Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa Odeeffannoo Daldalaa Yuutuubii

Itti Fayyadama Yuutuubii fi Mirga Abbummaa Yuutuubii irratti(How, Usage and Copyright on Youtube) – Deebii Gaaffii nama hedduu

Dhaabbilee kanneen keessaa kanneen akka: Yuoutube, Gmail, Google-plus, Adsense, Haaluma kanaan dhaabbileen Obboleeyyan(sister companies) ergamafi kaayyoolee dhaabbataniif mataa mataa isaanii qabu.

Kanumaan walqabatee Gareen Youtube immoo ergama Hojiilee adda addaa addunyaa adda addaa keessatti hojjatamu, bifa Suursagalee(video), Sagaleen(Audio), Suuraaleefi kkf walitti qabuudhaan, Namoota hojiisaanii fidanii dhufan irraa walitti sassaabee, Namoota hojiilee hojjataman hordofuu barbaadaniif haala mijeessuurratti argama.

Haaluma kanaan, yeroo ammaa Jaalalaafi beekkamtii guddaa kan argate Dhaabbanni Yuutuubii kun dhaabbilee dhaabbata isaa(Google) dhaaf galii guddaa argamsiisaa jiruudha. Kanaanis Waggatti Bu’aa Mallaqaa Doolara Ameerikaa Biliyoona Sagal($9billion) argachaa kan jiruudha.

Dhaabbanni Yuutuubii kun, Hojii namootni hojjatanii fidaniidhufan qofa walitti qabuu miti, Ammas dhaabbilee Addunyaa adda addaa irra jiraniif Hojii beeksisaa guddaa hojjachaa kan jiru waan ta’eef, Hojiilee Beeksisaaf dhaabbata garagaraa irraa fuudhu kana immoo hojiilee namootni adda addaa qabatanii isaan biratti walitti qabatani kana irratti bifa Beeksisaatiin(Ads) dhaan gadi lakkisuudhaan, namoota hojii gaarii hojjatanii isaan biratti walitti qabataniif Madda Galii(Source of Income) ta’uudhaan ilma namaa addunyaa adda addaa keessa jiru, Miliyoonota hedduuf Galii xiqqaa irraa hanga gurguddaa mana biliyoonatti kafalaa kan jiruufi dhaabbilee Addunyaa hojii uumuudhaan namoota heddu sooraa jiran keessaa adda durummaarratti argama.

Haalli Galii argachuu kun yeroo ammaa namoota heddu biratti barataaa waan dhufeef, beekaatis ta’ee osoo hin beekin namni hedduu hojii namni biraa itti dadhabee, baasii guddaa itti baasee hojjatee fide, Yuutuubii irra ol-kaayate, Hayyama Abbaa itti dadhabee hojjatee osoo hin argatin, gadi buusuudhaan akkuma jirutti ykn immoo iddoo gaarii ta’e ykn namni heddu ilaaluu danda’a jedhanii yaadan irraa kutuudhaan, oldeebisanii Maqaa dhuunfaa ofiitiin ykn dhaabbata dhuunfaasaaniitiin ykn Maqaa dhoksaa isaaniitiin Yuutuubii irratti yeroo fe’an argina.

Haalli akkasii sun immoo dhaabbata Google(Youtube) irratti seeraan kan nama dhoorkameedha. kunis Mirga Abbummaa Cabsuu(Copyright strike) jedhama. Kana jechuun yoo namni tokko Qabiyyee(hojii ykn video ykn ibsa barreeffamaan jiru ykn qabiyyee Suuraa ykn Qabiyyee Suur-sagalee keessan keessaa murame) namni biraa hayyama abbaa qabiyyichaatiin alatti deebisee Youtube irratti fe’e ykn olkaayedha. Abbaan Qabiyyichaa yeroo fedhetti ykn argetti dhaabbatichatti ergee Qabeenyakoo hayyama malee fayyadamaa jiru jedhee iyyachuu danda’a. Kana jechuun Unkaan dhaabbatichi iyyata kanaaf qopheesse waan jiruuf, unkaa kana guutuudhaan itti erguudha.

Unkichi hidhaa(link) asii gadii kana irraa ilaaluu dandeessu.
https://www.youtube.com/copyright_complaint_form

Haaluma kanaan, akka seera dhaabbata Youtube kanatti, Qabiyyeen iyyatni irratti dhiyaate, Ogeeyyii dhaabbatichaa(Yuutuubii)tiin erga mirkanaayee booda, qabiyyichi Kuustuu dhaabbatichaa(youtube server) irraa akka badu godhamuudhaan, Eenyummeessaa(account) qabiyyee sana olkaaye immoo Uggurri seera cabsuu(copyright strike) irra kaayama. Kana qofaan osoo hin taane, Qabiyyee Lakkoofsi addaa(Content ID protected) isaa eeggame yoo Yuutuubii irratti yeroo feenus suursagaleen(video) nuti olkeenye baduu mala.
Hub: Lakkoofsi addaa(content ID) kun Dhaabbata Suursagalee sana Oomishen kan kennamuudha(fkn: Music companies, TV shows, video games…)

Haaluma kanaan uggurri Seera abbummaa cabsuu kun, yeroodhaaf akka Akeekkachiisatti kennama. Ta’us galii keenya Yuutuubiin nuuf kafalu irratti dhiibbaa qaba. Fkn Yoo tamsaasa kallattii irratti mirga abbummaa cabsuun himatamne, guyyaa 90f tamsaasa kallattii akka hin fayyadamane ugguramna.

Haaluma walfakkaatuun, yeroo 3 Mirga abbummaa cabsuun yoo himatamne:

  • Eenyummeessan Yuutuubii keenya guutumatti ni cufama(Youtube account termination).
  • Suursagaleen nuti eenyummeessaa keenyaan olkeenne hunduu ni bada(all videos in your account wil be removed)
  • Maqaa sanaan Dhaabbaticharraa Eenyummeessaa haaraa banachuun hin dandeessan(You won’t be able to create new channels).

Walumaagalatti: Namootni hedduun hojii namni tokko itti dadhabee, itti rakkatee, irratti beelawee, akkasumas baasii guddaa itti baasee hojjatee ummataaf dhiyeesse, manuma isaanii taa’anii, waa’een dadhabbiifi baasii nama hojjatee sun osoo isaan hin yaachisin, fedhan guutumatti gadi-buusuudhaa oldeebisanii maqaa ofiitiitiin olkaayachuu, yoo xiqqaate abbaa hojiitiif kabajallee osoo hin laatin fayyadamaa turan, ammas itti fufee jira. Haalli kun namoota hojiilee gaggaarii hojjatee dhiyeessaa tureef osoo irraa hin fayyadamin namootni muraasni icciitii kana beekan dubbicha icciitessanii osoo abbaan itti dadhabe hin argatin ofii ittiin sooromanii jiru, ammas sooromaa jiru, kunimmoo Hamilee namoota Hojii ciccimaa hojjatanii cabsuu bira darbee hanga of-jibbanii, jireenya dhuunfaallee jibbanii, Hojii-Ogummaasaanii Jaalalaafi Kabajaan hojjachaa turanis jibbanii hojiin ala ta’an muraasaa miti.

Kanaafuu, Namootni gocha akkasii irratti bobbaatanii jirtan, akka gocha kana irraa of-qusattan, yoo of-too’achuullee dadhabdan, Dursa Abbaa irraa hayyama gaafattanii ykn Abbaadhaaf kafaltii muraasallee kafaltanii hojii nama sanaa Fayyadamuudhaan namoota hojii hojjatus humnas cimsitanii hamileefis akka taataniif asumaan maqaa OROMO ICT dhaan kabajaan isin gaafanna. Garuu kana hin gootan ta’ee Hojii Ogeeyyii-saamuu(hayyama malee video fi hojii nama tokkoo fayyadamtu) taanaan, Gareen OROMO ICT Ogeeyyii hedduu keessattuu (Artistoota Oromoo, fi hayyoota Oromoo akkasumas Itoopiyaa) hedduuf tajaajila gorsaa kennaa waan jirruuf gara tarkaanfii walirratti fudhachuu akka seennu asumaan kabajaa wajjiin eeruu feena.

 


Kaayyoon keenya: Hubannoo Hawaasaa Cimsuudha!

HORAA BULAA DEEBANAA…✍👈
👥: oroict.com TEAM!💤
E-mail: oromoict@gmail.com
Web: www.oroict.com and www.afaan-oromoo.com


Author

abdiisaa

Comments (2)

  1. Amayu Rabira
    April 29, 2018

    Jabaadhaa! hojii boonsaa dalagaa jirtu.
    Qabsoon:
    Qubee generetion
    Qeerroo operation…
    kallatti maraan itti fufa!!

  2. Getinet Benti
    May 13, 2018

    Hubee bareeda nuuf kenna jirtu Galatooma jabaadha!!!

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *