Barnoota Moobaayilaa Leenjii fi Gorsa TQO Marsaalee Ammee Qafoo Moobayilaa

Chaarjeriin Moobaayilaa akkamitti hojjata?


Yeroo bara moobaayilaa kanatti bilbilli keenya firootaa, hiriyootaa fi addunyaa tanaan 24/7 wal nu qunnamsiisee jira. Sababa kanaaf; bilbila keenya hedduu jaalanna. Wanti nama gaddisiisu garuu chaarjii dafee dafee fixuu isaati. Fixus nuti ima chaarjesina.

Hundumaafuu; mee an gara ijoo dubbii kiyyaatti haa deebi’uu. Chaarjeriin nutti moobaayilaan chaarjesinu kun akkamitti akka hojjatu beektuu? Chaarjerii keessa maak fa’atu jira?

Gabaabumatti; chaarjeriin maal akka tahe yoo ilaalle; maashina kaarentii jijjiiramaa/Alternating current -AC/ gara kaarentii qajeelootti/Direct current -DC/ geeddaruudha. Yeroo hundaa chaarjeriin humna ibsaa manaa gara 5V geeddaruun humna moobayilaan wal qixxeessuun akka chaarja’u godha.

Chaarjeriin kamiinuu humna alaa seenu haalaan too’achuun gara humna ykn anniisaa barbaadameetti geeddara. Kunis tartiiba armaan gadiitiin adeemsifama. Mee tartiiba isaa haa ilaalluu.

A. Gargaarsa transformer’tiin anniisaan ni qeebalame AC irraa gara DC tti geeddarama.

B. Anniisaawwan gara DC tti geeddaraman kunniin akka bahaniif/output/ tahaniif haalli ni mijeeffamu.

C. Anniisaan xiqqeefame gara barbaadame gara alaa ni baha jechuudha.

 


Galatoomaa!!

OROMO ICT

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *