Marsaalee Ammee

Itiyoo Telekoom tajaajila yeroo qilleensaa duubeedhaan laachuu eegale


Itiyoo Telekoom erga bulchiinsi haaraaan ramadamee #Tajaajila Haqa-qabeessaafi fooyya’aa tahe uumuuf dhama’aa waan jiru fakkaata.  Takka jedhee tarkaanfii Gatii tajaajilootasaa Ummataaf hirdhisuun kan eegale dhaabbatichi, Ammayyuu Komii Ummanni dhaabbaticha irraa qabuuf deebiin hedduu kan hin deebine akka tahe  ni beekkama. 

Kun osoo akkasumatti jiru,  Yeroo ammaa immoo tajaajila haaraa Maallaqni maamiltoonni bilbila keessaa qaban gadaanaa yoo ta’u, herreega yoo hin qabaatin, yookin kaardin kaffaltii duraatin guuttattan yoo hin jiraatin duubee fayyadamuun ni danda’ama.

Tajaajilichi maamiltoota bilbila sochootuu kaffaltii duraa fayyadaman fayyadamoo kan taasisu yammuu ta’u, maallaqni liqeeffatan tajaajila sagalee, ergaa gabaabaa, intarneetii, tajaajila dabalataa yookin abbaa biraatif herreega dabarsuuf ooluu danda’a.

Tajaajilicha argachuuf qebee A,L yookin C barreessudhaan gara 810 ergaa gabaabadhaan erguudhan ajaja isinii laatamuun hordofaa itti fuftuudhan argama.

Tajaajjilli liqaa kunis Birrii 5 kaasee amma Birrii 1000 yammuu ta’u, yammuu kaardii bittanii guuttattan kan hir’ifamudha. Tajaajila Liqaa kana yeroo fayyadamnu, dhibbeentaa 5(5%) gatii tajaajilaa(Service Charge) akka qabu himameera. Kana jechuun hamma liqeeffanne sanairratti 5% daballee galchina jechuudha.

Maamila tajajaila liqichaa ta’uudhaf baatii tokkoof yeroo qilleensaa Birrii 30 guutanii kan fayyadaman ta’uu qabu. Liqaa biraa argachuudhaf liqaa duraa deebisuun dirqama ta’uu Iityoo Teelekoom FBCtti himeera.


HORAAA BULAA DEEBANAA

OROMO ICT

Author

abdiisaa

Leave a comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *