Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Eenyummeessaan Feesbuukii keessan yoo hatame ykn Jecha darbii Irraanfanne, Maal gochuu akka qabdan beektuu? Maxxansa OROMO ICT kana faana bu’aa…


Akkuma baratameefi beekkamu Eenyummeessan Marsaalee hawaasaa kenya tajaajila adda addaatiif yeroo ammaa hawaasni keenya hedduu dhimma itti bahaa jirra, deetaa irratti kuufachuu, icciitii ittiin waljijjiiruu, keessattuu Walqunnamtiif firootaafi hiriyyoota iyyoota garagaatiif haala mijataa kan uume tahus, Eenyummeessaan Marsaalee kanneenii keenya tokko hatamuu ni danda’a. Yoo nujalaa hatame, Tarkaanfiin keenya itti aanu maal tahuu qaba?

 

Eenyummeessaa keenya deebisnee argachuuf tartiiba armaan gadii hordofaa:

 

Mala: 1ffaa) – Hatattamaan Jecha darbii keessan jijjiiruu
Eenyummeessaa keessan seenuu(login) gochuu yoo dandeessan Jecha darbii(password) keessan jijjiiruu qabdu.
Jecha darbii keessan yoo jijjiirattan, Jechi darbii keessan ulaagaalee jecha darbii jechisiisu kan guutu tahuu qaba.
Ulaagaaleen Jechi darbii tokko gutuu qabu:
~ Baay’inni Jecha darbii yoo xiqqaate 8 guutuu qaba
~ Walmakaa Qubeewwaniif Lakkoofsota kan tahe
~ Yoo xiqqaate Qubee guddaa tokko, qubee xiqqaa tokko fi lakkoofsa tokko kan ofkeessaa qabu.
~ Mallattoolee adda addaa(US-ASCII character) ksn ofkeessaa qabu
fkn: *, ‘, “, $, ^, &, #…
~ Xaxamaafi salphatti tilmaamuun kan hin danda’amne tahuu qaba.
~ Maqaa dhuunfaa bilbila dhuunfaa fayyadamuun eenyummeessaa keenya hannaaf saaxila.

Kana malees gaaffii icciitii(Security question) keenyas jijjiiruun ni gorfama.

Jijjiiramni kun yoo hin milkaayin, ykn E-mail nuti fayyadamaa jirrus Eenyummeessaa keenya deeffachuuf nun fayyadu. Yoo filannoo kanaan yaaliin eenyummeessaa keenya deeffachuu nuuf hin milkaayin Dhaabbaticha qunnamuudhaan akka gidduu seenu(intervene) godhu gochuu qabna.
Dhaabbatichatti beeksisuuf Unkaa link asiin gadii guutaa
https://www.facebook.com/hacked

Hub: Jecha darbii(Password) keenya yoo irraanfanne – Too’ataa Jecha darbii(Password manager) fayyadamuudhaan deebifachuu(restore) gochuu dandeenna.




Mala:2ffaa) – Mi’a(Machine) fayyadamaa jirtan jijjiiruu
Koompitara keenya fossuu(scan)dhaan qulquleessinee Qinqanii(virus), Basaastuu(Spy/Malware) koompitara keenya keessa tasa jiraatanii odeeffannoo dhuunfaa keenya basaasuu danda’an balleessuu ykn qulqulleessuu qabna.
Hub: Moosajiin Basaastuu(Malware) yoo koompitara keenya keessatti argame, Jecha darbii Eenyummeessaa keenyaa, akka qinqaaniidhaan dhibaaye eerree Haaromsuu(Reset) gochuu qabna.

 

Mala: 3ffaa) – Guutummaa Eeenummeessaa keessanii mirkaneessuu
Jecha darbii keenya erga haaromsine booda Odeeffannoo eenyummeessaa keenyaa daddabarsuuf fayyadamaan eenyummeessaa keenya keessatti kuufame yoo jiraate mirkaneessuu feesisa.
Yoo Fayyadamaan qama 3ffaa(3rd party Apps) hayyama daataa keenya daddabarsuu argatee jiraate mirkaneeffachuu qabna. Fkn: Facebookfi Twitter walqunnamsiisuuf yoo tahe malee kanneen biroo hayyama keenyaan ala odeeffannoo dhuunfaa keenyaa akka hin daddabarsine ofeeggannoon barbaachisaan godhamuu qaba.

 

Mala: 4ffaa) – Wanta Eenyummeessaa keessan mudate kana hordoftoota keessan beeksisaa
Dhimma hanna eenyummeessaa keessan mudatee hiriyyootaafi hordoftoota keessan beeksisuu qabdu. Hattootni yeroo baay’ee odeeffannoo nama biroo kan barbaadan argachuuf Eenyummeessaa kanneen walitti dhiyeenya qabu waan fayyadamaniif, Nama eenyumeessaan jalaa hatame kanatti namoota firooma ykn dhiyeenyaa qabu odeeffannoo dhunfaa argachuuf salphaadha.

Kanaaf fakkeenyi guddaan: Dhiyeenya kana Ergaan, hidhaa(link) hin beekkamne qabu gara keessoo(inbox) dhaan namoota heddutti ergamaa ture, abbaan eenyummeessaa sanaa hin beeku, Qinqaanichi(Virus) ofumaan of erga. Ergaa keessoon nutti dhufu sana yoo banne, odeeffannoo dhuunfaa keenyaa gara qaama irraa dhufeetti erga, sana booda qaamni odeeffannoo dhuunfaa keenya(Jecha darbii, Email…) argate sun Yeroo barbaadetti Eenyummeessaa keenya wanta barbaadeef dhimma itti bahuu danda’a.

 

Mala: 5ffaa) – Dhoobbiilee Eenyummeessaa keenyaa mirkaneessuu
Yeroo heddu Marsaaleen hawaasaa dhoobbiilee Qinqaniiwwanii(virus, malware, spam, and advertisements) tamsaasuu dhaaf fayyadamu, nu fakkaatanii namoota nuti waliiti dhiyaannuun haasofsiisuu, akkasumas isin fakkaatanii faayidaalee adda addaa argachuuf fayyadamuu malu. Hattoonnis Eenyummeessaa keenya yoo hatan, yeroo hedduu kanumaaf dhimma itti bahu. Kanaafuu, dhoobbiilee eenyummeessaa keenyarraa rakkoolee kanaafakka hin saaxilamne mirkaneeffachuu feesisa.

 

Mala: 6ffaa) – Eenyummeessaa haaraa duukabu’uu
Hattootni yoo E-mail keenya hatanii eenyummeessaa keenya cabsan, Email keenya osoma nuti fayyadamaa jirru ykn osoo nuti hin beekin, yeroo hunduma dhimma adda addaatiif dhimma itti bahuu danda’u.
Kanas beekuudhaaf; E-mail keenya keessaa(inbox, sent items, trash) keessa seennee wanti haaraafi jijjiiramni haaraa jiraachuu ykn namni ta’e akka fayyadamaa jiru mirkaneessuudhaan yoo wanti shakkine jiraate E-mail keenya haaromsuu ykn immoo guutumatti balleessuu dandeenna. Ni haaromsina yoo tahetartiibni nuti hordofuu qabnu Mala: 1ffaadhaan kan walfakkaatuudha.




Horaa Bulaa Deebanaa
OROMO ICT Team
E-mail: oromoict@gmail.com
Web: www.oroict.com
:www.afaan-oromoo.com
: www.hojii.net

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *