Hanna Koompitaraa Seerawaa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Hanna Koompitaraa Seerawaa(Ethical Hacking) – Hubannoo Cimsuuf qofa.


Hanni koompitaraa(hacking) hubannoo namootaarratti hundaayuun hiikkaa gargar kan qabuufi mataduree baldhaadha. Yeroo jalqabaatiif ta’iin hannaa bara 1960 iddoo MIT jedhamutti yoo ta’u maqaan hatticha(hacker) jedhamus yoosana uumame.
Haaluma kanaan barreeffama keenya hardhaa keessatti, Hubannoo hanna koompitaraa seerawaa(Ethical hacking), yoom, eessaafi akkamitti akka itti dhimma baanu gadi fageenyaan ilaalla.

Hanni yaalii sirna koompitaraa ykn cimdaa koompitaraa keessatti qaawwa ykn iddoo hanqinni jiru barbaaduun seenuuf yaaluufi dhumarrattis seenuu dabalata. Hanni koompitaraa, walumaagalatti sirna koompitaraa(computer system) ykn cimdaa koompitaraa(computer network) fayyadamuuf hayyama hin qabne cabsanii seenuu ykn fayyadamuudha. Kanas kan gochuu danda’an, Qaamaan argamanii ykn Fageenyarraa(remotely) dha. Ogeeyyiin gocha kanarratti bobbahan Hanna koompitaraa kana kan raawwataniif sababoota mataasaa danda’e heddu qaba. Isaan keessaa muraasni:
~ Sirnicha miidhuuf(to harm the system)
~ Odeeffannoo barbaachisoo kan dhuunfaa ykn dhaabbataa hatuuf

Hanni koompitaraa kun yeroo baay’ee seerawaa(legal) dha, yoo kan waa balleessuuf osoo hin taane, yaalii dandeettii sirna(system) ykn cimdaa(network) sanaa madaaluuf ta’e. Hanna akkasii kanaan Hanna Koompitaraa Seerawaa(Ethical hacking) jenna. Ogeeyyiin hojii kana raawwatanis Hatuxxee Seerawaa(Ethical hacker) jennaan. Jarri hatuxxee seerawaa kun sirna ittisaa utaaluun(Bypass security system), qaawwa ykn iddoo biraa tan hanqinna qabdu barbaaduudhaan kan uranii seenaniidha.

Ogeeyyiin koompitaraa gocha hanna koompitaraa kana irratti bobbayanii argaman ‘Hatuxxee(hacker)’ jedhamuun beekkamu. Hatuxxeen kunneen mala, tooftaalee adda addaatiin haala sirnichi itti hojjatuufi itti ijaarame hubatanii sirnicha sirnicha uru.

Hanna Koompitaraa tokko Hanna seerawaa, jechisiisuuf Hatuxxeen(hattichi) ulaagaalee asii gadii eeguutu irra jiraata.
~ Hatuxxeen dirqamatti Imaammata Matayyaa dhuunfaa ykn dhaabbatichaa eeguu qaba.
~ Cimdaa ykn sirnicha fayyadamuuf hayyama yoo qabaate.
~ Cimdaa ykn Sirnicha erga banamee hojii barbaachisu raawwateen booda cufuu qaba, banaa dhiisee qaamni biraa seenee akka waa hin balleessine.
~ Yoo Fayyadamaa ykn moosajii tokko sirnicha ykn cimdaa sana keessa kan keennu tahe, Too’ataan sirnichaa ykn cimdichaa akka beeku ykn dhaabbatichi akka beeku gochuu feesisa.




Gosoota Hanna Koompitaraa
Hanna kana ramaddiilee saditti qoonnee ilaaluu dandeenna, sirna maaltu hatame isa jedhurratti hundaayuun.
1) Hanna Marsariitii(Website hacking) – Kana jechuun too’annaa kuustuu marsariitichaa(web server)fi iddoola marsariitichaa biroo ofharkatti deebifachuudha.

2) Hanna Cimdaa(Network hacking) – Odeeffannoo cimdaa(network) sanaa meeshaa(tool) akka Telnet, NS lookup, ping, Tracert, Netstat, fikkf fayyadamuun funaanuudhaan Cimdicha too’achuurratti kan xiyyeeffate.

3) Hanna Teessoo Ergaa(Email hacking) – Email nama tokko hayyama abbichaa malee seenanii fayyadamuudha.

4) Hanna Jechadarbii(Password Hacking) – Jecha darbii nama tokkoo jijjiiruun ykn isa dagatame bayyanachiisuun hayyama eenyummeessaa nama biraa fayyadamuu argachuudha.

5) Hanna Koompitaraa(Computer Hacking) – Jecha darbii ykn ID koompitaraa milkisuun daataa ykn sirnicha fayyadamuudha.

itti fufa>>>>




 


#Kaayyoon_keenya : Hubannoo hawaaasa keenyaa Cimsuudha.

Horaa Bulaa Deebanaa
OROMO ICT Team
E-mail: oromoict@gmail.com
Web: www.oroict.com
:www.afaan-oromoo.com
: www.hojii.net

Author

abdiisaa

Comment (1)

  1. shumellis taye
    June 27, 2018

    wow guddaa isaa gallatomii abdii

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *