Marsaalee Ammee

Twitter Eenyummeessaa sobaa Mil.1 ol haquu ifoomse.

Odeessi Waashingiton Post ifoomse akka jedhutti oduuwwan sobaa hedduumachaa dhufuun ibsamee, rakkoolee kana hiddaan buqqisuuf dhaabbaatichi Twitter eenyummeessaa(Account) sobaa miliyoonotaan lakkaawamu ugguruu(cufuu) ifoomseera. Ji’oota darban muraasa keessatti qorannoon dhaabbatichi gaggeesse akka agarsiisutti Eenyummeessaawwan adda addaa Odeeffannoo sobaa hanga Mil. 70 ol tahan tamsaasaniiran tahuun kan irra gahame tahuu ibsameera. Haaluma kanaan Eenyummeessaa tamsaasa oduu sobaa […]

Hanna Koompitaraa Seerawaa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Maloota Sasalphaa 5 kanneen Jechadarbii(Password) Eenyummeessaa Feesbuukii baruuf gargaaran – Barnootaaf

Yeroo ammaa ummanni keenya hedduun eenyummeessaa Feesbuukii banachuu ykn baafachuudhaan tajaajiloota adda addaatiif itti dhimma bahaa jiru. kanneen keessaa muraasni: ~ Firaaf Maatii isaanii addunyaa garagaraa jiraataniin walqunnamuuf(Haasaa keessootiin – inbox, Haasaa Sagalee ykn Suursagaleetiin-sound or video call)dhaan. ~ Daldalaafi beeksisa daldalaatiif ~ Barumsaa kennuufi argachuuf ~ Gareedhaan gurmaayuufi gurmeessuuf(garee siyaasaa, kan amantii, kan sanyiifikkf…) […]

Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Miidhaalee(Kisaaraa guyyatti $5-$9) Haasaa Keessoo(CHAT) Marsaalee Hawaasaatiin – Muuxannoo Qabatamaa wajjiin.

Feesbuukiin marsaalee qunnamtii hawaasaa keessaa isa beekkamaadha. Yeroo gabaabaa keessatti beekkamtii olaanaafi hordoftoota hedduu horate. Fayyadamtoota guyyaa guyyaan dabalaa deeman horatee jira, yeroo ammaa hordoftoota ka’aa(Active users) hanga biliyoona 2.19 horachuu odeeffannoon marsariitii dhaabbatichaa ni agarsiisa. Haalli kun dhaabbatichi dhaabbilee gurguddoo addunyaa keessaa toora duraarratti akka hiriiru taasisee jira.   Tajaajila dhaabbanni guddaan addunyaa kennu […]

Hanna Koompitaraa Seerawaa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Hubannoof | Meeshaalee Hanna Koompitaraa Seerawaa raawwachuuf Fayyadan – Ethical Hacking Tools: K-4ffaa

Barnoota keenya Hanna Koompitaraa kutaa 4ffaa keessatti Meeshaalee bebbeekkamoo hanna koompitaraa ofirraa ittisuuf tajaajiluuufi Hanna sirna Koompitaraa ykn cimdaa raawwachuuf gargaaran baldhinaan ilaalla. NMAP – Akeektuu Cimdaa(Network Mapper) jechuudha. Innis Mi’a bilisaan(Free) argamuu danda’uufi Sirna Ittisaafi gahiinsa cimdaa faana dhahuuf baldhinaan kan dhimma itti bahuun danda’amuudha. Meeshaa kan too’attootni Sirna Cimdaa dhuunfaa ykn dhaabbilee adda […]

Hanna Koompitaraa Seerawaa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Hubannoof | Jechoota Hanna koompitaraa(Hacking Terminologies) – Hanna Koompitaraa: K-3ffaa

Hanna koompitaraa keessatti jechootni yeroo heddu dhimma itti baanu hedduu tahanis; Jechootni hanna koompitaraa keessaa muraasni: ~ Mosdhaa ykn Mosajjii dhaadhessaa(Adware) – Mosajjii bifa beeksisaa fakkaatee namatti ergamuudhaan, namni barbaadame sun yoo beeksisa sana cuqaase ykn tuqe odeeffannoo nama sanaa qaama 3ffaaf erguuf kan fayyaduudha.   ~ Faaluu(Attack) – Kunis tooftaa ykn haala sirna(system) barbaadame […]

Hanna Koompitaraa Seerawaa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Hubannoof | Hanna Koompitaraa Seerawaa(Ethical Hacking) :-K-2ffaa

Faayidaalee hanna Koompitaraa irratti bobbahuu Hanni koompitaraa ulaagaalee asiin gadiirratti hundoofnaan baay’ee barbaachisaadha. Isaan keessaa muraasni: ~ Odeeffannoo ykn deetaa nu jalaa bade deeffachuuf nu gargaara, keessattuu yoo Jechadarbii(Password) irraanfanneef. ~ Yaalii diramaan cabsuu kan Of-eeggannoo nama dhuunfaa ykn dhaabbata tokkoo mirkaneessuuf taasifamu. ~ Tarkaanfii baba ittisa dhuunfaa ykn dhaabbata keenna eeggachuuf godhamu mirkaneeffachuuf. ~ […]

Hanna Koompitaraa Seerawaa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Hanna Koompitaraa Seerawaa(Ethical Hacking) – Hubannoo Cimsuuf qofa.

Hanni koompitaraa(hacking) hubannoo namootaarratti hundaayuun hiikkaa gargar kan qabuufi mataduree baldhaadha. Yeroo jalqabaatiif ta’iin hannaa bara 1960 iddoo MIT jedhamutti yoo ta’u maqaan hatticha(hacker) jedhamus yoosana uumame. Haaluma kanaan barreeffama keenya hardhaa keessatti, Hubannoo hanna koompitaraa seerawaa(Ethical hacking), yoom, eessaafi akkamitti akka itti dhimma baanu gadi fageenyaan ilaalla. Hanni yaalii sirna koompitaraa ykn cimdaa koompitaraa […]

Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Namni Cimdaa(network) tokko wajjiin qooddachaa jirru deetaa koompitara keenya irraa osoo nuti hin beekin akka hate beekuuf

Namni Cimdaa(network) tokko wajjiin qooddachaa jirru deetaa koompitara keenya irraa osoo nuti hin beekin akka hate beekuuf tartiiba asiin gadii hordofaa… Cimdaa(network) nuti itti fayyadamaa jirru irra Namni meeqa akka fayyadamaa jiruufi. Cimdaan koompitaraa Deetaa koompitaraas ni jedhama. Cimdaan koompitaraa qindoomina Garee sirna koompitaraa(computer system)fi tuqargii(hardware) yoo tahu, kanneen bifa barbaachisuun walqunnamtii qabuudha. Kunis Walqunnamtii […]

Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Eenyummeessaan Feesbuukii keessan yoo hatame ykn Jecha darbii Irraanfanne, Maal gochuu akka qabdan beektuu? Maxxansa OROMO ICT kana faana bu’aa…

Akkuma baratameefi beekkamu Eenyummeessan Marsaalee hawaasaa kenya tajaajila adda addaatiif yeroo ammaa hawaasni keenya hedduu dhimma itti bahaa jirra, deetaa irratti kuufachuu, icciitii ittiin waljijjiiruu, keessattuu Walqunnamtiif firootaafi hiriyyoota iyyoota garagaatiif haala mijataa kan uume tahus, Eenyummeessaan Marsaalee kanneenii keenya tokko hatamuu ni danda’a. Yoo nujalaa hatame, Tarkaanfiin keenya itti aanu maal tahuu qaba?   […]

Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Odeeffannoo Daldalaa

Feesbuukii Fayyadamuudhaan Qabxiilee ijoo Daldala keessan milkeessuuf Oolan.

Yeroo ammaa Feesbuukiin dhaabbata guddaa Sadarkaa Idil-Addunyaatti dursaa jiru yommuu tahu hojiilee keenya guyyaa guyyaa keessatti gahee olaanaa taphachaa jira. Kana jechuun Tekinoolojiin Feesbuukii daldala ammayyaatiif bu’aalee addaa heddu qabatee dhufeera. Hojii keenya(Daldala) keenya keessatti galii keenya guddisuufi fayyadamaa tahuuf carraalee tekinoolojiin Feesbuukii nuuf fidee dhufe beekuun dirqama taha. Carraaleen kun maalfa’a? akkamittimmoo itti fayyadamuu […]