Barnoota Moobaayilaa Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa

Dhaabbanni Itiyoo-Teelekoom tajaajilawwan kennuu garaa garaa irratti gatii hir’isuu beeksise.


Dhaabbatichi ibsa miidiyaalee biyya keessaaf kenneen, tajaajila intarneetii daataa moobaayilii irratti hir’isa gatii dhibbeentaa 43, kan intarneetii biroodbaandii irratti ammoo dhiibbantaa 54 taasiseera jedhe.

Akkasumas tajaajila bilbila sagalee irratti hir’isa gatii dhibbeentaa 40 fi ergaa barreeffamaa gabaabaa irratti ammoo dhibbeentaa 43 taasisuu himeera. barameera.

Haaluma kanaan tajaajilli bilbila sagalee duraan daqiiqaatti saantima 83 ture gara saantima 50tti hir’atee jira.

Haaluma Kanaan:
1) Bilbila Sagalee asiin dura daqiiqatti santima 83 ture gara santima 50tti gadi buuseera.
2) Tajaajila Interneetaa kan asiin dura 1MB Saantima 35 ture amma gara Santima 23tti gadi buuseera.

Dabalataanis
• Tajaajila ergaa gabaabaa 43% hirdhiseera.
• Interneeta Paakejii immoo 33%-44% hidhiseera
• Intrneeta HaadaafiHaadmaleessa irratti immoo hanga 54% gadibuuseera.

 

 


HORAA BULAA DEEBANAA
OROMO ICT

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *