Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa

Oduu Simbirtuu | Dhaabbata Guddicha Idil-Addunyaa Google irratti Adabbiin qarshii doolara Bil.1.7 kaayame.



Oduu Simbirtuu – Dhaabbata Guddicha Idil-Addunyaa Google irratti Adabbiin qarshii doolaraan Bil.1.7 kaahame.

Bit.21/2019 oroict – Dhaabbatni tajaajila barbaacha Interneetaa kennuudhaaan beekkamu Google irratti adabbiin qarshii doolara biyya Ameerikaa Bil 1.7 kaa’amuu ibsameera. Adabbii kana kan dabarse Dhaabbata Gamtaa Awuroophaati.
Gamtichatti, komishiinarri waldorgommii daldalaa Margaafeetaa jedhamu akka ibsanitti Sababni adabbii kanaa Seera-dhabdummaa tajaajila kenniinsa toorarraatiin kan walqabate (Unlawful Online service provisioning) akka tahe himaniiru.

Dhaabbatichi tajaajila kenniinsa barbaacha interneetaa dhaabbilee dorgomtootaatiif kennu seerummaa kan hin qabnee waldorgommii daldaalaa irratti dhiibbaa uumaa jiraachuun himameera.

 

Dhaabbani Google kanumaan walqabatee;
* Bara darbe Qarshii Ameerikaa Doolara Bil. 5 kana adabame yommuu tahu, waggaa lama durammoo daldala toorarraa(Online marketing) dhaan walqabatee adabbii doolara Bil.2.7 adabamuun ni yaadatama.

 

Haala kanaan Gamtichi dhaabbata Google kana yeroo 3ffaaf adabaa jiraachutu himame. Adabbiin doolara Bil. 1.7 kunis galii gurgurtaa dhaabbatichi bara darbe galfate irraa harka 1.29(1.29%) ta’a jedhameera.


Gabaasni kan Rooyitarsi. 

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *