Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa

Haleellaa Masjiida NZ’tti raawwateen walqabatee Feesbuukiin tamsaasa kallattii irratti daangaa tolchuuf


Qondaalli Ol-aantuu Opereeshinii Sheryl Sandberg akka jedhanitti “dhimma kana irratti caalmaan akka hojjetamuuf” waliif galameera.

Haleellaa kallattiin dhukaasuun Kiraayisticharchiitti raawwatameen namoonni shantamni kan ajjeefaman yommuu ta’u, viidiyoon haleellaa kana agarsiisu osoo hin haqamiin si’a 4,000 daawwatamee ture.

Kun osoo kanaan jiruu, Niiwuu Ziilaaldiin ammoo, seerawwan haasawa jibbinsaa irratti jiran “ga’aa miti” jedhaman keessa deebitee ilaaluuf akka jirtu beeksifteetti.

Ministeerri Haqaa Andrew Little akka jedhanitti, seeronni amma hojiirra jiran “waanta badaafi jibbinsa yeroo ajmmaa nuti toora irraan argaa jirru kana” dura kan dhaabbatan miti. Kanaaf jedhan, mootummaafi Komishiniin Mirgoota Namoomaa yaadawwan furmaataa gara dhuma waggaa kanaa dhiyeessuuf jiru.

Sirna gaggeessaa namoota 50 haleellaan Bitootessa 15 raawwatameen lubbuun darbe irratti namoonni Kiraayistcharch 20,000 ol ta’an hirmaataniiru.

Namoonni 21 ammallee wallaansaaf hospitaala kan jiran yommuu ta’u isaan keessaa sadii haala yaaddessaa keessa jiru.

Dhimma kana Feesbuukiin maal jedhe?

“Nuti warri Feesbuukii warreen miidhaman, maatii isaanii, hawwaasa Musiliimaafi uummata Niiwuu Ziilaandii waliin ni dhaabbana,” jedhanii akka erga dabarsan Aadde Sandberg gaazexaa Niiwuu Ziilaani Herald jedhamu irratti baasaniiru.

“Hedduun keessan yeroodhuma waanti akkasii kun uumame waanti badaafi sodaachisaa akkasii kun maaliif Feesbuukiiidhaan kallattiidhaan darbe jettanii gaafachaa turtan….Nutis yaada keessan dhageenyee caalmaatti hojjechuu akka qabnu irratti waliif galleerra.”

Qondaala Ol-aantuu Feesbuukii Sheryl Sandberg

Aadde Sandberg kan jette: “Duraan dursinee, dhimmoota akka Sadarkaa Ilaalcha Hawwaasaa Diiguu mala jedhameen ilaallee eenyu akkamiin Feesbuukiidhaan kallattiidhaan tamsaasuu danda’a kan jedhu tooftaa ittiin daangessinu qorachaa jirra.”

Feesbuukiin tibba haleellaan kun Niiwuu Ziilaandi keessatti qaqabe keessa baayyee qeeqamaa turaniiru.

Feesbuukiin akka jedhutti ammoo qorannoo yakka kanaa irratti poolisii Niiwuu Zillaandii waliin hojjechaa jira.

 


Maddi BBC

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *