Maamilootaafi Hordoftootni keenya akkam jirtu? Dhaabbanni Qubee Teekinoolojii(Qubee Technologies) yeroo ammaa biyya keessaa fi biyya alaatii damee kan qabu, Tajaajiloota Software fi App Mobile hojjachuu, Website hojjachuu, waaltessuu fi too’achuu, Gorsaafi Leenjii ICT, Deeggarsa fi Beeksisa Online Business, fi kkf ni kinnina. Kanumarraa ka’uudhaan yeroo ammaa Tajaajilli ykn Oomishaaleen keessan akka namoota heddu bira gahuuf, […]
Akka miidiyaaleen Addunyaa gurguddoon akka CNN, The Guardian, BBC gabaasaa jiranitti yoo xiqqaate fayyadamtoota feesbuukii Mil.30 ol ta’an jalaa Odeeffannoon dhuunfaa akka lakkoofsa bilbilaa, Email-address fa’a hattoota Interneetaa(Hackers) hatamuu himame. Kunis Hanna guddaa jalqabaa ta’ee seenaa dhaabbatichaa keessatti galmaayeera. Hattootni Interneetaa kun fayyadamtoota Mil.14 oljalaa immoo odeeffannoowwan dabalataa kanneen akka ‘Iddoo jireenya dhuunfaa fayyadamtootaa, Hariiroo […]
Yeroo bara moobaayilaa kanatti bilbilli keenya firootaa, hiriyootaa fi addunyaa tanaan 24/7 wal nu qunnamsiisee jira. Sababa kanaaf; bilbila keenya hedduu jaalanna. Wanti nama gaddisiisu garuu chaarjii dafee dafee fixuu isaati. Fixus nuti ima chaarjesina. Hundumaafuu; mee an gara ijoo dubbii kiyyaatti haa deebi’uu. Chaarjeriin nutti moobaayilaan chaarjesinu kun akkamitti akka hojjatu beektuu? Chaarjerii keessa […]
Itiyoo Telekoom erga bulchiinsi haaraaan ramadamee #Tajaajila Haqa-qabeessaafi fooyya’aa tahe uumuuf dhama’aa waan jiru fakkaata. Takka jedhee tarkaanfii Gatii tajaajilootasaa Ummataaf hirdhisuun kan eegale dhaabbatichi, Ammayyuu Komii Ummanni dhaabbaticha irraa qabuuf deebiin hedduu kan hin deebine akka tahe ni beekkama. Kun osoo akkasumatti jiru, Yeroo ammaa immoo tajaajila haaraa Maallaqni maamiltoonni bilbila keessaa qaban gadaanaa […]
Dhaabbatichi ibsa miidiyaalee biyya keessaaf kenneen, tajaajila intarneetii daataa moobaayilii irratti hir’isa gatii dhibbeentaa 43, kan intarneetii biroodbaandii irratti ammoo dhiibbantaa 54 taasiseera jedhe. Akkasumas tajaajila bilbila sagalee irratti hir’isa gatii dhibbeentaa 40 fi ergaa barreeffamaa gabaabaa irratti ammoo dhibbeentaa 43 taasisuu himeera. barameera. Haaluma kanaan tajaajilli bilbila sagalee duraan daqiiqaatti saantima 83 ture gara […]
Yeroo ammaa ummanni keenya hedduun eenyummeessaa Feesbuukii banachuu ykn baafachuudhaan tajaajiloota adda addaatiif itti dhimma bahaa jiru. kanneen keessaa muraasni: ~ Firaaf Maatii isaanii addunyaa garagaraa jiraataniin walqunnamuuf(Haasaa keessootiin – inbox, Haasaa Sagalee ykn Suursagaleetiin-sound or video call)dhaan. ~ Daldalaafi beeksisa daldalaatiif ~ Barumsaa kennuufi argachuuf ~ Gareedhaan gurmaayuufi gurmeessuuf(garee siyaasaa, kan amantii, kan sanyiifikkf…) […]
Feesbuukiin marsaalee qunnamtii hawaasaa keessaa isa beekkamaadha. Yeroo gabaabaa keessatti beekkamtii olaanaafi hordoftoota hedduu horate. Fayyadamtoota guyyaa guyyaan dabalaa deeman horatee jira, yeroo ammaa hordoftoota ka’aa(Active users) hanga biliyoona 2.19 horachuu odeeffannoon marsariitii dhaabbatichaa ni agarsiisa. Haalli kun dhaabbatichi dhaabbilee gurguddoo addunyaa keessaa toora duraarratti akka hiriiru taasisee jira. Tajaajila dhaabbanni guddaan addunyaa kennu […]
Barnoota keenya Hanna Koompitaraa kutaa 4ffaa keessatti Meeshaalee bebbeekkamoo hanna koompitaraa ofirraa ittisuuf tajaajiluuufi Hanna sirna Koompitaraa ykn cimdaa raawwachuuf gargaaran baldhinaan ilaalla. NMAP – Akeektuu Cimdaa(Network Mapper) jechuudha. Innis Mi’a bilisaan(Free) argamuu danda’uufi Sirna Ittisaafi gahiinsa cimdaa faana dhahuuf baldhinaan kan dhimma itti bahuun danda’amuudha. Meeshaa kan too’attootni Sirna Cimdaa dhuunfaa ykn dhaabbilee adda […]
Hanna koompitaraa keessatti jechootni yeroo heddu dhimma itti baanu hedduu tahanis; Jechootni hanna koompitaraa keessaa muraasni: ~ Mosdhaa ykn Mosajjii dhaadhessaa(Adware) – Mosajjii bifa beeksisaa fakkaatee namatti ergamuudhaan, namni barbaadame sun yoo beeksisa sana cuqaase ykn tuqe odeeffannoo nama sanaa qaama 3ffaaf erguuf kan fayyaduudha. ~ Faaluu(Attack) – Kunis tooftaa ykn haala sirna(system) barbaadame […]
Faayidaalee hanna Koompitaraa irratti bobbahuu Hanni koompitaraa ulaagaalee asiin gadiirratti hundoofnaan baay’ee barbaachisaadha. Isaan keessaa muraasni: ~ Odeeffannoo ykn deetaa nu jalaa bade deeffachuuf nu gargaara, keessattuu yoo Jechadarbii(Password) irraanfanneef. ~ Yaalii diramaan cabsuu kan Of-eeggannoo nama dhuunfaa ykn dhaabbata tokkoo mirkaneessuuf taasifamu. ~ Tarkaanfii baba ittisa dhuunfaa ykn dhaabbata keenna eeggachuuf godhamu mirkaneeffachuuf. ~ […]
- 1
- 2