Lallabaan wangeelaa beekamaan kun namoota gay ta’an nan fayyisa jechuun lallabaa ture, dhaabni teessoon isaa UK ta’e ‘openDemocracy’ jedhamu ammoo kun sirrii miti jechuun himannaa eegale. Qaamni himannaa TB Jooshuwaa irratti bane kun yoo xiqqaate viidiyoowwan torban kanneen bara 2016 fi 2020 gidduu YouTube nama wangeelaa kanarratti fe’aman erga sakatta’ee booda YouTube’tti iyyate. YouTube akkaawuntii nama wangeelaa […]
Dhaabbati Facebook fuulawwan Masrii taa’anii Itoophiyaa irratti xiyyeeffatan haquu isaa beeksise. Sababa fuulawwan kunneen haqaman yoo ibsuus imaammata dhaabbatichaa dhimma biyya alaa keessa seenuu dhabuu cabsuun akkasumas duula qindaa’aa dhugaa hin taane keessa qooda fudhachuun akka ta’e ibse. ”Eenyummeessaalee Fesbuukii 17, fuula 6 akkasumas Eenyummeessaalee Inistaagiraamii sadii Masriirraa Itoophiyaa, Sudaaniifi Turkii irratti xiyyeeffatan haqneerra” jedhe […]
Kubbaaniyaalee fi Dhaabileen Mootummaa guyyuu hanna toora-interneetaatiif hatamaa jiru, odeeffannoon namoota dhuunfaas saaxilamaa jira – Hattootni interneetaa deetaawwan hataman bituu fi gurguruu hojii taasifataniiru. Waggoota kudhan darbanitti, Hanni toora-interneetaan gaggeeffame galmeewwan Bil.4 ol tahanitti tilmaamau hatamuu ykn itti-yaadamee milikfamuu, qaama biraatiif dabarfamuu dhaabbatni “Privacy Rights Clearinghouse ” daataa funaane wabeeffatee gabaaseera. Akka gabaasa kanaatti, Hanni […]
Leenjiin keenya kan kennamu karaa toora #interneetaan yommuu tahu, #System of danda’e kan #Marsariitii(Website) fi #MobileApp qabuun kennina. Leenjiin keenya #Garee A fi B kan qabu yoo tahu; Gareen A –Garee itti-Fayyadama Tekinoolojii Hubannoo qabu tahee kallattumaan Interneetarraa Galii argachuuf ykn kan argataa jiru olguddifachuu irratti xiyyeeffachuudhaan leenjii kennamu, Laanjiin kallattiidhaan – Gahumsa dhuunfaa madaaluu […]
Gaffii hayyoota Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa irraa waggaa 5 oli dhaabbatichi tajaajila hiikkaa Afaan Oromoo akka jalqabuuf gaafatamaa ture yeroo lammaaffaaf dhaabbatichi deebii kan kenne ji’oota afur dura akka ibsuun keenya ni yaadatama. Yeroo jalqabaatiif dhuma bara-2017 Jechoota Afaan Oromoo gara Afaan Ingiliizitti hiikame Mil.1 fidaa jedhee kan ture tahus, akka dhaabbatichaaf kennamu […]
Leenjiin kun Barnoota Tekinoolojii Adda addaa irrratti Namoota hubannoo qananiif caalatti akkaataa hojiisaanii irratti Tekinoolojii irraa fayyadamuu danda’an Gahumsa cimsuu dabalatee hanga Ogummaadhaan leenjii kennee waraqaa ogeessummaa laatuu dabalata. Kaayyoon Leenjii kanaa faayidaalee hedduuf ta’ullee garuu ijoowwan lamaaf xiyyeeffannoon kan kennameedha. Isaan keessaa muraasni: Dargaggoota keenyaaf keessattuu kanneen biyya keessaatiif hubannoo […]
Gabaasni BBC Afaan Oromoo Baasii Interneetaarratti qopheesse Bu’uura hin qabu Dhaabbileen China karaa Itiyoo-Telekoom Ummata Saamaa jiru Qafoowwan China Mosajii Hannaa itti-fe’ame kan hanna icciitii-dhuunfaafi basaasummaaf oolu 200,000 ol Afrikatti argame Dhaabbtni Itiyoo-telecom waggaa lama dura fooyya’iinsa gatii tajaajiloota telekoomii yeroo lama taasisee kan ture yommuu tahu isa dura sadarkaa Idil-Addunyaatti dhaabbata tajaajiloota telekoomii gatii […]
Marsaalee Hawaasaa add addaa yeroo amma hedduun keenya fayyadamnu maxxansaalee adda addaa guyyatti itti-maxxansinu ykn barreessinuuf mataa mataattii daangeffama seerawaa(Upper limits of contents sharing) kan qaban yoo tahu, daangeffama kanaa ol maxxansinee yoo argamne, qabiyyee keenya dhoksuu irraa qabee hanga Eenyummeessaan(Account) keenya yeroo akka hojii-dhaabu(Temporary restriction), akkasumas adabbii sanaan hin dhaabbannu yoo tahe hanga guutumatti […]
KOOMPUUTARAA FI IJA KEENYA. Dr. Gurmeessaa Namoota yeroo dheeraaf koompuutera fayyadamtan yikaan moobayila irraa chat gootaniif akka iji keessan hin miidhamne eeggannoowwan akkamii gochuu qabduu? Sadarkaa ifaa (brightness) koompuutera keessanii akka inni ifa naannoo keessa jirtanii waliin walfakkaatutti adjust godhadhaa. Fakkeenyaaf screen computeera keessanii fuula keessanitti akka madda ifaatti ifa baasaa jira taanaan ol […]
- 1
- 2