Dhaabbanni guddaan Addunyaa Google tajaajila ergaa gabaabaa(SMS) mala tooftaa
haaraa gadi lakkisuu akka hedu beeksiseera.
Faayidaa Giddugala-tokkorraa dhaabbilee heddu Tekinoolojiidhaan too’achuu Tokkummaan humna jedhama mitiiree…! Wajjiin hojjachuun humna. Tokkoomuudha, walcimsuudha, wajjiin guddachuudha, yoo kufanis wajjiin kufuudha(wajjiin hojjatanii kufuun hin jiruuyyu), yoo moo’atanis wajjiin moo’atanii milkaayuuf karaa saaqa. Ummanni keenna aadaa wajjiin hojjachuu hin qabu, hunduu karama ofii fiiga, hanguma sana reef waldeeggaruufi waliin hojjachuus akkasumas yaadaan wal-utubuu eegale. kun waan […]
Icciitii dhuunfaa Abbumatu too’achuu qaba Jedha dhaabbanni Feesbuukii Toraan darbe, Gaggeessaan Olaanaan dhaabbata facebook, Koongireesii biyyooleessaa irratti dhiyaatee haanga’oota olaanoo mootummaa USA irraa gaafileen ciccimoofi mataa dhukkubbii fidan itti ka’aa turan. Sababni Gaafilee kanaas, Odeeffannoon ji’a tokko dura bahe tokko, Waggaa lama dura Dhaabbanni feesbuukii Odeeffannoo fayyadamtoota miliyoona dhibbaa ol-ta’an Filannoo Biyyoolessa USA, kan President […]
Akkuma beekamu namootni hedduun feesbuukii isaanii Lakkoofsa bilbila isaanii akkuma E-mail isaanitti fayyamee banachuudhaan fayyadamaa jiru. Sababni isaa waan lama irraa madda – Isaanis: 1ffaa- Dhaabbanni feesbuukii lakkoofsi bilbila nama kamiiyyuu garaga akka ta’eefi icciitii dhuunfaa nama tokkoo too’achuuf mala salphaadha jedhee waan amanuuf lakkoofsa bilbilaatiin namootni akka eenyummeessaa(account) akka banatan ni hayyama. 2ffaa- Teessoo […]
Waan dabaati, kaleessuma koompitara koo osoo tuttuqu, agarsiiftuun iddoo banaa(location ON) isa jedhu arge, Rifadhee ol utaale, maaliif akka ta’e ofgaafadhe, irra deddeebi’een yaade, dogoggoraan osoo hin hubatin anumti baneeti ta’a jedhee dafee ofirraa cufe. ~ Maaliif akka rifadhe isinuu ni beektu, mootummaan biyya tanaa dalagaa biraa waan hin qabneef, Faana nama dhooftee nama […]
‘Who minus who’ jechu mitiiree – #Dhaabbatootni Daldalaa Ilmaan Oromoo hedduun(irra caalaan) #Tekinoolojii_Ammayyaawaa hojii irra oolchuudhaan #DALDALA isaanii too’achuu hin jalqabne. Biyyuma #Xoobiyaa tana keessatti garuu kan warra kaanii #Tajaajiluma walfakkaatu #saffisaan, haala salphaan, gatii-salphaan, Humna-namaa Salphaadhaan(simple, effectively, efficiently and low cost) kennaa jiru waan ta’eef #Maamiloota hedduu qabu. Keenya immoo – humna namaa heddu […]
Gaaffii yeroo hunda Ummanni keenya itti rakkachaa jiruufi, qabeenyas itti kasaaraa jiru – guyyatti OROMO ICT gaaffii hedduu nu gaafatu, #Miidiyaaleen kunneen maaliif Hawaasa keennaaf hubannoo gahaa hawaasni keenna akka argatuuf maaliif irratti hojjachuu dhaban? #Yeroo ammaa dhaabbanni tokkichi Biyyattii Ethio telecom #System haaraa fidee qafoo #galmeessuudhaan fayyadamaan Mobile kamuu #qafoo galmaahe malee Gahiinsa-Cimdaa dhaabbatichaa(Network […]
#Of-Eeggannoo – 8681*2# – Gaaffiifi Sodaa namoota hedduu. Torbaanota kana keessa ololli “Bilbili network cuufamaa waan jiruuf bilbili keessan akka hin cufamneef mala 8681*2# fayyadamaa!” jechuun ummata burjaajessaa jiru. namootni hedduun lakkadda(Code) kana fayyadamuudhaan Bilbillli isaanii akka saamsamu godhaa jiru. Kana jechuun tooftaa lakkoofsa bilbila keenyaafi qafoo walitti hidhuuf ooludha. Dhaabbanni Telekoomii itoopiyaa, tajaajila yeroo […]
Malli kun, tooftaa yoo fayyadamaan(user) biraa suuraa keenya eenyummeessaa isaatiif itti dhimma bahe/fayyame hubachuuf ykn beekuuf nu tajaajiluudha. Maamiltootni Feessbuukii yoo fuulli isaanii feesbuukii irratti itti fayyadamame yaadachiisa abbichaa erga. Tooftaan fuula adda baafachu(face recognition) kun Biyyoota Gamtaa Awuroppaa ykn Kanaadaa keessatti akka hojii irra hin oolle baramee jira, sababni isaas naannoo kanatti tekinoolojiin kun […]
Koopmitarri keessan Saffisa isin barbaaddaniin isiniif banaa? Saffisa isin barbaaddaniin hojii isin barbaaddan isiniif hojjataa? – Rakkoolee Saffisa Koompitara keenyaa hirdhisaniifi Furmaanni isaa kunooti. Koompitarri keenya iddoo hojiitti ykn Mana jireennatti itti fayyadamnu sababoota adda addaa irratti hundaayuudhaan saffisni isaa garagara, osoma koompitara gosa walfakkaatu ta’ee jiruu. Inumaayyuu haala itti fayyadama keennaa, keessattuu hubannoo dhabuudhaan […]