Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa

#Interneeta Baasii Salphaadhaan yeroo dheeraaf fayyadamaa.


Yeroo amma Dhaabbanni Ethiotelecom Gatii Tajaajila Bilbila sagaleefi Internaataallee hidhisuu isaa hedduun keenya gammachuu olaanaan simannee jirra. Haatahuu malee jijjiiramni taasifame kan sadarkaa Biyyoota biraatiin ykn sadarkaa Idil-Addunyaatti gahaa dhaa? Hawaasa keenya jireenya gad-aanaa jiraatu kanaan walmadaalaa jennee yoo ilaalle, Ammas tasuma hin madaaluudha deebiin, ammas hojiin guddaan akka hojjatamuu qabutu muldhata. 

Kanaafuu, Ammas Hawaasni keenya akka baasii hin taaneef hin saaxilamne bilbilas tahee Koompitara irratti yeroo tajaajila Interneetaa fayyadamu, ofeeggannoo barbaachisu taasisuu qaba.

 Kanaafuu mallaqa keessan #qusachuuf barreeffama kana hordofaa…

Asiin dura #maxxansakoo Haala #qusannoo mallaqaa yeroo #Interneeta fayyadamtan maxxanse(#BackGroundRestrict) irratti hedduun keessan fayyadamoo ta’uu keessan keessaan naa ibsaa turtan. Akkasuma warri hanga ammaa isiniif #milkaayuu didee mallaqni hedduu daqiiqaa fi secondii muraasa keessatti isin irraa akka #ciramaa jiru nan beeka.

Kanumaaf har’a #Mala biraa kan ijoolleen keenya Mallaqa #salphaadhaan yeroo dheeraaf akka fayyadaman isaan qarqaaru isiniif qabadhee dhufeera.

Innis:
#fayyadama(application) fayyadamuuf nu barbaachisuun ala kanneen biroo akka hin hojjanne #OfirraaDhaabuu.

Fkn: yeroo ammaa #Facebook applicationa namni hunduu #odeeffannoo waytaawaa haala keessa jirruu kanaan wal qabate argachuuf ni barbaada. Kana irraa kan hafe #fayyadama(applications) hin barbaadne kanneen akka:

  • WhatsUp
  • Viber
  • Imo
  • Twitter
  • Youtube(video streaming)–consume high bandwidths.
  • GPS(location tracker)
  • etc…. #iyyaafataa(browser) hin barbaachifne biroo.

Akkasumas #MobileApplicationni biroo kanumti tolaangadbuufanne(free downloaded) iyyuu hanga xiqqoo #interneeta ni fayyadama.

Kanaafuu isaan #Internaata Keenya akka nu jalaa hin fayyadamne gochuu qabna.

Kana gochuuf:
1. Fayyadama(Apps) hin barbaadne ofirraa dhaabuu:
 setting–>Manage Apps(Application Manager)–>#running–>Apps isin hin barbaachifne cuqaasaa(click)–>stop–>OK.

2. #Apps dugda duubatti ofiin socho’an(consuming bandwidth), yoo ofii keenyaa barbaadne malee akka hin #sochoone/hojjanne gochuu qabna:
Setting–>networked Apps–>tick(√)restrict background download (at top right corner)–>OK.

Yoo haala kanaan fayyadama(Apps) isin hin barbaachisne ofirraa dhaabdan, #Bandwiths applicationni ofumaan socho’an(background running Apps) sun itti fayyadaman kafaltii dabalataaf waan nu saaxiluuf #Baasii hin barbaachifne baafna jechuudha.


HORAA BULAA DEEBANAA
OROMO ICT

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *