Hanna Koompitaraa Seerawaa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Hubannoof | Hanna Koompitaraa Seerawaa(Ethical Hacking) :-K-2ffaa


Faayidaalee hanna Koompitaraa irratti bobbahuu
Hanni koompitaraa ulaagaalee asiin gadiirratti hundoofnaan baay’ee barbaachisaadha. Isaan keessaa muraasni:
~ Odeeffannoo ykn deetaa nu jalaa bade deeffachuuf nu gargaara, keessattuu yoo Jechadarbii(Password) irraanfanneef.
~ Yaalii diramaan cabsuu kan Of-eeggannoo nama dhuunfaa ykn dhaabbata tokkoo mirkaneessuuf taasifamu.
~ Tarkaanfii baba ittisa dhuunfaa ykn dhaabbata keenna eeggachuuf godhamu mirkaneeffachuuf.
~ Sirna koompitaraa kan odeeffannoo dhuunfaa ykn dhaabbata keennaaf ofeeggannoo godhu qabaachuufi kkf yommuu tahu;

Miidhaan Hanna koompitaraa immoo:
Hanni koompitaraa gocha suukaneessaafi badaa jedhamanii tarreeffaman keessa kan jiru, yoo hannichi xiyyeeffannoo nama dhuunfaa ykn dhaabbata tokko balaa irra buusuuf ykn saaxiluuf hojjatameedha ykn raawwatameedha. Isaan keessaa:
# Yoo gochoota seeraan kaawwaman ykn seera dhaabbatichi buluun kan cabsu tahe
# Hayyama malee sirna koompitara nama dhuunfaa ykn dhaabbata tokkoo cabsuun daataa hin hayyamamin kan fayyadamnu tahe
# Seera imaammata dhaabbatichaa kan cabsu yoo tahe
# Qaamni dhuunfaa ykn dhaabbatni tokko hojiisaa akka hin hojjanne kan godhuyoo tahe
# Tajaajila namni dhuunfaa ykn dhaabbanni barbaadu akka isaan barbaadaniin faallaa gochuudhaan dhiyeessuufii.
# Gocha barbaadameetuma nama tokko ykn dhaabbata tokko miidhuuf hojjatamee dhiyaatu irratti hirmaachuufikkf dha.

Sababbiiwwan Hanni raawwatamuuf maali?
Sababbiiwwan Hanni raawwatamuuf maali jettanii beektuu?
Sababbiileen Hanni koompitaraa raawwatamuuf hedduudha. Isaan keessaa muraasni:
* Ogeeyyiin koompitaraa ittiin bashannanuuf kan hojjatan(Just for Fun)
* Dhageettii argachuuf kan hojjatamu(Show-off)
* Odeeffannoo dhuunfaa ykn dhaabbataa hatuuf
* Sirna Koompitaraa ykn cimdaa dhuunfaa ykn dhaabbataa cabsuuf
* Namni dhuunfaa ykn dhaabbatni imaammata hojiisaa akka akka hin fayyadamne danquu
* Mallaqa qaalessuuf
* Jabeenya Ittisa sirna koompitara ykn cimdaa keennaa mirkaneeffachuuf
* Seera ittiin bulmaata dhaabbatichaa cabsuufi kkf fa’a

Gosoota Hatuxxeewwan ykn hattoota koompitaraa

Hatuxxeewwan akkaataa xiyyeeffannoo hanna raawwatanii irratti hundaayuun gosa garagaraatti ramadamu. Isaanis Qoobii Adii(white hat), qoobii gurraacha(black hat)fi qoobii daalachaayaa(gray hat) fa’aadha.
a) Hatuxxeen seerawaan(Ethical Hacher or white hat) – Isaanis hattoota ykn hatuxxee sirna koompitaraa qaawwa ykn iddoo hanqinna qabdu barbaaduudhaan kan uranii seenaniidha. Gareen hattoota kanaa, gonkuma gocha dhuunfaa ykn dhaabbatarratti badii dalaguu hin raawwatan. Kanaaf hojiin kun yakka seera-maleessummaadhaan homaanuu walhin qabatu ykn seera-maleessaa miti jechuudha. Kanuma irraa ka’uudhaan, yeroo ammaa dhaabbanni hedduun Hatuxxee Seerawaa(Ethical hacker) qacarachuudhaan eeggumsa dhuunfaa ykn dhaabbataatiif itti dhimma bahaa jiru. Dhaabbanni barnoota kana barsiisuudhaan beekamtii gahumsaa kennus biyyoota heddu keessatti hundaayee hojjachaa jira.

b) Hatuxxee qoobii gurraachaa(black hat hacker) – Hattootni akkasii loote-galtuu(crackers) illee ni jedhamu. Isaanis Hattoota hayyama-maleeyyii kan sirna koompitaraa keenya cabsanii miidhaa geessisuuf ykn odeeffannoo barbaadani fudhachuuf bobbayaniidha.

Gosni hatuxxee kanneenii yeroo hunda seer-maleeyyii(illegal)dha. Sababnisaa; xiyyeeffannoon isaanii gochoota akka saamichaa, imaammata bulchiinsaa cabsuu, sirna mancaasuu, walqunnamtii sirna cimdaa ugguruufi kkf fa’a waan dabalatuuf.

c) Hatuxxee qoobii daalachaa(gray hat hacker) – Gareen kun gareewwan asiin olitti eeraman lamaan irratti irkata, yeroo tokko tokko garee qoobii adii yeroo kaan immoo garee qoobii gurraachaa of fakkeessee jiraata.
Xiyyeeffannoon isaanii hirdhina ykn dadhabina jiru saaxiluudhaan abbaa qabeenyaa ykn mootummaa biyyattii irraa beekkamtii argachuudha.




Dabalataanis, Hattootni koompitaraa wantoota isaan hatuu danda’an irratti hundaayuun ramaddiilee asiin gadiitti ramaduu ni dandeenya. Isaanis:
i) Hatuxxee qoobii diimaa(red hat hacker) – Garee hatuxxee qoobii daalachaayaa ta’aniituu, sadarkaan hanna isaanii olaanaa fi xiyyeeffannoon isaanii yeroo baay’ee Dhaabbilee Mootummaa, Iddoo odeeffannoon barbaachisaafi gurguddaan jiru.

ii) Hatuxxee qoobii cuquliisa(blue hat hacker) – Namni ykn Gareen hatuxxee qoobii cuquliisa kun yeroo baay’ee dhaabbata gorsaa ittisa sirna koompitaraatiin alaa kan dhufus tahu; osoo hojitti hin seenin dura Yaalii dogoggora sirreessuu(bug-test) raawwachuun beekama. Isaanis boolla maraammartoo(loopholes) barbaaduudhaan hanqina jiru kan cufaniidha. Dhaabbanni Microsoft illee Jecha ‘BlueHat’ jedhu kana fayyadamuun ta’iiwwan ittisa eeggumsaa qopheessa.

iii) Hatuxxee Ogeessotaa(Elite Hackers) – Isaan kun garee hatuxxeewwan jiranii keessaa kanneen isaan dandeettii olaanaa qaban akka jechuuti. Gareen kun dhiyeenya kan argameedha.

iv) Hatuxxee Ogummaleeyyii(script kiddie) – Gareen kun hatuxxee ogummaa hanna koompitaraa ykn ogummama koompitaraayyuu heddu hin qabneefi muuxannoo ykn hubannoo xiqqoo qabutti fayyadamaee Meeshaa(tool) qophaaye fayyadamuun hanna koompitaraa raawwatuudha.

v) Hatuxxee Dammaqsituu(Hactivist) – Gareen kun hatuxxeewwan Mi’oota Tekinoolojiitti sirnaan dhimma bahuudhaan sirna barbaadan erga cabsan booda Ergaawwan dhimma hawaasummaa, ilaalchaa, amantii, fi Siyaasaa kan dabarfatuudha. Gareen kun keessattuu hanni isaanii marsariitiilee adda addaafi tajaajila addaan kutuu irratti kan xiyyeeffateef

 





 

#Kaayyoon_keenya : Hubannoo hawaaasa keenyaa Cimsuudha.

Horaa Bulaa Deebanaa
OROMO ICT Team
E-mail: oromoict@gmail.com
Web: Gorsa ICT www.oroict.com
Barnoota Afaan Oromootiif :www.afaan-oromoo.com
Gita Hojii Banaa argachuuf: www.hojii.net

Gorsa Fayyaatiif: https://fayyaa.afaan-oromoo.com/

 

Author

abdiisaa

Comment (1)

  1. abu selahdin
    June 29, 2018

    wan gaaridh galatoomi
    dhiifama akkata website dhuunfa fayyadamu ykn banu dandeenyu xiqqo ibsa nuuf laadha

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *