Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Qafoo Moobayilaa

Kaartaa Google irraa Maqaa Sirreessuuf ykn Guutumatti haksiisuuf (Suggest edits to a place or flag it for removal)


Dhaabbanni guddaan addunyaa keenyaa dhaabbilee garagaraa 200 ol qaba. Isaan keessaa Google Map isa tokkoodha. Dhaabbanni Google Map kun Kaartaa addunyaa adda addaa kanneen akka Kaartaa Biyyootaa, Magaalotaa, iddoowwan bebeekkamoo, iddoowwan seena-qabeeyyii, biyyoota guddatan keessatti immoo hanga mana dhuunfaa hunda Sirna(System) isaanii irratti walitti qabuun, namni ykn gareen namootaa ykn Dhaabbattni tokko maqaa sanaan yoo Sirna(System) kaartaa Google kana irra barbaade iddoo qabatamaa ykn argama sana agarsiisuu bira darbee daandii iddoo sanatti nu geessullee kan agarsiisuudha. Haala kanaan,  tajaajila adda addaatiif ummanni addunyaa guutuu irra jiran akka dhimma itti bahaniif tajaajila kennaa jira.

Kana malees, Tajaajiloota argama adda addaa kanneen dhaabbilee birootiif dhiyeessuun argama waan tokkoo akka argannuuf tajaajila nuuf kennaa jira. Fakkeenya kanneen keessaa Dhaabbilee Oomisha Bilbilaa(Qafoo) dhiyeessaniif tajaajilicha bifa Fayyadamaa(App – Google Map) jedhuun kennuudhaan, fayyadamtootni bilbilaa iddoo barbaadan Fayyadamaa kanarraa argachuufi akka itti dhimma bahan, akkasumas Qafichi yoo jalaa bade, Fayyadamaan qafoo sanaa eessa akka jiru namni biraa yoo fedhe ilaaluu akka danda’uuf kkf fa’a.  maal kana qofaree; Yeroo Feesbuukii fayyadamnu, Yoo Fayyadamaa(App) sana bilbila keenya irraa bannee jiraanne, yeroo waa maxxansinu Iddoo argama keenyaa(Magaalaa ykn iddoo beekkamaa naannoo nuti jirruu) akka agarsiisuuf dhimma itti bahamaa jira.  Kana malees tajaajiloota biraa hedduuf oola.

Walumaagalatti; Iddoon tokko ykn Maqaan naannoo tokkoo dogoggoraan Sirna Kaartaa Google(Google Map System) irra olkaayamuu danda’a. Kun akka mudachuu danda’u Dhaabbanni Google tillee sirritti amana. Kanaafuu, Dhaabbatichi yeroo kamittuu komii gama kanaan ka’u ni simata, ni sirreessa, akkasumas nutis dhuunfaan, gareen ykn dhaabbanni tokkos akka sirreessu ykn haaraa duraan hin jirres dabaluu akka danda’u ykn kan dogoggoraan jiru sirreessisuu(Modify) goosisuun ni danda’ama.

Haala kanaan; Magaalota Oromiyaa keessa jiran kanneen sirna gabroomfataa asiin dura turaniin fedhii ummataa malee jijjiiranii, Maquma dogoggoraa kanaan Sirna kaartaa Google irra olkaayan sana sirreessisuu ykn guutumatti akka balleeffamu ykn haaraa hin jirre itti dabaluun kan danda’u waan ta’eef;

Ammaaf Maqaa magaalota dogoggoraan Sirnicha(System) irra jiranii sirreessisuuf ykn Haqsiisuuf tooftaa lama fayyadamuu dandeenya. Isaanis:

1ffaa) – Akka sirreeffamu ykn haqamu yaada keenna dhaabbatichaaf erguu(Suggest for edits or removal)

2ffaa) – Unkaa seera-qabeessa haqsiisuu ykn sirreessisuu dhaabbanni qopheesse guutanii erguudha.

Guutummaa tartiiba tooftaalee lamaan kanneenii asii gaditti hordofaa

Maqaa iddoo ykn Naannoo ykn Magaalaa akka sirreessan yaada kennuu(Suggest To Edits/modify or removal)

  • Koompitara keessan irraa Kaartaa Google(Google map) banaa ykn hidhaa( open Google Maps) kana banaa. Yoo Mobile Fayyadamaa jiraattan immoo Mobile keessan irraa ‘Google Map App’ jedhu banaa.
  • Gara harka bitaa keenya irratti iddoo barbaachaatti(Search) keessaatti Maqaa jijjiirsisuuf ykn haqsiisuuf barbaaddu sana galchuudhaan barbaadi(Search) godhi. Sana booda fuuldura keenyatti kaartaan nuti barbaadne nuuf dhufa akka suuraa asii gadii irraa muldhatu kanatti.

  • Ammas Deebinee harkuma bitaa irraa Baafata(menu) sarara sadi qabu cuqaafna. Filannoowwan hedduutu cinema harka bitaatti nuuf tarreeffama.
  • Tarreewwan harka bitaa irratti nuuf dhufan sana keessaa gara gadii buunee, ‘Gulaalliif yaada kenni (Suggest for Edits) isa jedhu, yoo filannoo kana dhabne immoo ‘Duubdeebii Ergi(Send Feedback) isa jedhu filanna.

  • Sana booda iddoo duwwaa nuuf dhufutti Yaada barbaadne Afaan English fayyadamnee barreessina. Fkn OROMO ICTn maqaa ‘Nazret’ jedhu kana akka haqamu bifa kanaan gafate. “Dear Google-Map Team;

 

Nazret was the old name and now it’s completely changed to Adama City by Oromia State government and this name is amended legally, Now Using this name is not appropriate and not allowed. So, I want to suggest you to remove this name(Nazret) from your system as soon as possible, and replace it(Nazret) name by Adama.

Kind Regards

Google Map User”

Hub: maqaa Magaalota barbaadnee haala kanaan sirreessisuun ykn balleessuun ni danda’ama.

Akkasumas Maqaan dogoggora yoo ta’ee akka sirreeffamu barbaade immoo, akka sirreessan barreessinaaf.

 

  • Dhumarratti Mallattoo > fakkaatu(Suuraa irratti tartiiba 8ffaa – Ergi(Send) jedhu sana cuqaasuudhaan, hanga Yaadachiisa ‘Ergameera’ jedhu nutty muldhatuuf eegna.

 

Tooftaan lammaffaa, Unkaa Seera-qabeessa dhaabbatichi qopheesse guutuudha. Kunis tartiiba kanaa gadiitiin ta’a:

  • Hidhaa kana banaa (Open link submit a legal request)
  • Dabala ilaali(See more product) isa jedhu filadhaa
  • Kaartaa(Maps) isa jedhu cuqaasaa
  • Filannoo jalqabarra jiru(Odeeffannoo dogoggoraa gabaasuu barbaada) isa jedhu cuqaasaa
  • Gadi siqxanii waan dogoggora qabu nuuf erguuf fuula kana(this page.) isa jedhu bantanii tartiiba tooftaa 1ffaa jalatti hordofne guunnee ergina.

 

 

 


#Kaayyoon_keenya : Hubannoo hawaaasa keenyaa Cimsuudha.

Horaa Bulaa Deebanaa
OROMO ICT Team
E-mail: contact@oroict.com
oromoict@gmail.com
Web: www.oroict.com or www.afaan-oromoo.com

Author

abdiisaa

Comment (1)

  1. Jamaal mahaammad
    June 9, 2018

    Galataa giddaa oromootaa biraa qabda
    jabadhu.

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *