Hogganaan Imaammata Nageenyaa Feesbuukii Naatinaa’el Gileecher ibsa miidiyaaleef kenneen, fuulawwanfi, Eenyummeessaawwan sobaa 176 Itoophiyaa irratti xiyyeeffachuun odeeffannoo maxxansan ugguramuu hime. Dhaabbatichi kan kana beeksise Gabaasa Amaloota Qindaa’aa waan jedhan hin fakkaanne [Coordinated Inauthentic Behavior] jechuun guyyaa Roobii baaseen. Qorannoo gaggeeffameen Eenyummeessaalee Feesbuukii 65, fuulota Feesbuukii 52 fi Gareewwan 27 fi Eenyummeessaa Inistaagiraamii 32 haqamaniiru. Fuulawwan, Eenyummeessaalee fi gareen […]
Dhaabbati Facebook fuulawwan Masrii taa’anii Itoophiyaa irratti xiyyeeffatan haquu isaa beeksise. Sababa fuulawwan kunneen haqaman yoo ibsuus imaammata dhaabbatichaa dhimma biyya alaa keessa seenuu dhabuu cabsuun akkasumas duula qindaa’aa dhugaa hin taane keessa qooda fudhachuun akka ta’e ibse. ”Eenyummeessaalee Fesbuukii 17, fuula 6 akkasumas Eenyummeessaalee Inistaagiraamii sadii Masriirraa Itoophiyaa, Sudaaniifi Turkii irratti xiyyeeffatan haqneerra” jedhe […]
Kubbaaniyaalee fi Dhaabileen Mootummaa guyyuu hanna toora-interneetaatiif hatamaa jiru, odeeffannoon namoota dhuunfaas saaxilamaa jira – Hattootni interneetaa deetaawwan hataman bituu fi gurguruu hojii taasifataniiru. Waggoota kudhan darbanitti, Hanni toora-interneetaan gaggeeffame galmeewwan Bil.4 ol tahanitti tilmaamau hatamuu ykn itti-yaadamee milikfamuu, qaama biraatiif dabarfamuu dhaabbatni “Privacy Rights Clearinghouse ” daataa funaane wabeeffatee gabaaseera. Akka gabaasa kanaatti, Hanni […]
Gorsa Ogummaa: Rogeeyyii/Hayyootaa fi Miidiyaalee Oromoo keessattuu kanneen Qabsoo Oromoo keessatti qooda olaanaa gumaachuuf onnachaa jirtaniif: – Abdiisaa Bancaa Jaarraatiin —– Rakkoo waloo akka sabaatti Ummata Oromoo yeroo ammaa mudate kanaan walqabsiisee akkuma kanaan dura ogummaa kiyyaan wan danda’u deeggarsa gochaa ture ammas hanqinnoota argu ilaalaa caljechuu waan hin dandeenyeef gorsa Ogummaa muraasa qaama ilaallatu […]
Marsaalee Hawaasaa add addaa yeroo amma hedduun keenya fayyadamnu maxxansaalee adda addaa guyyatti itti-maxxansinu ykn barreessinuuf mataa mataattii daangeffama seerawaa(Upper limits of contents sharing) kan qaban yoo tahu, daangeffama kanaa ol maxxansinee yoo argamne, qabiyyee keenya dhoksuu irraa qabee hanga Eenyummeessaan(Account) keenya yeroo akka hojii-dhaabu(Temporary restriction), akkasumas adabbii sanaan hin dhaabbannu yoo tahe hanga guutumatti […]
Feesbuukiin qabiyyeewwan oduu sobaa fi jibbiinsaa akka to’atuuf dhiibbaan irratti godhamaa jira. Biyyoonni seera ittiin qabiyyee miidiyaa hawaasummaa to’atan hin baafatan taanaan, nuti waan nurraa eegamu ni hojjenna. Feesbuukiin qabiyyee to’achuurratti harkifataadha jedhama.
Labsiin haasaa Jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa ittisuu fi too’achuuf bahe falmii dheeraan booda sagalee caalmaan ragga’e.
Uggura Marsaalee Hawaasaa Irra aanuudhaaf Tooftaalee Barbaachisoo ta’an Furmaata 1 hanga 3 tarreeffamanii jiran duuka bu’aatii hordofaa. waliif dabarsaa
Maqaan Fuula-Feesbuukii(Page) keessan #Jecha 2 irraa moggaaftanii jirtu yoo ta’e, Hordoftoota 1500 ol yoo qabaate, Hordoftoota keessanitti bitaacha’a(confuse) godha jedhamee waan yaadamuuf, #Yeroo 1tti lamaan isaa akka jijjiirtan isiniif hin hayyamu
Icciitenya(security) Eenyummaa Facebook keessanii eeggachuuf tartiiba kanaa gadii hordofaa: 1.Ergaan na beeksisii akka isiniif kennamu godhaa(enable login notification)… Kunimmoo yeroo eenyummeessaan keessan iddoo(locatio), Koomputara/Mobile Haaraa irraa banamu akka bifa ergaa gabaabaatiin Bilbila ykn email keessan irratti isin beeksisuuf kan oolu yommuu ta’u Namni Eenyummeessaa keessan hatuuf deemus yoo jiraate lakkoofsa icciitii isiniif ergame sana malee […]