Hanna Koompitaraa Seerawaa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Hubannoof | Meeshaalee Hanna Koompitaraa Seerawaa raawwachuuf Fayyadan – Ethical Hacking Tools: K-4ffaa


Barnoota keenya Hanna Koompitaraa kutaa 4ffaa keessatti Meeshaalee bebbeekkamoo hanna koompitaraa ofirraa ittisuuf tajaajiluuufi Hanna sirna Koompitaraa ykn cimdaa raawwachuuf gargaaran baldhinaan ilaalla.

NMAP – Akeektuu Cimdaa(Network Mapper) jechuudha. Innis Mi’a bilisaan(Free) argamuu danda’uufi Sirna Ittisaafi gahiinsa cimdaa faana dhahuuf baldhinaan kan dhimma itti bahuun danda’amuudha.
Meeshaa kan too’attootni Sirna Cimdaa dhuunfaa ykn dhaabbilee adda addaayyuu hojiilee akka too’annaa haaromsa sagantaatiif, affeertuu cimdichaa toochuuf ykn tajaajila hojiirra jiru faana dhahuuf fikkf.

* NMAP – kurfaa dheedhii Teessoo Lakaddaa koompitaraa(IP) fayyadamuun wantoota asii gadii ibsa:
~ Affeeruun akkamii akka cimdaa keessatti argamtu
~ Affeertuun kunneen tajaajila maal kennaa akka jiran
~ Sirna Dalagaa(OS) kamitti akka dhimma bahaa jiran beekuuf
~ Dalla Cimdaa kamtu eeggumsarra akka jiruufi amaloota keenneen biroo…
NMAP Sirna Dalagaa gurguddoo tahan kanneen akka Sirna Dalagaa koompitaraa Windows, Mac OS, fi Linux.

 

* Metasploit – Meeshaalee sirna koompitaraa uruuf fayyadan keessaa olaanoodha. Meeshaan kun gurgurtaanillee, akkasumas bilisaanis kan argamuudha. Metasploit – kan fayyadamu gabatee ajajaa(command Prompt-CMD or Web UI).
Meeshaan kun wantoota asiin gadii raawwachuu danda’a. Isaanis:
~ Cimdaa xixiqqaa irratti yaalii cabsanii seenuu raawwachuu
~ Qaawwan hanqinni ittiin cabsanii seenuuf oolu jiraachuu mirkaneessuu
~ Cimdaa tokko keessa seenee deetaa filamee itti kenname olkaayuu
~ Affeertuu irratti qabee(module) ugguraa waamuufi sochoosuu.

 

* Burp Suit – Meeshaa gocha hanna koompitaraa seerawaa keessatti beekkamaafi hedduu kan dhimma itti bahamuudha. Innis Fayyadamaa Saaphaphuu(Web App) irratti dandeettii ittisaa mirkaneeffachuuf oola. Yaalii adda addaa taasisuuf kan dhimma itti bahamu yoo tahu, yaaliiwwan kana mirkaneessuuf Meeshaalee(tools) adda addaa wajjiin walitti dhufeenyaan akka hojjatuuf yaadamee kan qophaayeedha, ka’umsarraa akka akeektutti, akka qorattootatti ganda faaluu barbaadan, karaa hanqinaafi dadhabinni jiru barbaaduun kaayyoo ergameef milkeessuuf kan hojjatuudha.




Burp – meeshaa fayyadamuuf salphaa taheefi guutumaan guututti, wanni hundi too’annoo hoogganaatiin waan ta’eef yaadaan(manually) tooftaa barbaaqchisaa hordofuufi too’acjhuudhaan ergama milkeessuun salphaadha, akkasumas haala salphatti qindaaya.

 

* Angry IP Scanner – Meeshaa ulfaatina salphaa qabu, Lakkada addaa koompitaraa(IP)fi kaastuu buufataa(port scanner)dha. Lakadda reenjii kamiinuu keessa jiru sakatta’uuf oola. Meeshaan kun bilisaan(free) kan argamuufi iddoo kamittuu tajaajila kan kennuudha. Saffisa Sakatta’iinsa dabaluuf; tooftaa hedduuminaan dalaguu(multithreaded approach) kan hordofuus tahu, Lakadda sakatta’ame tokkoof kophatti gola kan ijaaru taha. Kana jechuun odeeffannoo funaaname walitti osoo hin makin kophaa kophatti olkaaya.

Angry IP Scanner – Mala salphatti teessoo lakadda qunnamtii hariiroo qulqulleessuun jiraachuu(alive) erga mirkaneessee Maqaa Haadhoo, Lakaddaa Sirnichaa, Buufata Sakatta’iinsaa fkff tarreessa.Hammi Deetaa sakatta’amee walitti qabamee waa’een haadhoo TXT, XML, CVXfikkf olkaa’ama. Meeshaalee dabalataa ittisuuquu(plugin)dhaan ammoo odeeffannoo sakattaane hunduma guutuun guututti argachuun ni danda’ama.

 

* Cain and Abel – Kunis Sirna Dalagaa Microsoft keessatti Meeshaa jechadarbii duubdeebifnee(recovery) argachuuf nu gargaaruudha.Innis mala salphatti jechadarbii adda addaa argachuuf kan nu fayyaduufi tooftaalee asiin gadii kan fayyadamuudha. Isaan keessaa:
~ Cimdicha Suufuudhaan
~ Jecha Darbii walitti ukkaamfame(encrpted) deeguudhaan.
~ Haasaa Lakaddaa Sirnichaa interenteetaan taasifamu dhageeffachuudhaan ykn waraabbachuudhaan.
~ Furtuu cimdaa haadmaleessa deebifachuudhaan.

Kanaaf; Meeshaan kun ogeeyyota Gorsa Ittisaa, Yaaltota Luuxxe seentuu fikanneen yaalii hanna seerawaa irratti bobbahuu yaadan birootiif.

 

* Ettercap – Kunis bakka buutuu Ethernet Calpture irraa fudhatame. Innis Meeshaa gidduseentota(Man-in-the-middle attack)n dhimma itti bahuudha. innis cimdaarratti kallattiin(LIVE) fuunfachuudhaan qabiyyee filachuu, fikkf raawwata.
Qabiyyeen meeshaa kanaa cimdaa keessatti hojjatamee kan jiruu yoo tahu affeeruu duuka bu’uuf kan ooluudha. Sirna dalagaa gurguddoo hundarrattiyyuu ni dalaga.

 




 

Itti fufa>>


#Kaayyoon_keenya : Hubannoo hawaaasa keenyaa Cimsuudha.

Horaa Bulaa Deebanaa
OROMO ICT Team
E-mail: oromoict@gmail.com
Web: Gorsa ICT: www.oroict.com
Barnoota Afaan Oromootiif :www.afaan-oromoo.com
Gita Hojii Banaa argachuuf: www.hojii.net

Gorsa Fayyaatiif: https://fayyaa.afaan-oromoo.com/

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *