Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa Qafoo Moobayilaa

Dhaabbanni Google tajaajila Ergaa gabaabaa(SMS) bilbila Android geeddaruu heda.


Dhaabbatichi tajaajila ergaa gabaabaa bifa haraan dhiyeessuuf jedhu kana Maqaa
‘Chaati’ jedhuun yoo ta’u, Fayyadamaan(Apps) haaraan kun Bilbiloota Ammayyawaa
Android addunyaa guutuurra jiraniif gadi lakkifamuuf akka jedhu himameera.
Haala kanaan dhaabbatichi Tajaajila Ergaa gabaabaa(SMS) guutumatti bifa
‘Chat’ dhaan bakka buusuuf jedha jedhameera.

tajaajilli ‘CHAT‘ haaraan kunis tajaajila asiin dura bilbiloota ammayyaawoo
Android irra kan hin jirreefi tajaajiloota dabalataa heddu qabatee akka
dhufaa jiru beekameera. Tajaajiloota haaraa dabalama keessaa:
~ Gareedhaan Ergaa walitti erguu
~ Suur-sagaleefi Sagaleedhaan ergaa walitti erguu fi kkf ergaalee gaggabaaboo
walittiwalitti erguuf dhimma itti bahuu dandeenyu haaraa dabalamanii jiru.

Haata’uu malee tajaajila haaraa bifa tajaajila adda addaa ofkeessatti hammatee
dhufe kana tajaajilamuu kan dandeenyu, Seera dhaabbanni dhiyeessii Cimdaa biyyattii
(Network service provider of the country) irratti kan hundaayu ta’uun beekameera.

Tajaajila haaraa ‘Fayyadamaa Haasaa Google(Google Chat Application) kan jedhamu kana hojiirra oolchuuf Dhiyeessaa mi’oota tajaajilaa(Devices providers) 50 ol wajjiin hojjatamaa akka ture eeruudhaan, Isaan keessaa:
~ Vodaphon
~ Samsung
~ LG
~ T-Mobile
~ Veraizen fi Huwaei fa’a dabalata.

Maddi: news.et

Author

abdiisaa

Comment (1)

  1. Ahmedmohamed
    April 29, 2018

    galatooma ulfaadha

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *