Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Namni Cimdaa(network) tokko wajjiin qooddachaa jirru deetaa koompitara keenya irraa osoo nuti hin beekin akka hate beekuuf

Namni Cimdaa(network) tokko wajjiin qooddachaa jirru deetaa koompitara keenya irraa osoo nuti hin beekin akka hate beekuuf tartiiba asiin gadii hordofaa… Cimdaa(network) nuti itti fayyadamaa jirru irra Namni meeqa akka fayyadamaa jiruufi. Cimdaan koompitaraa Deetaa koompitaraas ni jedhama. Cimdaan koompitaraa qindoomina Garee sirna koompitaraa(computer system)fi tuqargii(hardware) yoo tahu, kanneen bifa barbaachisuun walqunnamtii qabuudha. Kunis Walqunnamtii […]

Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee

Eenyummeessaan Feesbuukii keessan yoo hatame ykn Jecha darbii Irraanfanne, Maal gochuu akka qabdan beektuu? Maxxansa OROMO ICT kana faana bu’aa…

Akkuma baratameefi beekkamu Eenyummeessan Marsaalee hawaasaa kenya tajaajila adda addaatiif yeroo ammaa hawaasni keenya hedduu dhimma itti bahaa jirra, deetaa irratti kuufachuu, icciitii ittiin waljijjiiruu, keessattuu Walqunnamtiif firootaafi hiriyyoota iyyoota garagaatiif haala mijataa kan uume tahus, Eenyummeessaan Marsaalee kanneenii keenya tokko hatamuu ni danda’a. Yoo nujalaa hatame, Tarkaanfiin keenya itti aanu maal tahuu qaba?   […]

Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Odeeffannoo Daldalaa

Feesbuukii Fayyadamuudhaan Qabxiilee ijoo Daldala keessan milkeessuuf Oolan.

Yeroo ammaa Feesbuukiin dhaabbata guddaa Sadarkaa Idil-Addunyaatti dursaa jiru yommuu tahu hojiilee keenya guyyaa guyyaa keessatti gahee olaanaa taphachaa jira. Kana jechuun Tekinoolojiin Feesbuukii daldala ammayyaatiif bu’aalee addaa heddu qabatee dhufeera. Hojii keenya(Daldala) keenya keessatti galii keenya guddisuufi fayyadamaa tahuuf carraalee tekinoolojiin Feesbuukii nuuf fidee dhufe beekuun dirqama taha. Carraaleen kun maalfa’a? akkamittimmoo itti fayyadamuu […]

Marsaalee Ammee Qafoo Moobayilaa

Dhaabbanni ITIYOO-TELEKOOM Maqaa #FRAUD(Gocha Seeraan alaa) jedhuun #SIM fi #QAFOO maamiltoota heddu irraa cufaa jira

Rakkoon kun, bifa adda taheen isaan mudachaa jiraachuu fayyadamtootni bilbila harkaa kan duraa caalaa, komiin hedduu biyyattii kutaa garagaraa irraa dhagahamaa kan jiru yoo tahu, Sababbiin rakkoon kun taheef maal akka tahe OROMO ICTn qorateera. Dhaabbanni tokkichi biyya Itoopiyaa, tajaajila Telekoomii kophatti too’achuudhaan beekkamuufi Baha Afrikaa bira darbee hanga sadarkaa Idil-addunyaatti, Dhaabbolii Telekoomii maamiltoota heddu […]

Marsaalee Ammee Marsaalee Hawaasaa

Ethiotelecom, Walqunnamtii Hawaasa biyyattii ukkaamsuuf #Tarkaanfii ciccimaa fudhachuu eegale.

Oduu ammee – Breaking Ethiotelecom, Walqunnamtii Hawaasa biyyattii ukkaamsuuf #Tarkaanfii ciccimaa fudhachuu eegale. Dhaabbatni Ethiotelecom Hawaasni biyyattii keessa jiraatu, Hawaasa Idil-Addunyaatiin walqunnamtii gahaafi Odeeffannoo gahaa akka waliif hin dabarsine, Tarkaanfii akka #SIM_Cufuu, #Qafoo_Cufuu eegaluu oduun qabatamaa Ilmaan Sabboototni Oromoo dhaabbaticha keessa jiran icciitiidhaan nuuf himanii jiru. Dhaabbatichi yeroo ammaa Namoota Bilbila yeroo dheeraa haasa’an, namoota […]

Marsaalee Ammee

Dhaabbanni Itiyootelekoom Maamiltoota Mil. 66.2 horateera

Maamiltootni Ethiotelecom yeroo amma: ~ Mil.66.2 Maamiltoota waliigala Dhaabbatichaa yoo ta’an ~ Mil.64.4 Maamiltoota bilbila Harkaa ~ Mil. 1.2 Maamiltoota bilbila Manaa ~ Maamiltootni Tajaajila Interneetaa Mil.16 ta’uu dhaabbatichi ibseera Akka karoora dhaabbatichaatti, dhuma waggaa bara kanaatti Dhaabbatichi Qarshii Bil. 29 walitti qabuuf kan karoorfatee ture yommuu tahu ji’oota saglan darbanitti Qarshii Bil.27.7 kan walitti […]

Barnoota Moobaayilaa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Qafoo Moobayilaa

Dhaabbanni Gogilii Sirna-Hojmaataa Haaraa Andirooyidii P jedhamu Beeksise – Google Announced Android P Operating System)

Dhaabbanni Google Sirna Hojmaata Haaraa Andirooyidii P jedhamu Maamiltootaaf ifa godheera. Sirni Hojmaata haaraa kun, tajaajiloota asiin dura jiru baay’inaan kan ofkeessatti hammateefi jijjiiramni hedduu kan irratti godhame tahuu ibsameera. Haata’uu malee, Sirna Hojmaata haaraa kana kan adda isa godhu, tajaajila Waa’ee Fayyaa keenyaa guutumatti too’achuuf nugargaaru of keessatti hammatee jiraachuusaati. Dabalataanis; Sirna Hojmaata haaraa […]

Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Qafoo Moobayilaa

Kaartaa Google irraa Maqaa Sirreessuuf ykn Guutumatti haksiisuuf (Suggest edits to a place or flag it for removal)

Dhaabbanni guddaan addunyaa keenyaa dhaabbilee garagaraa 200 ol qaba. Isaan keessaa Google Map isa tokkoodha. Dhaabbanni Google Map kun Kaartaa addunyaa adda addaa kanneen akka Kaartaa Biyyootaa, Magaalotaa, iddoowwan bebeekkamoo, iddoowwan seena-qabeeyyii, biyyoota guddatan keessatti immoo hanga mana dhuunfaa hunda Sirna(System) isaanii irratti walitti qabuun, namni ykn gareen namootaa ykn Dhaabbattni tokko maqaa sanaan yoo […]

Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Qafoo Moobayilaa

#Ethiotelecom Saamicha bilbilaatiin Hattootaafi Saamtota biyya keessa jiraniifis Karaa bane – ኢትዬ-ቴሌኮም ህጋዊ ማጅራት መቺ

Biyya #Xoobiyaa tana keessatti hawaasa fayyadamtoota bilbilaa(maamiltoota Itiyootelekoom) ta’an irratti saamichi-diinagdee daangaa hin qabne raawwatamaa ture, ammas raawwatamaa jira. Saamichi kunis karaa lamaan adeemsifamaa ture. 1ffaa) Dhaabbatichuma mataasaatiin – kun Dhaabbatichi yeroo garagaraatti sababa garagaraa himachaa Maamiltoota isaa(Fayyadamtoota bilbilaa) saamichaaf kan saaxileedha. Isaan keessaa: ~ Tajaajila interneetaatiin walqabatee – kenniinsi tajaajila Interneetaa saffisa baayyee gadi […]