Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Namni Cimdaa(network) tokko wajjiin qooddachaa jirru deetaa koompitara keenya irraa osoo nuti hin beekin akka hate beekuuf


Namni Cimdaa(network) tokko wajjiin qooddachaa jirru deetaa koompitara keenya irraa osoo nuti hin beekin akka hate beekuuf tartiiba asiin gadii hordofaa…

Cimdaa(network) nuti itti fayyadamaa jirru irra Namni meeqa akka fayyadamaa jiruufi.

Cimdaan koompitaraa Deetaa koompitaraas ni jedhama. Cimdaan koompitaraa qindoomina Garee sirna koompitaraa(computer system)fi tuqargii(hardware) yoo tahu, kanneen bifa barbaachisuun walqunnamtii qabuudha. Kunis Walqunnamtii fayyadamtootaa cimdaa sana keessa jiraniif, akkasumas deetaa waljijjiiruuf akka tolutti kan walitti hidhamuudha.

Kanaafuu namni cimdaa walkeessaan walitti hidhate kana fayyadaman osoo nuti hin beekin namni biraa deetaa keenya hatuu danda’a.
Cimdaa nuuti fayyadamaa jirru kana nama meeqatu fayyadamaa jira, akkasumas deetaa keenya namni hate yoo jiraate akkamitti beekuu dandeenya gaaffii jedhuuf tartiiba asiin gadii hordofaa.

AjajSaaqii(Command prompt or CMD) – meeshaa(tool) koompitaraa kan Sirni Dalagaa(OS) – Windows tahe irratti argamuufi waan heddu hojjachuuf nu gargaaruudhaa.




Namni tokko hanna koompitaraa raawwachuuf iddoola(site) sanatti argamuun ykn fageenyarraa(remotely) tahuu danda’a. Akkasumas Nama tokko jalaa deetaan hatamuuf namni sun dirqamatti kan cimdaa(network)tti hidhame tahuu qaba, yoo hin taane namni tokko yoo qaamaan argamee deetaa keenya hate malee hanni fageenyarraa hin danda’amu.

Cimdaa dhuunfaa(private network) fayyadamaa jirra yoo tahes, yeroo hunda ittisni(security) koompitara keenyaa seeraan kan eeggame tahuu mirkaneeffachuun abshaalummaa qofa osoo hin taane saaxila icciitii dhuunfaas ofeeggannoo gochuuf nu gargaara.

Kana gochuuf Ajajoota kanaa gadii raawwadhaa:
Dursa Koompita keenyarratti
Kaasi(Start)–>barbaacha saffisaa(quick search) irratti CMD jedhaa barreessaa. Hidhaa(link) Fayyadamaa isiniif dhufurratti mirga cuqaasuu(right click)dhaan ‘Run as Administrator’ isa jedhu filanna. gabatee gurraacha asii gadii kana argattu.

Sana booda:
1) Fayyadamoota cimdaa keessan irra jiru hunda ilaaluuf ajaja “net view” kana mallattoo keessa jiru sana dhiiftanii erga barreessitan booda furtuu galchii(enter key) cuqaasaa. Akka asii gadii kanatti isiniif baasa.



Haala asii olitti muldhatu kanaan Fayyadamtootni ykn Namootni cimdaa kana fayyadamaa jiru namoota lama qofa, nama koompitara irratti ajaja kana raawwateen dabalatee.

Yoo maqaa cimdaa keessan keessa hin jirre argitan(shakkitan) gara nama cimdaa sana too’atuutti dabarsuudhaan akka ugguramu(block) gochuu dandeessu.

 

Namni tokko Ajajsaaqii(CMD) kana fayyadamee koompitara keenya yoo sakatta’e ykn deetaa keenya hate akkamitti beekna?

Ammas Ajajsaaqii(CMD) akkuma asiin olii kanatti banaa.

Sana booda Ajaja ‘netstat-an‘ jedhu kana mallattoo biraa dhiisaa Ajajsaaqirratti barreessaa, sana booda furtuu galchii cuqaasaa.

waan gabatee asiin olii fakkaatu kanatu isiniif dhufa. As keessatti
Tarreen 1ffaan – TCP(Transmission Control protocol) fi UDP(User Datagram Protocol)dha.
Tarreen 2ffaan – Teessoo keessoo(local address) – kun teessoo koompitarri keenya kanneen biraa irraa adda ittiin baafachuuf nu gargaaru.
Tarreen 3ffaan – Teessoo alee(Foreign address) – teessoo koompitarri keenya cimdaa keenyaan alatti ittiin beekkamu.
Tarreen dhumaa – Haalojii kornyoo cimdaa(Network connection status)

 

Haala kanarratti hundaawuudhaan xiyyeeffoodhaan cimdaa keenya namni biraa keessa seene moo hin seene isa jedhu adda baasuuf nu gargaara.
Lakkoofsi buufata(port number) Lakkoofsa IP ykn Server aanee kan dhufu bifa ‘xxxxxx’ dhaan. akkuma suuraa kanarraa hubannu buufatni 0 hanga 1023 naga qaba. Itti aanseellee 1024 hanga 49152 illee naga qaba. Amma xiyyeeffannoo 49152 hanga 65535tti xiyyeeffannoo gochuu feesisa.

Yeroo heddu Fayyadamaan(p2p Apps) buufata reenjii gara dhumaa waan fayyadamuuf dursinee Fayyadamaa(App) koompitara irratti bannee jirru cufuu qabna. Ammas Ajajsaaqii(CMD) bifa haaraan irra deebinee bannee ajajna.

Sana booda Tarree 3ffaa keessa qaamni biraa cimdaa keenya yoo seenee(IP address) jiraate mirkaneessuu qabna. Lakkoofsa shakkine teessoo alee(foreign address) ilaaluudhaan eessarraa akka tahe mirkaneessuufi Google/Bing deemnee yoo Fayyadamaa akka Feesbuukii/Skype/Messenger nuti bannee jirru akka hin taane adda baafachuu qabna.

Haala kanaan teessoo shakkine sana argachuu yoo hin dandeenne, qaamni cimdaa keenna seenee fayyadamaa jiru waan jiruuf ugguruu qabna.
Hattoota Cimdaa keenya fayyadamaa jiran faalli salphaan ykn ugguruuf ajaja asiin gadii fayyadamuun mala salphaadha.

Ipconfig/release – Teessoo IP koompitara keenyaarraa balleessuuf
Ipconfig/renew – hatattamaan koompitara keenya IP balleessine IP haaraa akka kennuufi cimdaa hattoota koopitaraa keessatti shakkine keessaa bahuufis nugargaara.

 

 




#Kaayyoon_keenya : Hubannoo hawaaasa keenyaa Cimsuudha.

Horaa Bulaa Deebanaa
OROMO ICT Team
E-mail: oromoict@gmail.com
Web: www.oroict.com
:www.afaan-oromoo.com
: www.hojii.net

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *