Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa

Ethiotelecom, Walqunnamtii Hawaasa biyyattii ukkaamsuuf #Tarkaanfii ciccimaa fudhachuu eegale.


Oduu ammee – Breaking

Ethiotelecom, Walqunnamtii Hawaasa biyyattii ukkaamsuuf #Tarkaanfii ciccimaa fudhachuu eegale.

Dhaabbatni Ethiotelecom Hawaasni biyyattii keessa jiraatu, Hawaasa Idil-Addunyaatiin walqunnamtii gahaafi Odeeffannoo gahaa akka waliif hin dabarsine, Tarkaanfii akka #SIM_Cufuu, #Qafoo_Cufuu eegaluu oduun qabatamaa Ilmaan Sabboototni Oromoo dhaabbaticha keessa jiran icciitiidhaan nuuf himanii jiru.

Dhaabbatichi yeroo ammaa Namoota Bilbila yeroo dheeraa haasa’an, namoota Viber, Whatsup, IMO, Facebook irratti sagaleedhaan irra deddeebi’anii haasa’an irratti kan xiyyeeffateefi, Lakkoofsi bilbila nama sanaa akka bilbiluu hin dandeenne gochuudhaan dhaamsa qofa akka fudhatu(Fraud), Interneeta akka hin hojjanne qafoo cufuudhaan maamiltoota dhaabbatichaatti xiyyeeffanaan godhamuu himame.

Kun immoo, Walqunnamtii biyya keessaa fi biyya alaa, keessattuu namootni mariidhaafis tahee odeeffannoo qabatamaa waljijjiiruuf sa’aatii dheeraa akka hin fayyadamne ugguuf akka tahe keessa beektonni himanii jiru.

Odeeffannoon kun sirrii tahuu mirkaneeffachuuf OROMO ICTn giddugala Odeeffannoo dhaabbatichaa(994) bilbilaan yoo qorannu, Himatni cufama Bilbilaafi Qafoo kan durii caala akka dabaleefi sababni isaa kan hin beekkamne tahuu mirkanneeffanneerra.
Kun osoo kanaan jiruu, guyyaa kaleessaa fira keenya tokko jalaa bilbilli cufamee deeggarsaaf OROMO ICT qunnamnaan, odeeffannoo dheengadda dhageenne sanas achumaan mirkaneeffachuuf Dhaabbaticha giddugala Tajaajila maamilootaa(Customer Service) deemnee turre, Giddugalicha seenuu akka hin dandeenne nutti himanii, Qarqaarsa dhuunfaa argachuuf immoo giddugala gurgurtaa(Sells shop) isaanii erga seennee booda hoogganaan giddugalicha gurgurtaa SIM Ethiotelecom Odeeffannoo nuti qabnu dhugaa tahuu icciitiidhaan nuuf mirkaneessee lakkoofsicha nujalaa cufameef immoo qaama dhimmi ilaallatu akka nuuf gaafatu nutti hime.

Kanaafuu, Fayyadamtootni dhaabbata Ethiotelecom of-eeggannoo barbaachisaa akka gootan yaadachiifna.

#Kaayyoon_keenya : Hubannoo hawaaasa keenyaa Cimsuudha.

Horaa Bulaa Deebanaa
OROMO ICT Team
E-mail: oromoict@gmail.com
Web: www.oroict.com or www.afaan-oromoo.com

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *