Oduu Simbirtuu – Dhaabbata Guddicha Idil-Addunyaa Google irratti Adabbiin qarshii doolaraan Bil.1.7 kaahame. Bit.21/2019 oroict – Dhaabbatni tajaajila barbaacha Interneetaa kennuudhaaan beekkamu Google irratti adabbiin qarshii doolara biyya Ameerikaa Bil 1.7 kaa’amuu ibsameera. Adabbii kana kan dabarse Dhaabbata Gamtaa Awuroophaati. Gamtichatti, komishiinarri waldorgommii daldalaa Margaafeetaa jedhamu akka ibsanitti Sababni adabbii kanaa Seera-dhabdummaa tajaajila kenniinsa toorarraatiin […]
Afaan Oromoo osoo Abbaa qabaatee Addunyaarraatti Afaanota Gurguddoo keessaa Sadarkaa 20ffaa ta’a ture.
Guddina Afaan Oromoo kan quucarse Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
Afaan Oromoo Afaan hojii Mootummaa Federaalaa ta’uun dura Afaan hojii Waajjiraalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa tahuu qaba.
Ani, ati, isheen, inni, isaan, isin hundi keenya AFAAN Jaalannu kanaaf maal gumaachine?
Yaada Furmaataa……
Maamilootaafi Hordoftootni keenya akkam jirtu? Dhaabbanni Qubee Teekinoolojii(Qubee Technologies) yeroo ammaa biyya keessaa fi biyya alaatii damee kan qabu, Tajaajiloota Software fi App Mobile hojjachuu, Website hojjachuu, waaltessuu fi too’achuu, Gorsaafi Leenjii ICT, Deeggarsa fi Beeksisa Online Business, fi kkf ni kinnina. Kanumarraa ka’uudhaan yeroo ammaa Tajaajilli ykn Oomishaaleen keessan akka namoota heddu bira gahuuf, […]
Dhaabbatichi ibsa miidiyaalee biyya keessaaf kenneen, tajaajila intarneetii daataa moobaayilii irratti hir’isa gatii dhibbeentaa 43, kan intarneetii biroodbaandii irratti ammoo dhiibbantaa 54 taasiseera jedhe. Akkasumas tajaajila bilbila sagalee irratti hir’isa gatii dhibbeentaa 40 fi ergaa barreeffamaa gabaabaa irratti ammoo dhibbeentaa 43 taasisuu himeera. barameera. Haaluma kanaan tajaajilli bilbila sagalee duraan daqiiqaatti saantima 83 ture gara […]
Yeroo amma Dhaabbanni Ethiotelecom Gatii Tajaajila Bilbila sagaleefi Internaataallee hidhisuu isaa hedduun keenya gammachuu olaanaan simannee jirra. Haatahuu malee jijjiiramni taasifame kan sadarkaa Biyyoota biraatiin ykn sadarkaa Idil-Addunyaatti gahaa dhaa? Hawaasa keenya jireenya gad-aanaa jiraatu kanaan walmadaalaa jennee yoo ilaalle, Ammas tasuma hin madaaluudha deebiin, ammas hojiin guddaan akka hojjatamuu qabutu muldhata. Kanaafuu, Ammas Hawaasni […]
Oduu ammee – Breaking Ethiotelecom, Walqunnamtii Hawaasa biyyattii ukkaamsuuf #Tarkaanfii ciccimaa fudhachuu eegale. Dhaabbatni Ethiotelecom Hawaasni biyyattii keessa jiraatu, Hawaasa Idil-Addunyaatiin walqunnamtii gahaafi Odeeffannoo gahaa akka waliif hin dabarsine, Tarkaanfii akka #SIM_Cufuu, #Qafoo_Cufuu eegaluu oduun qabatamaa Ilmaan Sabboototni Oromoo dhaabbaticha keessa jiran icciitiidhaan nuuf himanii jiru. Dhaabbatichi yeroo ammaa Namoota Bilbila yeroo dheeraa haasa’an, namoota […]
Dhaabbanni Guddichi Addunyaa keenyaa, Dhaabbanni Google yeroo ammaa, addunyaa guutuu keessaa dhaabbilee 200 ol kan qabu, yommuu ta’u, Yuutuubiin dhaabbilee Gurguddoo kanneen keessaa isa tokkoodha.
Dhaabbanni guddaan Addunyaa Google tajaajila ergaa gabaabaa(SMS) mala tooftaa
haaraa gadi lakkisuu akka hedu beeksiseera.
Faayidaa Giddugala-tokkorraa dhaabbilee heddu Tekinoolojiidhaan too’achuu Tokkummaan humna jedhama mitiiree…! Wajjiin hojjachuun humna. Tokkoomuudha, walcimsuudha, wajjiin guddachuudha, yoo kufanis wajjiin kufuudha(wajjiin hojjatanii kufuun hin jiruuyyu), yoo moo’atanis wajjiin moo’atanii milkaayuuf karaa saaqa. Ummanni keenna aadaa wajjiin hojjachuu hin qabu, hunduu karama ofii fiiga, hanguma sana reef waldeeggaruufi waliin hojjachuus akkasumas yaadaan wal-utubuu eegale. kun waan […]
Namootni Cimdaa Haad-Maleessa[WI-FI] fayyadaman hunduu AGGAAMMII Saayibariitiif Saaxilamoodha (ALL Your Wi-Fi Connected Devices Could Be Vulnerable to Cyber Attack) Yeroo ammaa addunyaa irratti Yakki saayibarii hedduu babaldhachaa dhufee jira. Sababa kanaan Ogeeyyiin koompitaraa hedduun isaanii hojii yakka saayibarii kana akka hojii dhaabbatatti irratti bobba’anii argamu, kanaaf Mi’oota fayyadamtoota(Users Devices) sadarkaa adda addaa irra jiru irratti […]