Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Qafoo Moobayilaa

#Ethiotelecom Saamicha bilbilaatiin Hattootaafi Saamtota biyya keessa jiraniifis Karaa bane – ኢትዬ-ቴሌኮም ህጋዊ ማጅራት መቺ


Biyya #Xoobiyaa tana keessatti hawaasa fayyadamtoota bilbilaa(maamiltoota Itiyootelekoom)
ta’an irratti saamichi-diinagdee daangaa hin qabne raawwatamaa ture, ammas raawwatamaa jira. Saamichi kunis karaa lamaan adeemsifamaa ture.

1ffaa) Dhaabbatichuma mataasaatiin – kun Dhaabbatichi yeroo garagaraatti sababa garagaraa himachaa Maamiltoota isaa(Fayyadamtoota bilbilaa) saamichaaf kan saaxileedha. Isaan keessaa:
~ Tajaajila interneetaatiin walqabatee – kenniinsi tajaajila Interneetaa saffisa baayyee gadi aanaa
dhaan kan kennamuufi gatiin(tariff) ittiin fayyadamaadhaaf dhiyaatu #saamicha ummataatiif haalduree
mijeessee kan dhiyeesse ture. Sirni(system) isaan kenniinsa tajaajila interneetaatiif itti dhimma bahaa turan sababa bulchiinsa #laamshayaa(dandeettiin osoo hin taane sabummaa gurmaayeen) dhaabbaticha keessatti dirriiree waan jiruuf too’achuu waan hin danda’aniif humnasaaniitii ol ta’ee
Dhaabbilee Chaayinaa(ZTE, Huwaei…) irraa deeggarsi akka godhamuuf gaafachaa kan hojjachaa turan
waan tureef, Hojjattootni Dhaabbilee Chaayinaa keessa turan akka fedhii isaanitti haala mijeeffatanii yeroo barbaadetti Sirnichi(system) akka mallaqa hanga barbaade kutu, yeroo fedhanitti
mallaqa-hanga barbaadani yeroo tokkoon Ummata irraa kutanii – Qaamni itti gaafatamummaa fudhatu kan hin jirre saamichaaf haalduree miijeeffatanii ummanni saamamaa ture.
Mee fkn: Waggaa tokko dura, waggaa lama hardhaa Kaardiin abbaa 15, 25, 50… yeroma itti guunne keessaa dhabamaa hin turree? Nama meeqatu akka guyyaa guyyaan kaardii guuttatuun keessaa jalaa fudhatamaa waan tureef; SIM fi Qafoo isaanii mana Fincaanii buuse, qabatama wajjiin yoo haasofne…
Dhugaa jirtu yoo dubbanne; Guyyatti yoo xiqqaate Maamiltoota miliyoona1, 2… fi kanaa oli irraa ciramaa ture. Komii hawaasni dhiyeessuuf dhaabbatichi deebii gahaa hin laatu ture. Filannoo biraa waan hin qabneef #Saamamaatuma fayyadamaa turre.

Komiin daangaa darbuun Mormii guutuu biyyattiitti ka’e keessatti #Dhaabbatichi Hawaasa irraa madda komii ta’aa dhufnaan, icciitiin koo akka alatti hin baane waan jedhe fakkaata, Sirnicha(system) ummata saamuuf fayyadamaa turan sana jijjiiran. Maallaqni ykn kaardiin akka itti guunneen dhabama ta’aa ture sun, hafus Dhaabbatichi Saamicha ittuma fufe – Kanaanis Maqaa ummanni biyyattii irra caalaan ittiin waamu beekkamaa tokko argate. innis – ‘IGGAAWII MAAJIRAATMACHII – Hattuu Qucee dhooftee saamtu tan seera qabeessa taate akka jechuuti’jedhamuun maqaan baheef.
Sanaafis dhaabbatichi hin qaanfanne, saamichi itti fufe; Tajaajila Interneetaa kan dhaabbanni Addunyaa ‘lammiileen biyya tokko tajaajila Interneetaatiif galii isaanii ji’aarraa dhibbeentaa lamaa olbaasuu hin qaban’ jedhu cabsuudhaan ummata irraa galii ji’aa isaaniirraa dhibbeentaa 20 saamuudhaan Addunyaa irraa dhaabbata ummata saamu – 3ffaa ta’e qorannoon addeesse, BBC gabaase, gabaasa BBC – OBN Afaan Oromoo dabarse. kanaanis jijjiiramni dhufe hin jiru.

Kanneen biroos hedduutu jira – kutaan 2ffaan itti fufa:

2ffaa) Abbaan qabeenyaa, Gareen dhuunfaa, Hojjattootumti dhaabbatichaa Saba muraasaan gurmaayan akka ummata saamaniif haalli mijate. Haalota Ummata saamuuf mijate keessaa muraasni:
~ Lakkoofsa gabaabaa(Short code) qopheessanii lakkoofsa gabaabaa kanaan kaan ummata ykn fayyadamaa tajaajila bilbilaatti hayyama fayyadamaa malee ergaa gabaabaa itti-erguun(push-sms) gochuudhaan yeroo takkatti maamiltoota hanga barbaadee irraa mallaqni akka muramu godhu. Hub: yeroo takkatti Ergaan gabaabaan maamiltoota Mil.10tti ergamuu danda’a. Qarshiin 1 ykn 2 ykn 5 akka muramu godhama.
Maamiltoota mil.10tti isa abbaa qarshii-1 kutatu sana qofa yoo ergame – ergaa gabaabaa tokkoon mil.10 guyyaa tokkotti sassaabama jechuudha. Ergichi guyyaa guyyaan ergama waan ta’eef ji’atti namni/gareen/dhaabbanni haala sanaan ummata saamaa turan meeqa akka saaman tilmaamaakaa.
Saamichi kuni, komiifi mormii yeroo dheeraatiin kan hirdhate ta’us ammas waan dhaabbate miti. Mee hubadhaa Hawaasa keenya baadiyaa jiraatu, galii inni argatu. kaardii inni guyyatti guuttatu, Saamicha harka garaa jalaatiin irratti raawwatamaa jiru kana tooftaa ittiin jalaa bahuun fi kkf kaasuun waan sammuu nama dhukkubsuudha.

~ Garee Saamtotaa Qindaayeef daandii saamichaa haala mijeessan. Kana jechuun gareen qindaaye waajjira kireeffatee bilbila heddu baafatee, bilbila maamiltootaa telekoomii tahan tilmaamaan filachuudhaan itti bilbilanii ‘CARRAAN LOTORII kuma 50, kuma 100.. waan isinii baheef,ykn Alamuddiin badhaasa akkasii isiniif kennuu waan heduuf buufata Raadiyoo/TV…kkf irraa isiniif bilbilaa jirra, Kaardii Mobile hanga 2000, 500, 1000, 800…’ bilbila kana irratti guutaa jedhanii hawaasa hubannoo hin qabne saamanii-saamsisaa turan, hardhas itti jiru….

Maal kana Qofa – Kutaa itti aanutti itti-deebina.

 


#Kaayyoon_keenya : Hubannoo hawaaasa keenyaa Cimsuudha.

Horaa Bulaa Deebanaa
OROMO ICT Team
E-mail: contact@oroict.com
: oromoict@gmail.com
Web: www.oroict.com
: www.afaan-oromoo.com

 

Author

abdiisaa

Comments (3)

  1. Sadam xaha
    May 4, 2018

    Galatoma jabaadha dhuguma biyya kenya san keysati filaanon bira jirachu dhabun ummata kenya midhe biyya orma company 2 hanga 4 jira.

  2. Tahir Awel
    June 19, 2018

    Baay’ee Baay’ee garii dha itti fufii nuuf ibsii
    Karaa haatootnii itti nuu fixaa jirtuu.
    Galatoomi!!

  3. Taajuu Abdallaa
    June 19, 2018

    Tajaajilli keessan baayyee nama gammachiisa galatoomaa haaluma kanaan itti fufa?

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *