessatti kubaaniyichi qabu mul’isti.

Feesbuuk duraan vidiiyoon halleellaa kan badiinsa lubbuu namoota 50’f sababa ta’ee osoo hin haqamiin dura yeroo kuma afur ol ilaalamee ture.

Kubaaniyichis sa’aatii 24 keessatti koppiiwwan miliyoona 1.2 osoo maxxanfamaa jiruu dhorkuu fi kanneen 300,000 ammoo haquu hima.

Gareen Isilaamtoota Faransaayi bakka bu’uus, feesbuukii fi Yutube gochiichi akka maxxanfamu eeyyamuu isaaniif himataa turan.

Garee tekinolojii biraas vidiyicha buusuuf tarkaanffii fudhataa ture jedhame. Reddit foramii marii ‘watchpeopledie’ jedhamuun marsariitii isaaniirra ture erga maxxansa halleellaatiin booda dhorke.


Maddi: BBC 

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *